Afrikaa Kibbaatti atoobusiin riqicharraa kufee daa'ima waggaa 8 tokkorraa kan hafe namoonni keessa turan 45 du'an

Afrikaa Kibbaatti atoobusiin tokko riqicha meetira 50 ol dheeraturraa kufee mucaa waggaa saddet tokkorraa kan hafe namoonni keessa turan 45 du'uu aanga'oonni himan.

Daa'imni waggaa saddetii miidhaan guddaan irra gahee lubbuun oolte ammoo wallaansaaf gara hospitaalaa geeffamteetti.

Atoobusiin kun wayita riqicharra ce'aa jirutti toora daandii keessaa bahee akkuma hallayyaatti kufeen abiddi itti qabate.

Kun kan ta'e Afrikaa Kibbaa Limpooppoo keessatti yoo ta'u, namoonni keessa turan dhimma amantiidhaaf imalarra turan.

Imaltoonni balaa kanaan dhuman kunneen magaalaa guddoo Botiswaanaa, Gaaboroonii irraa ka'anii magaalaa Mooriyaa jedhamtutti tajaajila Ayyaana Faasikaa hirmaachuuf imalaa turan.

Konkolaataan kun to'annootiin ala ta'uun wayita riqicha gaara Mamaatlakaalaa jedhamu kanarra gahe karaarraa bahee hallayyaa kanatti kufe.

Bakki balaan kun itti qaqqabe karaa kaabaatiin magaalaa Johaannisbarg irraa kiiloomeetira 300 akka fagaatu miidiyaan ummataa Afrikaa Kibbaa SABC jedhamu gabaaseera.

Hojii lubbuu baraaruutiif kan bakka sana qaqqabame Kamisa erga barfatee yoo ta'u, sababa caccabaa konkolaataa kanaatiif namoota du'an baasuun rakkisaa ta'ee ture.

Ministirri Geejjibaa Afrikaa Kibbaa Sindisiwee Chikungaa bakka balaan kun itti qaqqabe qaamaan deemtee kan argite yoo taatu, "maatii namoota balaa konkolaataa kanaan lubbuu dhabanii Waaqayyo isin haa jabeessu" jechuun ergaa dhaamteettiif.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa reeffa namoota deebisuudhaan, akkasumas ka'umsa balaa kanaa ilaalchisuun qorannoo guutuu akka taasisu dubbatteetti.

"Yeroo gadda rakkisaa kana keessatti yaadniifi kadhannaan keenya isin waliin jira," jette itti dabaluun.

"Dhum-torbee Ayyaana Faasikaa [kan faranjootaa] kana keessa namoonni baayyeen daandii keenya kanarra waan deddeebiyaniif yeroo hunda of eeggannootiin akka oofan hubachiiisuu itti fufna."

Afrikaa Kibbaa nageenya daandiitiin seenaa gaarii hin qabdu.

Ergaa balaa tibbanaa booda Pirezidant Siriil Raamaafoosaa "Ayyaana Faasikaa kana naga qabeessa akka ta'u gochuudhaaf waan dandeenyu mara haa goonu" jechuun lammilee biyyattii gaafatan.

"Yeroo itti teenyee balaa akkasiitiin namoota meeqatu lubbuu dhabe ykn ammoo namoota meeqatu madaa'e jechuun itti lakkoofnu," ta'uu hin qabu jedhan Pirezidant Siriil Raamaafoosaa ergaa Ayyaana Faasikaa dabarsaniin.