Namoota 'jinnii nama keessaa baasna' jechuun haleellaa saalaa dubartootarratti raawwatan

Hanaan

Namoonni 'tajaajila hafuuran nama fayyisna' jedhan miidhan saalaa dhoksaan isaan dubartootarraan gahan qorannoon BBC saaxileera.

Biyyoota Arabaa keessatti tajaajilli hafuuraa namoota fayyisuu ykn "Quranic healing" jedhamuu beekamaadha.

Tajaajila kana baay'inaan kan fudhatan dubartoota yoo ta'an, tajaajilicha kan kennu ammoo dhiirota.

Tajaajilli hafuuraa isaan ni kennina jedhan ammoo 'hafuura hamaa' ykn 'jinnii' nama keessaa baasuu jedhama.

Biyyoota akka Morookoofi Sudaan keessatti gochaan kun baay'inaan mul'ata.

Ragaan BBCn dubartoota 85 irraa fudhate akka agarsiisutti, namoonni nama fayyisna jedhan 65 Morookofi Sudaan keessatti dubartoota hiraarsurraa kaasee hanga gudeedutti miidhaa kan qaqqabsiisaniidha.

Gareen qorannoo BBC kun ji'oota hedduuf dhaabbilee miti mootumaa, ogeeyyii seeraafi dubartootatti dubbachuun dhugummaa gochaa haleellaa saalaa dubartootarratti gaggeeffamuu kana mirkaneeffataa ture.

Gaazexeessituun eenyummaashee dhoksuun tajaajila barbaacha deemte osoo bakkichaa hin baqatin dura haleellan saalaa irra gahee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dalaal (maqaashee isa sirrii kan hin taane) Morookoo magaala Kaasaabilaankaa keessatti tajaajila hafuuraa nan kenna nama jedhu biraa dhiphina ishee mudateef fala barbaacha deemte.

Yeroo sana umurii dargaggummaa keessa jirti. Namichi tajaajila kennu sun 'jinnin' ishee waan qabeef akka dhiphattu itti hime.

Sana booda 'ixaana' aarsee akka ulattu ishee gaafate. Ergasii garuu wantichi ixaana osoo hin taane qoricha sammuu adoochu wayii ta'uu akka hin oolle dubbatti.

Sababni isaammoo yericha of-wallaaltee akka turte dubbatti.

Dalaal sanaan dura dhiira wajjin saal-qunnamtii raawwattee hin beektu. Bakka of-wallaaltee gaafa dammaqxu, paantinshee irraa bahee argite. Akka gudeedamte barte. "Maal narratti raawwatte?" jechuun itti iyyitee namicha naman fiyyisa jedhu (Quranic healer) gaafatte.

"Ati nama salphoodha! Maalif kana narratti raawwatte?" jedheen gaafadhe. "Jinniin akka gadi si dhiisufani" naan jedhe.

Namnni na hubatu hin jiru jettee waan yaaddef waanta isheerratti raawwatame nama tokkottuu akka hin himin turte dubbatti. Yeron booda ulfaa'uushee gaafa bartu yaaddoo hamaa keessa galte. Of-ajjeessus yaaddee turte.

Waa'ee ulfaa'uushee namicha ishee gudeedetti gaafa himtu, jinniin akka ishee ulfeesse itti hime. Kanarraa kan ka'e gaafa deessu mucaashee ija keessa ilaaluu, maqaallee moggaasufii sodaachurraa kan ka'e guddifachaa kennuu himti.

Maatinshee kuni uumamuu osoo arganii akka ishee ajjeesanis dubbatti.

Dubartoonni yaadasaanii kennuun hedduun waan isaan mudate yoo namatti himanillee namni akka isaan hin hubanneefi rakkoo uumameef isaanuma akka balaaleffatan himu. Kanarraa kan ka'e poolisiitti himuun haa hafuutti dubartoota muraasa qofatu waan namoonni jinnii baafna jedhan isaanirrattu raawwatan maatii ofiitti hima.

Kaan ammoo yoo rakkoo isaan mudate gabaasan, jinniin haaloo nurratti baha jedhanii akka sodaatan himu.

Sudaanitti dubartiin Sawsan jedhamtu abbaan manaashee haadha warraa lammaffaa wajjin jiraachuf yeroo dhiisee bahu qophummaafi dhiphinni itti dhagahamee nama tajaajila hafuuraa kennu bira gargaarsaf deemte. Qoricha abbaan manaashee akka ishee jaalatu taasisu naaf kenna jettee abdattee turte. Garuu kan ishee mudate waan biraati.

"Si wajjin qunnamtii saalaa raawwadhee dhangala'aa sana abbaa manaa keef kennita naan jedhe."

Sawsan

Sawsan battalumatti achii deemte, ergasiis achi hin deebine. Waan ishee mudates namatti hin himne.

Dubartoota 50 Sudaanitti qorannoof waan isaan mudate gaafataman keessaa sadi nama Sheek Ibraahim jedhamu akka haleellaa saalaa isaanirraan gahe dubbatan.

"Namoonni Sheekin kana godha jedhanii hin fudhatan. Hin amanan, akkamitttan ragaa argadha. Isa wajjin namni mana keessatti na arge hin jiru," jetti namoota miidhan irra gahe keessaa tokko.

Kana mirkaneeffachuuf gaazexeessituun tokko dhoksaan Sheek Ibraahim- nama jinnii baasunan tajaajila hafuura kenna jedhu- bira dhaquuf murteessite.

Gaazexeessituu Riim, maqaa isa sirii kan hin taane, dhala dhabuun akka rakkattu fakkaattee Sheek Ibraahim bira deemte.

Shee Ibraahim kadhannaa godheefii 'bishaan fayyisu' kan "mahayya" jedhamuun beekamu qaruurratti kenneefii manatti fudhattee galtee akka dhugdu itti hima.

Sana booda Sheek Ibraahim itti siqee taa'ee harkasaa garaasheerra akka kaa'e dubbatti. Harkasaa akka irraa kaasu gaafattus inni humnaan qabee qaama saalaashee tuttuquu akka eegaleefi sana booda manicha keessaa baqattee akka baate himti Riim.

Waan Riim irratti raawwate ilaalchisee BBCn Sheek Ibraahim gaafatus maamilootasaarratti haleellaa saalaa akka hin raawwanne haalun af-gaaffii dhiyaatef addaan kute.

Sheek Ibrahim

Dubartiin biraa Sheikha Faaximaa jedhamtu ammoo achuma magaala Kaartumitti 'tajaajila hafuuraa' kennuun waggaa 30 lakkoofsisteetti. Isheen dubartootaf malee tajaajila kan hin laanne yoo ta'u dubartoonni akkamitti namoota 'jinnii baafna' jedhaniif akkamitti akka saaxilaman dubbatti.

"Dubartoonni hedduun sheekichi qaama isaanii tuttuquun 'jinnii' isaan keessaa baasa itti fakkaata. Qaamasaanii tuttuquun qaamuma tajaajilichaa itti fakkaata."

Gareen qorannoo BBC kun ragaa qabannee aangawoota Morookofi Sudaan gaafanneera.

Sudaanitti Ministeera Dhimmoota Islaamummaatti dursaa muummee dhimma hawaasaa kan ta'an Dr. Alaa Abu Zaayid jalqabarratti dubartoonni heddu namoota 'jinnii baasna' jedhaniin gudeedamuu amanuuf rakkatanii turan. Boodarra garuu, dhimma tajaajila hafuurarratti to'annoon dhabamuun namoota heddu balaaf saaxilaa akka jiruuf kaan ammoo dhimma kana akka hojiitti fudhatanii itti lixuu amanan.

Sababa rakkoo nageenyaa biyyattii mudateen dhimmi kun dhimma dursi kennamuuf akka hin taane ibsan.

Morookotti Ministiirri Dhimma Islaamummaa Ahmad Toofik waa'ee 'namoota tajaajila hafuuran nama fayyisna' jedhanii seera addaa baasun akka hin barnaachisne kaasan.

BBCn namoonni 'jinnii baafna' jechuun dubartoota heddurratti haleellaa saalaa raawwachuu ragaa qabatamaa walitti qabus qondaaltonni Sudaanifi Morokoo tarkaanfii fudhachuuf kutannoo kan qabanii miti.