Wantoonni nuti harkaan tuqnu osoo elektirikii hin qabaatiin maaliif nu qabu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo tokko tokko waanuma harkaan tuqnu hundatu na qaba. Wantoonni nu qaban kunneen elektirikii hin qaban.
Balbala yeroo harkaan qabnee bannu, keessaahuu kan harkaan qabannu yoo sibiila ta'e, akka waan elektirkii qabuutti nu qabuu danda'a.
Gariin keenya balbala konkolaataa harkaan qabnee banuu yaaddofna. Kana qofa miti, namarraas elektirikiin yeroo nu qabu jira.
Uffata keenyarraa, keessattuu halkan yeroo rafnufaa chaarjii uffatarraa balaqqeessa'uun kan hirribi jalaa jeeqamu hedduudha.
Taateen akkasii uumama atoomii waliin walqabata. Rakkoon kun fayyaa keenyarratti miidhaa geessisu qabaachuu baatus yeroo garii baayyee nu naasisuun garmalee nu jeequu danda'a.
Rakkoon kun akkamiin uumama?
Dr Abarraa Olaanii Hospitaala Yuniversitii Wallaggaatti Ispeeshaalistii dhibee daa'immanii yoo ta'an dhimma kanarratti xiyyeeffachuun barumsa kennuun beekamu.
Madda rakkoo kanaa, bu'uura wantoota hundaa kan ta'e, waa'ee caasaa atoomii ibsuun eegalu.
Qaama keenya dabalatee wantoonni hunduu atoomiirraa ijaaraman. Atoomiin maayikirooskoppiidhaan ija qofaan hin mul'atu.
''Ida'amni atoomii ammoo seelii uuma. Seelonni ammoo walitti dhufuun qaama ta'u. Uumama qaama keenyaaf bu'uurri atoomiidha,'' jedhu ogeessi fayyaa kun.

Madda suuraa, Getty Images
Atoomiidhumti ijaan hin argamne kun kutaalee sadi of keessaa qaba: elektiroonii, pirootoonii fi niwutiroonii.
Pirootooniin chaarjii poozatiivii qaba, elektirooniin chaarjii negatiivii qaba, niwutirooniin ammoo chaarjii hin qabu.
''Isaan kanatu bakka tokkotti atoomii uumu. Yeroo baayyee baayyinni pirootoonii fi elektiroonii atoomii keessa jiran walqixa ta'u,'' jedhu Dr Abarraa Olaanii.
Akka seera fiiziksiitti wantoonni chaarjii walfakkaataa qaban wal dhiibu, kanneen chaarjii faallaa qaban ammoo wal harkisu.
Kanaafuu yeroo heddu baayyinni elektiroonii fi pirootoonii walqixa waan ta'uuf walharkisuun madaallii eegu jedhu ogeessi fayyaa kun.
''Yeroo akkasii rakkoon hin mudatu. Kun Electrostatic Force jedhama.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee yeroo tokko tokko hammi elektiroonii fi pirootoonii wayita wal madaaluu dhabu, fakkeenyaaf yoo hammi eletiroonii kan pirootoonii caalu haalli akkasii ni mudata. Elektirooniin utaaltee qaama keenya keessaa waan baatuuf.
Dr Abarraa Olaanii waa'ee amala elektiroonii fi pirootoonii wayita ibsan ''yeroo baayyee kutaa atoomii keessaa kan asii fi achi utaaluun beekamu elektirooniidha. Yoo pirootoonii ishee madaalu dhabdu qaama keessaa utaaltee wantoota tuqnu irra buuti. Waan irra qubatturratti battaluma waan akka elektirikii uumti,'' jedhan.
''Yeroo kana nama rifaasisti. Qaamni namaa battala sanatti baayyee hollata.''
Taateen akkasii nama hunda mudachuu danda'a. Nama qofayyuu miti, uumama ykn wantoota hunda mudachuu danda'a.
Yeroo baayyee atoomiin (wantoonni) hammi elektioonii fi pirootoonii isaanii wal qixa waan ta'uuf rakkoon kun carraan irra deddeebiin mudachuusaa dhiphaadha.
''Namuma rakkoo akkasii qabullee yeroo hunda miti kan mudatu. Yeroo hammi elektiroonii ol ka'u qofa mudata. Kaaf ammoo gosti uffata keenyaa ga'ee olaanaa qaba,'' jedhu Dr Abarraa Olaanii.
''Fakkeenyaaf namoonni uffata gosa naayiloonii fi ho'a guddaa kennu uffatan taateen kun isaan mudata. Namoonni uffata jirbiirraa hojjetaman uffatan rakkoo kanaaf carraan saaxilamuusaanii duwwaadha.''
Qaamni keenya uumamaan elektirikii lafatti dabarsa. Kanaaf kophee furdaa hin gorsan Dr Abarraan.
''Kopheen nuti uffannullee taatee kanaan walqabata. Yoo kophee lafarraa ol ka'aa fi furdaa ta'e uffanne taateen kun nu mudachuu danda'a.''
Kan biraan haala qilleensa naannoo keenyaati.
Haalli qilleensa naannoo gogaa fi qabbanaa'aa yoo ta'e taateen kun akka nu mudatu taasisa. Gogaan keenya yoo goges kanaaf nu saaxila.
Ammoo namni yeroo hedduu harkaan waa tuttuqu carraan rakkoon kun isa mudachuu baayyee xiqqaadha.
''Yoo waa tuttuqnu ni daddarba waan ta'eef kuufamee yeroo dheeraaf hin turu. Wayita meeshaalee adda addaa tuttuqnu gogaa keenyarraa gara meeshaa tuqnuu sanatti daddarba. Kun chaarjii atoomii madaalawaa taasisa.''
Ammoo dibata adda addaa dibannee gogaa qaama keenyaa yoo laaffisne rakkoon kun nu mudachuu dhiisuu danda'a akka Dr Abarraan jedhanitti.
''Wanti kun dhibee miti''

Namoonni wanti isaan harkaan qaban hundi akka waan elektirikii qabuutti isaan qabuun rakkatan jiru.
Wayita taateen kun itti deddeebi'u yaadda'uun gara mana yaalaa kan deemanis jiru.
Dr Abarraan garuu ''wanti kun dhibee miti, akka dhibeettis ilaalamuu hin qabu,'' jedhan.
''Garuu yoo hammi elektiroonii qaama nama sanaarraa gara meeshaatti darbu baayyeedha yoo ta'e humna guddaa uumuun nama naasisuu danda'a. Waan akka abiddaallee uumuu danda'a.''
Hamma elektirooniksii gara meeshaa tuqnuutti darbuutti ciminasaa murteessa malee rakkoo fayyaaf sodaachisuu nurratti hin fidu jedhan ogeessi fayyaa kun.
''Waan nu miidhus waan nu fayyadus hin qabu. Darbee darbee halkan wayita uffata uffannutti darbee ifa uumu hirriba keenya jeequu danda'a.''
Garuu naannoo wantoonni boba'uu danda'an jiranitti abiddi xiqqoon uumatu qabachuu waan dandeessuuf balaa uumuu danda'a jedhan.
''Yeroo balaa abiddaa uumellee mudatee beeka. Buufata boba'aatti biyya alaatti rakkoon akkasii mudatee dhagaheera.''
''Battala ifi nu keessaa ba'utti naannoo boba'aa fi naafxaa yoo jiraanne abidda qabsiisuu danda'a. Kanaan dura balaa abiddaa uumee beeka. Kanaan ala gama fayyaan rakkoo namarraan ga'u hin qabu,'' jedhan Dr Abarraan.
Akkamiin ittisna
Akka Dr Abarraan jedhanitti namni rakkoon kun deddeebi'ee isa mudatu qilleensa mana keessa jiru sirreessuudhaan ofirraa salphisuu danda'a.
Haala qilleensaa keenya gogaa fi diilallaa'aa irraa gara jiidhaa fi ho'iinsa muraasaatti geeddaruudhaan waan kana sirreessuu dandeenya jedhan.
''Bishaanfaa danfisuudhaan manni akka hurka qabaatu gochuudha. Hurki uumamu mana sanaaf jiidhinsa kenna waan ta'eef. Dibata adda addaatiin gogaa qaama keenyaa laaffisuunis rakkoo kana nurraa qolata.''
Saantima, furtuu fi sibiilota kiisiitti baannuun sibiilota tuttuquunis furmaata tokko.
''Yoo wanti kun nurraa deemuu didee nutti deddeebi'e ammoo sibiilota xixiqqoo kiisiitti baannu kanneen akka furtuu fa'iin sibiila wayii tuqnee elektirooniin gogaa keenyarra jirtu utuu nutti hin dhagahamin suutuma akka dabartu gochuu dandeenya. Haala kanaan chaarjii negatiivii kuufamaa ture ofirraa salphisuu dandeenya,'' jedhan.
Furmaanni kaan kophee soolii furdaa qabu uffachuu dhiisuudha.
Sooliin kophee furdaa yoo ta'e akka elektirooniin gara lafaatti hin dabarre waan ittisuuf chaarjii nagatiivii nu keessatti kuusa.
''Namoonni uffata baayyee walirratti uffatan irruma caalaa rakkoo kanaaf saaxilamoodha, kanaaf uffata baayyisnee uffachuu dhiisuudhaan ofirraa ittisuu dandeenya.''
Akkasumas uffata naayilooniirraa hojjetame osoo hin taane kan jirbiirraa hojjetame uffachuun rakkoo kana hir'isuu dandeenya. Mana keessa miilla qullaa deemuunis furmaata ta'a.
Abiddi battala muraasaaf billic jettu kun salphaatti boba'aadhaan wal geessee akka abidda hin uumneef hojjettoonni buufata boba'aa fi konkolaachistoonni boba'aa guutan yeroo hunda of eeggachuu qabu jechuun gorsu Dr Abarraan.
''Osoo boba'aa guuttachuu hin eegalin dura mootora konkolaataa dhaamsuu qabu. Konkolaataa keessaa bu'anii meeshaa ittiin boba'aa guutan qabuu duras harkasaaniin waa tuquu qabu.''
Yoos elektirooniin dabalataa qaama keenya keessa jirtu kun gara konkolaataatti darba. Konkolaataan ammoo gara lafaatti dabarsa.












