Murtee Pirezidantii Kooriyaa Kibbaa michoota rifaasisee uummata mormiif baase

Madda suuraa, EPA
Kibxata sagantaa Televizhinii galgalaa irratti pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk Yoo'eel ''dubbii barbaacha Kooriyaa Kaabaa qoluufi qaamolee farra biyyaa'' ittisuuf jecha bulchiinsa waraanaa labsuu beeksisan.
Murtoon hin eegmane kun immoo magaalaa guddoo biyyattii Se'uul keessatti jeequmsaa fi hiriira mormii guddaa keessummeesse.
Yaadni pireezidantichaa namootni kumaan lakkaa'aman gara Mana Maree biyyattiitti bahanii mormii akka gaggeessan sababa ta'e.
Murtee kana hordofee waraanni biyyaalessaa duula kan eegale yeroo ta'u paarlaamaa biyyattii keessattis garaagartummaan yaadaa uumamee ture. Waraanni naannoo Paarlaamaa biyyattii ture hanga pirezidantichi yaada isaanii hin geeddarretti akka bakkee turu ibse.
Roobii ganamaan ammoo pirezidant Yoon labsii bulchiinsa waraanaa kaasuu tasa beeksisan. Waraannis akka deebi'u beeksisan.
Turtii muraasa dura Mana Maree Biyyaalessaarraa labsiin yeroo muddamaa kun akka ka'u gaaffiin dhiyaateera, kanaaf labsii duraa raawwachiisuuf waraanni bobba'e akka deebi'u gooneerra'' jechuun sa'aatiiwwan keessatti labsii bulchiinsa waraanaa labsan shaaruu himan.
''Gaaffii Mana Maree Biyyaalessaa ni simanna, walgahii kaabinee gochuun labsicha hambifna'' jedhan.
Murtoon pirezidantichaa jijjiiramuu booda mormitootni daandiitti bahan gammachuu ibsachuutti ce'aniiru. Ni injifanne jechuunis dibbee reebaniiru.
Wanti pirezidantiin biyyattii duraan labsan Martial Law, wayita balaan jiru bulchiinsi siiviilii hafee waraanni biyya akka bulchuu gochuudha.
Kooriyaa Kibbaa keessatti bara 1987 dimookiraasiin erga eegalee labsiin kun labsamee hin beeku.
Yeroo dhumaatiif biyyattii keessatti kan labsame bara 1979 hogganaan bulchinsa waraanaa biyyattii yeroo dheeraa Paark Chuung Hee fonqolcha mootummaan ajjeefamuu booda ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ebla darberraa eegalee bulchiinsi pirezidant Yoo laaffateera. Sababni ammoo filannoo biyyaalessaan kaadhimamtootni dhaaba mormituu hedduun teessoo hedduu injifachuudha.
Dabalataan ammoo himannaawwan malaammaltummaa haadha warraa isaanii dabalatee sirna isaaniirratti ka'aa jira.
Torban kana ammoo warri mormituu mootummaa Yoon irraa bajata kutuuf karoorsaniiru. Teessoo waan caalamaniif wixinee kana sagaleen kuffisuuf hiree hin qaban.
Pirezidant Yoon wayita labsii buclhiinsa waraanaa labsan sababni ijoon dhiyeessan Kooriyaa Kaabaa ture. Boodammoo mormitootni sagalee caalmaa qabaniin ajandaa mootummaa isaanii laamshessu qabataniiru jechuun himatan.
Murteen jalqaba Pirezidantichaa michoota biyyattii akka US rifaasisee ture. Yaadni Dubbii Himaa Waajira Haajaa Alaa US irraa kenname Kooriyaa Kibbaa waliin hariiron jiru booda akka hin deebine akeekeera.
Dabaluun ''murtee darbe yaaddoo guddaan itti dhiyaannee hordofna'' jedha. UKnis akkasuma dhimmicha akka hordoftu beeksiftee ture.












