'Da’umsi safuudha' – Tigist, ogeettii Ameerikaatti manatti deessistu

Biyyootii guddatan hedduu keessa lakkoofsi haadholii hospitaalarra manatti da’uuf filatanii dabalaa jira.
Qorannoowwan tokko tokko akka agarsiisanitti biyyootiin akka Neezerlaand, Deenmarkii fi Jarmaniin addunyaa keessatti lakkoofsa dubartoota manatti da’anii olaanaa qabu.
Akka dhaabbati To’anno Dhibee US (CDC) jedhutti, bara 2020’tti daa’imman biyyattii keessatti dhalatan keessaa %1.26 kan ta’an manatti dhalatani.
Hadhooliin kunneen deessiftuu eeyyama qaban fayyadamuun manatti da’uuf kan filatan, sababoota akka qoricha ciniinsuu hambisu fudhachuu dhiisuuf, qoricha ciniinsu fidu fedhuu dhabuu fi adeemsa da’uumsaa adda hospitaala keessatti safuu hin eegganne jedhan irraa of eeggachuufidha.
Tigist Toleeraan Ameerikaa keessatti oggummaa manatti deessisuun eyyama argatttee hojjechuu erga eegaltee daa’imman 60 ta’an deessisteetti.
“Durii duriyyuu dubartiin manatti deessi ture,” kan jettu Tigist sababa ammayyummaan yeroo hospitaalotni eegalan deessiftoonnii durii dhiibamuu dubbatti.
Yeroo ogummaan meedisinii, ogummaan doktarummaa akkuma guddachaa deemee, “adeemsa da’uumsaa uumaan jiru jeequun eegalame,” jetti.
“Da’umsi iccitiidha, safuudha. Qullaa dubartii abbaan fedhe hin argu,“ keessattu biyya keenyatti jetti.
Dubartiin tokko yeroo da’uumsaaf hospitaala deemtu, namootni isheen argitee hin beekne kan safuushee arguu hin qabnetu, bira dhaabate akka isheen deessuu akka godhu Tigist ni himti.
Bara 2020 irraa eegaltee dhaabbata tajaajila manatti deessisuu kennu Odaa Birth Midwifery Services jedhamu hundeessitee hojjeechaa kan jirtu Tigist, “dubartoonni hanguma baraa deeman, dhippuu (siqiqiin) isaan irra ga’u sirrii akka hin taane dhaqneeffachaa, ilaalaa, baraa dhufani,” jetti.
Gabaa da’umsaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaa keessatti lakkoofsi dubartoota akka uumamaatti ciniinfatanii da’anii hir’achaa dhufeera kan jettu oggeettiin kun, sababiin isaa gabaan da’umsa irratti jiru, maallaqni irraa argamu baayyee olkaa’aa waan ta’eefidha jetti.
Ameerikaa keessatti da’umsa uumamaan hospitaalatti taasifamuuf kaffaltiin gidduu galaa dolaara 10,000 ta’uu mala. Wal’aansa baqaqsanii hodhuun yoo deesse ammo gara doolara 22,000 kan ta’u kaffalamuu qaba.
Yeroo dubartiin tokko da’uumsaaf gara hospitaalaa dhuftu galiin isaanii akka dabaluuf, qoricha adda addaa akka fudhattu gochuu, ciniinsuun yemmuu jalqabuun ammo ‘akka sin hin dhukkubne goona’ jechuun qoricha qaama hadoochu kennuun, ykn wal’aansa baqaqsanii hodhuun akka deessuu taasisuun akka isheen galii argamsiistuufiiif jajjabeessu jetti Tigist.
Kana jechuun wal’aansa da’uumsa mana yaalatti argachuun guutummaa guututti sirrii miti jechuu akka hin taane kan ibsitu Tigist barbaachisummaa isaa ala galiif wal’aansoti taasifaman miidhaa akka uuman ibsiti.
“Dubartiin wal’aansa baqaqsanii hodhuun deesse tokko, deebite uumamaan da’uutti deebi’uuf carraa isheen qabdu baayyee xiqqaadha. Kanaaf gara fulduraatti yoo mucaa da’uu feete hospitaaluma sanatti hidhamti jechudha,” jetti.
Jarraa 20ffaa keessatti addumatti biyya Ameerikaatti gabaan akkanaa baayyachaa dhufee, dubartoonni harma hoosisuullee dhiisanii ‘formula’ aannanii (namtolche) fayyadamuu akka eegalan himti.
“Dubartoonni ofii isaaniillee da’uu akka danda’an irraanfachaa dhufani.”
Carraan dubartiin tokko da’umsa irratti rakkoon cimaa uumamee, ogeessa fayyaa addaa ishee barbaachisu tilmaamaan %10 kan ta’u qofa akka ta’e ibsiti.
Waluumaagalatti yeroo ilaalamu dubartoonni %85 ol nagaadhumaan rakkoo fayyaa malee ni deessi jetti.
Ta’us garuu, “Ameerikaa keessatti, ijoollee 3 dhalatan keessaa yoo xiqqaate tokko karaa wal’aansa baqaqsanii hodhuun kan dhalatedha. Kun baayyeedha,” jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Wal’aansa baqaqsanii hodhuun kan filatamu qabu yoo rakkoon uumame qofa akka ta’e kan ibsitu ogeettiin kun, amma haala uumamaan ciniinfatanii da’uun akka waan addaatti ilaalamaa jiraachuu himteetti.
Mana ofiitti da’uuf yeroo dubartoonni filatan, kan naannaa isaanii jiraatu maatii, deessistuu oggummaa fi eeyyama isaa qabdudha.
Yeroo dubartoonni namoota hin beeknee duratti safuun isaanii mul’atu, dhiphuu itti uumuun ciniinsuun akka irra turu gochuu akka danda’u Tigist himteetti.
“Hospitaala deemtee, naasuun yemmuu jiraatu, siqiqqiin yemmuu jiraatu, sodaan yemmuu jiraatu, adeemsi ciniinsuu uumamaan jiraatuu jeeqamee, ciniinsuun akka malee irratti dheerachuu jalqaba.”
Sababoota akkanaan biyyootii guddatan keessatti hadhooliin manatti da’uu kan filatan ta’us, Itoophiyaa keessatti deessistoonni jiraatanis sababa qulqullinaa fi biroon dubartoonni dhukkubaaf saaxilamuu waan danda’aniif da’uumsaaf akka gara hospitaalaatti akka deemaniif akka jajjabeessitu Tigist himteetti.
Ta’us garuu haalli haadholiin, keessumaa akka aadaa biyya keenyaatti, utuu siqiqqii keessa hin seeniin, safuun isaanii utuu hin xuqamiin akkataan isaan itti da’an uumamu akka qabu ibsiteetti.
Qophii manatti deessisuu
Shawaa Lixaa, Magaalaa Gindabaratitti dhalattee Ambootti kan guddatte Tigist tajaajila manatti deessisuu kana kan kennitu dubartoota rakkoo fayyaa akka hin qabne mirkanaa’eef qofa akka ta’e himteetti.
Hadhooliin yeroo ulfaa’aanitti hospitaala deemuun haala ta’uumsa daa’ima isaani, fayyaa isaanii, da’uumsa irratti rakkoon uumamuu fi maluu dhiisuu isaani dursanii erga ilaalamanii booda, manatti da’uu fi dhiisuuf filatu.
Tigist yeroo manatti deessisuuf deemtu meeshaalee fi qorichoota yeroo rakkinaaf ishee fayyadan kan akka wanta dhiigi dhaabuuf fayyadu fi yoo tasa daa’imni hafuura baafachuu dadhaban gargaaruuf oksijiinii qabatteeti deemti.
Yeroo ammaas Facebook gubbaa fuula 'Gola Aayyoo' jedhamu bantee odeeffannoo fayyaa barbaachisaa haadholii fi dubartootaaf ta’uu malan akka qooddu himte.












