Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuul Dilbata kana shaampiyoonaa ta'uu akkamitti mirkaneessa?
Dorgommii Piriimer Liigii 2024-25 jalqabuuf yeroo jedhu ''barana waancaa kan mo'annu yoo tapha tokkollee osoo hin mo'amin xumurredha'' kan jedhe Mikeel Arteettaa ture.
Kunis hin taane, aduu torban tokkoo keessatti si'a lama qabxii gatuu mudateera.
Inumaayyuu hanga bara darbeeyyuu garaagarummaan qabxii jiru waan dhiphate miti. Taphoonni jaha hafanii Liiverpuul qabxii 13'n dursaa jira.
Liiverpuul tapha tokkoyyuu mo'annaan waancaa fudhachuu isaa mirkaneessa. Kunis Arsenaal Dilbata kana tapha Ipsiich Taawon waliin qabu irratti mo'amnaan ykn qabxii gate jennaan Liiverpuul waancaa fudhachuu isaa mirkaneessa.
Waan guddaan garuu Arteettaan osoo abdii hin kutatiin falmachuu isaati. Hanga torbanoota darbaniitti Arsenaal waancaa mo'achuurraa abdii hin kutanne.
Yoo tarii Shaampiyonsi Liigiin milkaa'anii Shaampiyoonaa Awurooppaa tahan malee kana booda waan dhumatedha.
Liiverpuul yeroo qabxii guddaa fiduun waancaa Piriimer Liigii dhabe bara 2019 waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atee ture.
Mohaammad Saalaa Piriimer Liigii keessatti qofa bara dorgommii tokkotti [taphoota 38] galchii fi kubba galchii tahan 45 galmeessuun rikardii kana dura Teerii Henerii qabate cabse.
Galchii 27 fi kubba galchii tahan 18 mijeessee kenne.
Tapha West Haam waliin taasisan irratti kubba tokko Luwis Diyaziif mijeessee kenne. Kontiraata haaraa waggaa lamaa kan mallatteesse Saalaan bara kana Liiverpuuliin shaampiyoonaa taasisuuf shoora olaanaa bahateera.
Dabalataan Liiverpuul waliin turuuf kan waliigaltee haaraa mallatteessuuf jedhu Vaan Daayik ammoo galchii injifannoo lakkoofsiseera.
Erga Vaan Daayik Piriimer Liigii keessa taphachuu jalqabee taphataan sarara ittisaa amma isaa galchii lakkoofsise hin jiru.
Waliigalaan galchii 24 lakkoofsiseera.
Arsenaal waancaa injifachuuf erga Arteettaa jalatti pirojeektii haaraa jalqabee yoo xiqqate waggoonni shan darbaniiru.
Ammoo erga waggaa 20 as waancaa Piriimer Liigii injifatee hin beeku. Bara darbe baay'ee itti dhiyaatee ture. Miidhamni taphattootaa akka Saakaa, Haaverti fa'aas barana duubatti hanbisuu hin oolle.
Akkasis tahee jedhu xiinxaltoonni kubba miilaa Arsenaal sadarkaa lammaffaan xumuruuniyyuu yaaddoo itti taha jedhu.
Nootiigihaam Foorest, Maanchister Siitii, Cheelsii fi Niwkaastil kileboota itti dhiyaatanii jiranidha.
Hundi isaanii hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf tattaafatu. Niwkaastil Yuunaayitid Maanchister Yuunaayitidiin tapha dhaqaa galaan injifachuun carraa Shaampiyoonsi Liigiif qabu guddifate.
Niwkaastil Yuunaayitid tapha dhaqaa galaan maan Yuunaayitidiin kan mo'ate bara 1931 ture.
Yoo xiqqaate waggoota 95 booda seenaa kana deebisee galmeesse. Ruuben Amoorim galchii galan irra caalaan dogoggoroota keenyaan jedhe.
Karra eegaa Onaanaa irraa Baayindiritti jijjiiranis homaa jijjiiramni argame hin jiru.
Taphattoonni Maanchister Yuunaayitid waanuma danda'anii fiiganiyyuu miti kan jedhe ammoo taphataa Yuunaayitid duraanii Rooyi Kiinidha.
Niwkaastil Yuunaayitid leenjisaa isaa Edii Haaw kan dhukkubsatee hospitaala gale malee taphate.
Injifannoon kun gammachuu xiqqoo isaaf kenna kan jedhe dursaan tphattoota kilebichaa Buruunoo Gumaaresh garuu dhibeen leenjisicha mudate maal akka tahe hin ibsamne.
Eedii Haaw Liiverpuuliin Wembilee irratti mo'achuun waancaa Karabayoo Kaappii erga mo'atee kilebicha waliin seenaa gaarii galmeessaa jira.