Finfinneen kunuunsa daa’immanii irratti kantiibota Afrikaaf muuxannoo qoodaa jirti

Inisheetiviin Bulchiinsa Kantiibota Afrikaa-African Mayors Leadership Initiative jedhamu ji’a Amajjii bara 2023, Afrikaa Kibbaatti hundeeffame.

Kaayyoon isaas kantiibonni Afrikaa guddina magaalotaa irratti waliin mari’achuu fi walirraa barachuun ‘rakkolee Afrikaatiif furmaata Afrikaanotaa’ fiduu kan kaayyeffatedha.

Fooramiin kantiibotaa Afrikaa kuni erga hundeeffamee asitti walgahiisaa jalqabaa Finfinneetti taa’aa jira.

Gamtaa Kantiibota Afrikaa kanas Itoophiyaarraa kantiibaan Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanech Abeebee ammaan dura magaala Keepitaawonitti hirmaachuun hundeeffama fooramii kanaarratti karoora isaanii qoodanii ture.

Karoora isaanii keessaa ‘Bara 2026’tti Finfinnee bakka guddisa ijoolleef mijattuu taate gochuu’ kan jedhu isa ijoodha.

Kantiibaan Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee kantiibota magaalota Afrikaa shanii fi ogeessota idil addunyaa biroo waajjiraa isaaniitti simachuun hojiilee magaalattiin gama hawaasa fayyaduutiin hojjetaa jirtu irratti muuxannoo qoodaniiru.

Waggoota sadan darban hojiileen guddina magaalattii irratti hojjetaman hawwattummaa magaalattii kan dabalee fi hawaasa fayyaduu irratti kan bu’uureffate akka ta’es himan.

“Erga yeroo jalqabaatiif magaala Keepitoowonitti walgeenyee asitti akkaataan itti hojjennu bu’uurarraa jijjiirameera. Gorsitoota fooramii kanaarraa gorsi argannu, muuxannoon waliif qoodnu Finfinnee magaalaa fooyyoftuu gochuuf nugargaaraa jira,” jedhan Aadde Adaanech.

''Keessumaa karooraa bara 2026’tti Finfinnee magaala guddisa daa’immaniif mijattuu taate uumuuf hojii hojjechuu jalqabneen bu’aa abdachiisaa argamaa jira.''

Imala guddinaa Magaalattiin agarsiisaa jirtuufis deeggarsii fi tumsi Ministira Muummee Abiy Ahimad olaanaa akka ture eeran.

Magaalattiitti xiyyeeffannaa kunuunsa daa’imman yeroo ulfa ji’a jaha tahanirraa jalqabuun hanga bara 2026’tti waggaa waggaan daa’imman miiliyoona tokkoo fi kuma 300 gargaaruuf karoorfamuunis eerameera.

Kanaanis maatiin kuma 300 fi kuma 30 tahan ijoollee isaanii waliin ni fayyadamu jedhame.

Hojii kanaafis kaappitaalli waliigalaa birrii biiliyoona 60 ta’u kan barbaachisu akka ta’e waltajjii fooramii kantiibotaa kanarratti eerame.

Aadde Adaanech Abeebee kantiibota magaalota Afrikaa yaa’ii kana hirmaachaa jiran wiirtuuwwan kunuunsa daa’immanii Gullallee fi Lidataatti tajaajila jalqaban daawwachiisaniiru.

Kantiibonni yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiranis magaalaa Finfinneetti hundeeffama Fooramii kantiibota Afrikaatii asitti hojiin hojjetame akka iisaan onnachiisee fi qindoomina bulchiinsa magaalaa fi mootummaa federaalaa gidduu jirus dinqisiifatan.

Fooramii Kaantiibota Afrikaa Finfinneetti taa’amaa jiru kanarratti Itoophiyaa keessaas magaalli Adaamaa hojii bulchiinsa lafaa Kaadaastaran bulchuu fi itti fayyadama teeknolojii ‘Smart City’ hojjetteen jajamteetti.

Magaalonni Bahaardaarii fi Dasee ammoo dargaggoota hojii dhabeeyyii hojii qabachiisuurratti waan hojjetaniin akka muxannootti eeraman.