Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Araara biyyaalessaatiif jaarmiyaan Siinqee gumaacha akkamii qabaachuu danda'a?
Sirna Gadaa keessatti Siinqeen mallattoo aangoon dubartootaa ittiin ibsamuudha. Akkuma abbaan Gadaa Bokkuufi Kallachaan mul’atu dubartoonni ammoo Ulee Siinqee qabatu.
Siinqee kan qabatu ammoo Haadha Siinqeeti. Dubartiin gaafa heerumtu kennaa haadha isheerraa argattudha Siinqeen.
Akka duudhaa sirna Gadaatti Haatii Siinqee, siinqee kan dhimma itti baatu hojii araaraa fi nagaa buusuutiif qofa. Uleen Siinqees kabaja addaa waan qabuuf hojii kanaan alatti namas ta’ee beellada ittiin rukutuuf hin oolfamu.
Aadaan siinqeetti dhimma bahuu kun caasseeffama sirna Gadaa keessatti kan dur irraa kaasee jiru ta’ulleen aadichi yeroo ammaa baal’inaan hojiirra oolaa kan jiru Oromoota Sikkoofi Mandoo biratti.
Jaarmiyaan Siinqee kun beekumsa hawaasni dur irraa kaasee qabu (Indigenous Knowledge) waan ta’eef, sirna ammayyaa keessattis gahee akka qabaatuuf hojjechaa akka jiru Insitituutiin Qorannoo fi Seeraa Oromiyaa ni hima.
Inistituutiin kun qorannoo Tibbana ifoomseen Jaarmiyaan Siinqee marii Araara biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsisuuf karaarra jirtu kana keessatti qooda guddaa gumaachuu akka danda’u ibse.
Mata duree ‘Marii araaraa keessatti gahee jaarmiyaa Siinqee’ jedhuun qorannoo kan qoratan Obbo Sulxaan Abdoo, Jaarmiyaan Siinqee mirga dubartootaa kabajachiisuu bira darbee, hawaasa keessatti nageenyi akka bu’uuf gumaachi qabu laayyoo miti jedhan.
“Sirna Gadaa keessatti mariin iddoo olaanaa qaba. Gaafa gosaa fi gosti walitti bu’u, gaafa sabni tokkoo fi sabni biraa walitti bu’u jaarmiyaan Siinqee kun furmaata kennuu keessatti qooda guddaa qaba.”
“Jaarmiyaan Siinqee kun muuxannoo nagaa buusuu qabuun marii biyyaalessaa kana keessatti hirmaatanii beekumsa aadaafi muxannoo qaban kana fayyadamanii mariin kun karaa nagaa fi bu’aa qabeessa ta’een akka adeemu gochuu danda’u,” jedhan.
Adeemsawwan marii araaraa keessaas sadarkaa qophiitti namoota akka marii kanatti hirmaachuu qaban karaa haadhoolii siinqeetiin waamichi taasifamee gara marii aakka dhufan gochuun ni dandahama jedhu.
“Dubartoonni Woyyuudha. Haadholiin Siinqee ammoo woyyooma guddaa qabu. Sirni Gadaas ta’e Oromoon isaaniif iddoo guddaa kennaaf. Kanaaf qooda fudhattoonni marii gara waltajjiitti akka dhufan gochuu keessatti gahee guddaa bahu danda’u,” jedhu Obbo Sulxaan.
Sadarkaa mariirra yeroo gahamus dubartoonni marii kana keessatti hirmaachuun mataasaatiin mirga isaanii akka kabachiifatan gochuuf akka gargaarus himu.
“Mariin kun bu’aan isaa fooyya’iisa seeraa fi fooyya’iinsa Heeraa fiduu dandaha. Jaarmiyaan siinqee marii kana keessatti yoo hirmaate mirgi dubartootaa akka kabajamu gochuu malu. Adeemsa marii keessattis walitti bu’iinsi yaadaa fi waldhabdeen jiraachuu mala. Isas nitasgabbeessu,” jedhan.
Mariin biyyaalessaa biyyoota tokko tokko keessatti erga mari’atamee xumurameen booda akkaataa hojiirra oolmaarratti kan fashalaa’e jira kan jedhan Obbo Sulxaan, akkaataa hojiirra oolmaa bu’aa marii keessattis Jaarmiyaan Siinqee kuni gahee guddaa bahuu akka danda’an himu.
“Haadholiin Siinqee kun duudhaa fi beekumsa sirna Gadaa sana fayyadamuudhaan namoonni waan irratti waliigalan san akka hojiitti jijjiiran, akka raawwatan taasisuu keessattis gumaacha guddaa qabu. Kanaaf sadarkaa marii hunda keessatti hirmaachuun isaanii barbaachisaadha,” jedhan.
Koomishiiniin aangoo marii fi araara biyyaalessaa kana hogganu, komishiniin Marii fi Araara Biyyaalessaa bu’aa Jaarmiyaan siinqee milkaa’ina hojii kanaatiif qabu hubachuun haadholii siinqee garee kana keessatti hirmaachisuu akka qabus akeekan.
Jaarmiyaan Siinqee hojii kana keessatti yoo hirmaaate beekumsi Dimokiraaasii Oromoon Sirna Gadaatiin ittiin wal bulchaa ture nageenya biyya kanaa keessattis qabatamaadhaan bu’aa akka fidu agarsiisuuf carraa gaarii kan uumudhas jedhan ogeessi kun.
“Haadholiin Siinqee marii araaraa kana keessatti yoo hirmaatan beekumsi hawaasa keenyaa beekamtii argata. Marii kana milkeessuufis bu’aa guddaa qabaata. Kanaaf hirmaannaan isaanii barbaachisaadha,” jedhan.