Pirezidantiin Sudaan Kibbaa nama du'e muudanii jennaan gargaartotasaa ari'e

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Pirezidantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir gargaartota isaanii olaanoo lama nama lubbuun hin jirre marii dhimma filannoo irratti akka gaggeessuuf muuduun salphina erga itti fide booda hojiirraa ari'an.

Filatamuun Istuuwaard Soroobaa Budiyaa ajaja pireezidantiin ture gaafa Amajjii 30 kan beeksifame.

Haa tahu malee, miidiyaaleen biyya keessaa miseensa paartii mormituu Yuunaayitid Demookiraatiik Paartii (UDP) kan ture namni kuni waggaa shan dura du'uu gabaasan.

Dhimmi kuni midiyaa hawaasaa irratti waan kolfaa tahe.

Eegasii booda osoo sababa hin eeriin ibsi bahe pirezidantichi Pirees Seekireetarii isaanii Deevid Amoor Maajor akkasumas Waajjira Pirezidantii keessatti hogganaa dhimma bulchiinsaa kan ta'an, Vaalentinoo Del Maaluwet, hojiirraa ari'aniiru.

Pirezidant Kiir lamaan isaanii hojiirraa gaggeeffamuu isaaniin ''gammaduu'' ibsuun, hojii kana dura hojjetaniif ''galata guddaa'' akka qaban eeruu ibsa fuula Facebook pirezidantichaa irratti qoodameera.

Gaafa Wiixataa Amoor ibsa baheerratti akka ibsanitti taanaan waajjirri pirezidantii maqaa ''qooda fudhattoonni'' ergan irratti guutummaatti hundaa'uu himan.

Haa ta'u malee, ''qorannoon jabaa qooda fudhattoota keessaa tokkoon akka hin taasifamnee'' wanti mudate ragaadha jedhan.

Qooda fudhataa kanaa maqaan hin eerree, dhaabni UDP illee waan dubbate hin qabu.

Ibsi isaan baasan Amoor aangoorraa akka ka'anif sababa ta'uunsaa ammaaf ifa miti.

Ibsicha dura garuu aangoorraa akka kaafamuuf jedhan haasa'amaa ture.

Buudiyaan waliigaltee nagaa bara 2018 walitti bu'iinsa walabummaa booda Sudaan Kibbaa raasaa ture dhaabsisuuf mallattaa'e irratti kanneen mallatteessan keessaati.

Pirezidant Kiir bakka buutota paartilee garagaraa irraa fidaniiti paanaalii kana kan hundeessan.

Haa ta'u malee, biyyattii keessa walitti bu'iinsi waan itti fufee jiruuf filannoon adeemsifamuun isaa ammallee shakkisiisaadha.

Filannoowwan kana duraa achi dabarfamaniiru. Pirezidant Kiir erga biyyattiin walabummaa gonfattee biyyattii bulchaa jiru.

Walitti bu'iinsa tibbanaan namoonni 180,000 qe'ee isaaniirraa buqqa'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ibseera.

Bulchiinsi Joongilee keessumaa rakkoo cimaa keessa jirti.

Bulchiinsa kana keessa hidhattoonni pirezidantii Itti aanaa biyyattii aangoorraa kaafaman, Riik Machaar waliin hariiroo qaban humnoota mootummaa lolaa jiru.

Machaar yeroo ammaa hidhaa mana keessaa keessa kan jiran yoo ta'u ajjeechaa, biyya ganuufi namooma irratti yakka raawwatuun shakkamanii dhimma isaanii manni murtii ilaalaa jira.

Kiir fi Machaar waliigaltee bara 2018 taasifameen mootummaa tokkummaa keessa waliin ta'u qabu turan.