'Mucaa godhachuuf dhiira eeguun dirqamaa?'

Madda suuraa, HANDOUT
Yeroo amma sababoota garaagaraatiin lakkoofsi dubartoota qofaa jiraatanii ykn dhiira waliin jiraachuu hin barbaanne garuu mucaa godhachuu barbaadanii dabalaa jira.
UK qofa keessatti lakkoofsi dubartoota qeenxee ykn walhormaata namtolcheen daa'ima godhatanii waggoota kurnan darbe keessatti dachaa sadii oliin akka dabale ragaaleen kan mul'isan.
Bara 2012 fi 2022 gidduutti lakkoofsi dubartoota qofaa isaanii wal'aansa fayyatiin dhala godhatanii 1,400 irraa gara 4,800tti guddachuu gabaasni qaama dhala to'atu irraa argame ni eeru.
Ogeeyyiin fi dubartoonni maatii qofaa ta'anii jiraachuuf karoorfatan akka jedhanitti, dubartoonni baay'een ijoollee hanga umuriin isaanii guddatutti yeroo biraatti dabarsuu fi hiriyaa jaalalaa tasgabbaa'aa dhabuun akka waanti kun hammaatuuf sababa ta'uu kaasu.
Garuu dubartootni akkasii wayita wal'aansa argataniis ta'ee jireenya maatii qofaa ta'e gaggeeffatanitti rakkoon mallaqaa baay'inaan isaaan muudata.
Baay'een isaanii amma iyyuu yeroo wal'aansa argataniifi warra kophaa ta'an keessatti gufuu maallaqaa isaan mudata.
Haadholiin qofaa isaanii daa'ima godhachuu filatan muraasni waa'ee muuxannoo isaanii qoodaniiru.
'Akka fedhakootti mucaa godhachuun naaf ta'eera'-

Madda suuraa, HANDOUT
Narsii fayyaa hawaasaa kan taate Giinaan, wayita umuriin ishee waggaa 30 ga'u dhala godhachuu barbaaddee qorannoo taasifatte. Bu'aa qorannoo sanaan boodas hiriyaa dhiiraa dhabdullee garuu umurii kanatti da'uu waan barbaaddeef haadha qofaa ta'uu akka dandeessu cimsitee yaaduu eegalte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Ani hiriyaa jaalala waliin jalqabee dhiisaa, jalqabee dhiisaa ture, garuu nama tokko waliin yeroo dheeraaf turee daa'ima godhachuu nan barbaada. Sun garuu utuu as achi jedhuu yeroo koo gubuu ta'a, ykn ammoo adda baaneyyuu deebi'ee qophaa ta'uu fi dhiisuun koo hin beekamu. Sanaa waliin wal'aansoo qabuu caalaa qofaa koo daa'ima godhachu akkan filadhu natti dhaga'ame."jetti
Giinaan sanyii dhiiraa (isparmii) arjoomtootaa fayyadamuun gadameessa ishee keessaatti (IUI) lilmoodhaan naqsiifachuuf baasiin £1,500 ta'u baasuun bara 2021 ulfoofte.
Maatii ishee waliin walitti dhufeenya cimaa kan qabdu yoo ta'u, obboleettiin ishee qorannoo dhimma koorniyaa irratti hojjattuun gorsiti, haati isheemmoo hanga da'umsatti deeggarsa barbaachisu gochaafi turte. Kanaaf hiriyaa dhiiraa malee mucaa godhachuu ishee irratti "yaaddoo tokkoyyuu hin qabu" jetti. Haala naaf miijatuun mucaa godhachuun koo naaf ta'eeras" jechuun ibsite.
Bara 2022 erga ilma ishee waggaa lamaa ta'e booda fudhattee baasii kunuunsa daa'immanii gargaaruuf Yoorkishaayir irraa gara biyyashee Noorthamberlaandiitti deebitee jirti.
Giinaan yeroowwan ishee aarsan jiraachuu amantullee, garuu jaalalaa fi deeggarsa yoo qabaatte da'uu barbaannaan dhiira eeguun dirqama miti jetti.
'Yeroon kee sijalaa deemuu hubatta'

Madda suuraa, CLAIRE LONG
Soofiin, umuriin ishee waggaa 30 keessaa harka caalu jireenya guutuu, bashannansiisaa fi gammachuu qabu jiraachuun kan dabarsite yoo ta'u,wayita guyyaa dhaloota ishee gara waggaa 40ffaatti dhihaattu dhala godhachuu akka hin dandeenye sodaan isheetti dhaga'ame.
"Wayita yeroon kee sijalaa deemu waanti hunduu akka ati yaaddetti akka hin taane hubatta," jette.
Jalqaba irratti ofii isheetiin daa'ima argachuuf yaaluuf murteessite, karaa sanyii kormaa gadameessa keessa kaa'uu (IUI) yaalte, garuu ulfi irraa deddeebin irra ba'uun rakkise. Sana booda mala teknolojiin hanqaaquu ishee kennitee laabrotoorii keessatti micireen akka uumamuuf taasifte. Bara 2021ttis jijjiirraa miciree qabbanaa'es milkaa'inaan gara gadameessa isheetti darbe. Adeemsa kanaaf naannoo £30,000 kan baaste Soofiin haadha mucaa qofaa isheett godhatte taate.
Yeroo ulfaa fi sadarkaa jalqabaa haadhummaa isheetti, Soofiin gaabbii tokkollee akka hin qabne dubbatteetti.
Gariin murtoo ishee irratti gaaffii kaasan, gorsituu ishee tokko dabalatee, "daa'imman maatii tokko qofaan gara addunyaatti fiduun dhiibba akka qabu kaasan. Daa'imman kun maatii tokko qofa qabu maatin sun yoo du'e hoo?"
Soofiin "Ilaalcha sana guutummaatti kabajeen ture garuu amma Maartaan waggaa sadii guutaa jirtu waliin walitti dhufeenya addaa qabna , jireenya baayyee tasgabbaa'aa qabdis," jetti Soofiin.
Hubannoon ishee yeroo cimaa deemettis waaʼee waan hundumaa intala ishee Maartaa wajjin ifatti dubbachuuf karoorfachu himti
Haa ta'u malee, murtoo hunda ofumaa waan gootuufi nama yaada ishee waliin mari'attu waan hin qabneef,maatii qofaa ta'uun rakkoo akka qabus ni amanti.
"Murtoo hunda ofuma keetii murteessita, qofaa itti dhiphatta, tarii yeroo da'imittiin dhukkubsatte irriba malee bultu maatii tokoon mucaa godhachuun hammam cimaa akka taate hubatta." jette.
'Ijoolleen umuriin daangeffamu, jaalalli garuu akkas miti'
Misheel, dubartii ganna 42, hariiroo yeroo dheeraa hiriyyaa ishee waliin qabdu erga xumurtee booda, karaa namoota sanyii dhiiraa arjoomanii fayyadamuun lilmoon gadameessa keessa kaa'uu (IUI) ijoollee lama milkaa'inaan horatteetti.
"Yeroo dheeraaf hiriyaa gaa'elaa tokko waliin ture, yeroo hunda ijoollee godhachuu akkan barbaadu nan beeka ture. Inni garuu dhimma kanarratti daangaa guddaa ture," jetti Misheel.
Yeroo hariiroon jaalalaa isaanii dhaabbatu umuriinishee waggaa 38 ga'eera. Dhuguma hariiroo jaalalaa biroo keessa seenee karaa uumamaan dhala argachuuf yeroo akka hin qabne natti dhaga'ame jechuun himti.
Misheel daa'ima argachuuf yaaluun ofirraa ittisuu mannaa, jaalala jalqabuu irraa of qusachuuf murteessite.
"Yeroon ijoollee itti godhatan umuriin kan daangeffame yoo ta'u, dandeettiin kee hiriyaa jaalalaa argachuu yeroon kan daangeffame miti," jetti.
Mala sanyii dhiiraa arjoomotaa gadameessa keessa kaa'uu(IUI) fayyadamuun £1,800 baaftee ulfoofte.
Misheel bara 2021 mucaa ishee osoo hin da'in dura haadha ishee waliin rakkoo muudachuu danda'uu fi akkatti furmaata barbaadan irratti bal'inaan of qopheessite.
Bara 2023tti mala ulfaa walfakkaatuun intala tokko kan horatte yoo ta'u, amma ijoollee ishee lamaan waliin jiraatti.
Imalli Misheel yeroon darbaa deemuun umurii daa'imman godhachuu daangessuu danda'a garuu hjaalala hin daangessuu jetti.
Gufuuwwan jiran maali?

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsi dubartoota qeenxee ulfa ta'uuf wal'aansa dhala argachuu fudhataa jiran baay'ee dabaleera, ta'us garuu sababa gufuu maallaqaatiin lakkoofsi kun hanganumaa akka xiqqaatu ta'e.
Wal'aansi gama teknoolojiitin dhala godhachuu UK keessatti akka tajaajila wal'ansa fayyaa idileetti kan kennamu utuu hin taane ulaagawwaan saniif barbaachisan heddutu jiru. Carraan deggarsa maallaqaa ykn Inshuraansii sanaaf taasifamus baay'ee xiqqaadha.
Iskootilaandiis dubartoota qofaa jiraniif wal'aansa dhala godhachuu maallaqaan hin deeggartu.
Ingilizitti, qaqqabummaa wal-xaxaa kan jiru yoo ta'u, murtoon waa'ee maallaqaa naannootti murtaa'a.
Dubartoonni naannoolee irra caalaan IVF NHS'n maallaqaan gargaaramuuf fudhatama argachuu isaanii dura yoo xiqqaate marsaa ja'a walhormaata namtolchee kaffaluu qabu.Weelsittis akkasuma
Maatii qofa guddisuu irrattis danqaaleen maallaqaa akka jiru ni mul'ata, UK keessatti giddu galeessaan baasiin kunuunsa daa'immaniif torbanitti bahu paawundii dhibbaan lakkaa'amudha.
Haa ta'u malee, dubartoonni qeenxeen sababa hiriyaa dhiiraa dhabaniif dhala dhabuu akka hin qabne hubachuu fi kana keessa bahuuf tattaaffiin taasifamu dabalaa dhufeera.












