Somaaliilaand waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaan taasisan irratti ejjennoo ishee ibsite

Mootummaan Somaaliilaand dhiyeenya filannoo mo'achuun aangoo qabate waliigaltee ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) fi pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Tarkiitti taasisan ilaalchisuun ejjennoo isaa beeksise.

Pirezidantiin haaraa Somaaliilaand filataman Abdiiraahimaan Mohaammad Abdullaahii sirna kakuu raawwachuu magaalaa Hargeessaatti Kamisa Mudde 12, 2024 taasifameen aangoo fudhataniiru.

Sirna aangoo wal harkaa fuudhuu kanarratti dubbi-himaa paartii Pirezidant Abdiiraahimaan Mohaammad Abdullaahii kan ta'an Mohaammad Faaraah Abdii dhimma waliigaltee biyyoonni lamaan taasisanirratti ejjennoomootummaasaanii BBC Somaleetti dubbataniiru.

Waliigalticha ilalachisee gama Somaaliilaandiin yaada jiru ilaalchisuun dubbi-himaan kun akka dubbatanitti, waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti Ankaaraatti taasiffame dhimma biyyoota lamaanii ta'uufi Somaaliilaand biyya biraa waan taateef dhimmi kun kan ishee ilaallatu akka hin taane ibsaniiru.

"Kan mallatteessan biyyoota lamaanidha, nuti Somaaliilaandidha. Biyyoonni obbolaan lamaan waliigaltee mataasaaniidha kan mallatteessan. Isaan waliin dubbatanii waliigalteerra gahuun isaanii waan baratamedha.

Kan nuun ilaallatu miti," jechuun dubbi-himaan paartiin bulchaa jiru Waadaanii Mohaammad Faaraah Abdii dubbataniiru.

Dabalataan haala waliigalteen walhubannoo mootummaan Somaaliilaand kanaan dura aaangoorra ture Itoophiyaa waliin mallatteesse irratti argamu ilaalchisee wayita dubbatanitti, mootummaan haaraa reefuu kan aanguu fudhate waan ta'eef yeroo fudhatee akka ilaaluufi murteessu ta'uu ibseera.

"Reefuu aangoo fudhachuu keenyadha. Waliigaltee Itoophiyaa waliin taasifame hin ilaalle. Haata'u malee, kan ilaallu ta'a. Kanaaf, maal akka ta'u baruudhaaf eeguun nurra jira, isaan booda murteen itti kennama," jedhan dubbi-himaan kun.

Ulaa galaanaa kan hin qabne Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuuf qabduuf deebii argachuuf carraaqqii taasistuun waggaa darbe waliigaltee Somaaliilaand waliin taasifteen alatti, Somaaliyaa waliin waliigaltee karaa ittiin gara galaanaatti darbuu dandeessu amansiisaa ta'eefi itti fufisa qabu argachuudhaaf kan ishee dandeessisu Ankaaraatti mallatteessiteetti.

Kanaanis mootummaa Somaaliyaa walaba ta'e jalatti Itoophiyaan karaa ittiin gara ulaa galaanaatti darbitu amansiisaafi itti fufinsa qabaatu argachuuf biyyoonni lamaan waliigaltee dandeessisurra kan gahan yoo ta'u, waliigalteen kana hojiitti hikuu ammoo ji'oota muraasa keessatti aka mallatteeffamus ibsameera.

Waliigaltee Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduutti taasifameefi isaan booda dhimma waliigaltee Somaalilaand waliin taasifame irratti hanga ammaatti biyyoota lamaaniinu ifatti kan jedhame hin jiru.

Waliigalticha hordofuun Ministirri Beeksiisa Somaaliyaa, Daawuud Aweeyiis akka jedhanitti garuu, waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaafi Somaaliilaand waliin mallatteessan guutummaa guutuutti kufaa ta'eera jedhanilleen, sanada Ankaaraa irrattis ta'e gama dureewwanitiin dhimma kanarratti kan eerame hin jiru.

Daawuud Aweeyiis garuu waliigaltee dureewwan Somaaliyaafi Itoophiyaa ilaalchiisuun sanada tamsaasame eeruudhaan waliigalteen Somaaliilaand kan hafe ta'uu dubbatu.

''Ibsa bahe hubachuurratti rakkoon akka jiru hubatamaadha. Sanadichi dhimmoonni duraan turan hundi akka haqaman eereera. Kanaaf, waliigalteen kanaan duraa hin jiraatu jechuudha'' jedhan Ministirri Beeksiisaa kun.

Waliigaltee wal hubannoo Amajjii 1, 2024 Finfinneetti pirezidantii duraanii Somaaliilaand, Musee Biihii fi Ministira Mummee Abiy Ahmad jidduutti haala fayyadama ulaa galaanaarratti mallattaa'unsaa ni beekama.

Waliigaltichaan Somaaliilaand Itoophiyaadhaaf ulaa galaanaa tajaajila daldalaa fi humna galaanaatiif oolu kan kennitu yoo ta'u, deebii isaatiif ammoo, Itoophiyaan Somaaliilaandiif akka biyyaatti beekkamtii kenniti jedhamee ture.

Waliigaltee kanas yeroo sanatti baatii tokko keessatti hojiirra akka oolfamu kan himamee ture yoo ta'u, sadarkaan irra gahe osoo hin baramiin wagga tokko guutuuf yeroo itti dhiyaatetti, amma waliigalteen gara biraa Somaaliyaa fi Itoophiyaa jidduutti mallatteeffame.

Somaaliyaan waliigalteen Itoophiyaa Somaaliilaand kan qaama bulchiinsakooti jettu waliin mallatteessuunshee birmadummaa koo kan sarbuudha jechuun cimsitee mormaa turte.

Kana malees, walitti dhufeenyi biyyoota lamaan jidduu turee laaffatuu bira darbuudhaan gara walitti bu'iinsaatti darbuu danda'a jedhamuun naannawa Gaanfa Afriikaatti yaaddoo umee ture.

Waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa jidduutti umamee hordofuunis, Itoophiyaa wlaiin wal dhabdee keessatti kan argamtu Masrii dabalatee biyyoonni kaanis siyaasaa fi waraana Somaaliyaatiif deeggarsa taasisuuf waliigalteerra gahanii turan.

Haalli kunis Somaaliiyaa karaa biraatiin dirree waraanaa gochuudhaan Gaanfa Afriikaa keessatti tasgabbiin akka hin jiraanne gochuu danda'a jedhamuun yaaddoo uumee ture.

-----------------------------------------------------------

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.