Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaa Oromoo: Eeboo fi gaachanni eenyuuf kennama? Hiika akkamii qaba?
Aadaafi duudhaa ummata Oromoo keessatti gaachanniifi eeboon meeshaa kabajaafi gootummaa ibsuuf ooludha.
Biyyoota Afrikaa garagaraa keessattis hawaasi durii lolaaf, adamoof itti dhimma baha.
Saboonni garagaraa Itoophiyaa keessa jiranis itti fayyadamu. Dhaabbileen Itoophiyaa kanneen akka Raayyaa Ittisaas faajjii isaanii taasisaniiru.
Aangawooti Itoophiyaa namoota siyaasaa garagaraaf gaachanaafi eeboo akka ‘kennaa jaalalaafi kabajaatti’ yoo kennan arguun waan barame.
Garuu takka takka ergaa isaarraa maqa jechuun kanarratti kanneen gaaffii kaasan jiru.
Yeroo dhihoo as aanga'oonni naannolee biyyattii garaagaraa akkasumas Pireezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii mootummaa naannoo Oromiyaarraa kennaa gaachanaa, eeboo fi farda akkasumas uffata aadaa fi meeshaalee duudhaa sabichaa calaqqisiisan kaan wayita fudhatan deddeebi'ee mul'ata.
Aadaa Oromoo keessatti gaachanni nama akkamiif kennama? Ergaan isaahoo?
Gaachanni maal bakka bu'a?
''Gaachanni kan dur Oromoon ittiin waraana seentu,’’ jedhu Abbaa Gadaan Tuulamaa Goobana Hoolaa.
Sirna bulchiinsa Gadaa Oromoo dhaabbata UNESCO jalatti galmaa’e keessatti dargaggoon sadarkaa Raabaadoriirra jiran diinaan lolu.
Yeroo waraanaaf kan itti fayyadaman immoo gaachana, eeboofi fardadha.
Gaachanni eeboo ykn falfala diinarraa darbatamu akka qolatuuf jabaa ta’uu qaba.
''Tokko warseessa, tokko roobiirraa tolfama. Waraanni hin seenu, goraadeenis hin qurxu. Gaachana gootatu lolaan,‘‘ jedhu Abbaan Gadaa.
Biiroo Aadaafi Tuurizimi Oromiyaatti ogeessa aadaa kan ta’an Obbo Olaanaa Tashoomaa, Itoophiyaa keessatti gaachanniifi eeboon ''baay’inaan ummatoota Kuush biratti beekama,'' jechuun himu.
Addatti ummatoota Kuush keessaa lakkoofsaan olaanaa kan ta’e ummata Oromoo biratti hiikiifi calaqqeen gaachanaafi eeboo kaanirraa adda ta’uu mala jedhanii amanu.
Gaachanni garuu maal bakka bu’a? ''Gaachanni gaachanummaa isaa olitti fakkoommiin inni qabu Oromoo biratti nama onnee qabu, goota, nama saba isaatiif gaachana ta’u danda’u,'' jechuun ibsu.
''Meeshaa sana caalaa fakkoommii (mallattoo/ symbol) meeshaan sun qabutu ergaa guddaa qaba Oromoo biratti.''
Gaachanni eenyuuf kennama?
Dur Oromoon nama eebbisee waraanatti yeroo ergu tokko haadholiin siinqee eebbisani siinqee jala hulluuqsisanii dabarsu jedhu Obbo Olaanaa Tashoomaa.
''Abbootiin ykn warri dhiiraa immoo nama gara waraanaa deemu kanaaf eeboofi gaachana harka keessa ka’u.''
''Kunis ergaan inni dabarsu deemi, diinakee loli, diina sitti dhufemmoo kan ittiin qolachuu dandeessu gaachana,'' kennuuf jechuun himu ogeessi aadaa kun.
Gaachanniifi eeboon meeshaa waraanaa duriiti. Meeshaan ammayyaa osoo hin dhufiin dura dhiirri diinas, bineensas ittiin lola.
Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa gaachanni ''ulfina qaba'' jechuun ibsu.
Qooda gaachanni waraana keessatti qabu kaasu.
''Gaachanammoo nama hundaa hin kennani. Goota loluuf kennan malee nama hundaa hin kennani. Amma callisanii waarratanii kan nama hundaa kennan kuni sirrii miti.''
Gaachana namaa kennuun ammoo ''Ati jabaadha, goota jechuudha. … Goota, amanamaadha,'' jechuu akka ta'e ibsan.
''Hin lolta gaachana kanaani, ati jabaadhaa jechaaf kennani. Warra lole galeefis, warra ija dura itti abdi qabaniifis, ni kennama,'' jedhan.
Akka Abbaa Gadaa Goobanaatti Sirna Gadaa keessatti ''warra qabeenya gurguddaa qabutu’’ gaachanaafi eeboo dhiirotaaf kenna.
Obbo Olaanaan gama isaaniin ''Eeboon … nama waraana deemuudhaaf deemu, nama lolatti bobba’udhaaf deemu, ajjeesaadhaan walqabata,'' jechuun ibsu.
Lolaan ala bara durii nama bineensa guddaa adamsee faacha qabatee deebi’uuf kaayyeffate eebbisanii eeboofi gaachana kennu jedhan.
''Sirreeffamuu qaba''
Dhihoo pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay ta’uun Ministira Muummee Abiy Ahimadiin kan muudaman Obbo Getaacho Raddaa Naannoo Oromiyaa daawwatanii turan.
Sagantaa galateeffannaa magaalaa Bishooftuu qophaa’e jedhame irratti gaachanaafi eeboo, akkasumas horooroollee qabatanii mul’ataniiru.
Kana durammoo Pirezidantiin duraanii Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiif Adoolessa bara 2018’tti gaachana, eeboofi farda kennanii turan.
Yeroos Pirezidant Isaayyaas biyyoota lamaan gidduu araarri bu’ee waggoota 20 booda Itoophiyaa yeroo jalqabaaf daawwatani.
Obbo Getaachoo fa’iif tibbana gaachanniifi eeboo kennamuu isaa irratti akka walfalmaa turan dubbatan Obbo Olaanaan.
Mootummaafi TPLF waraana waggaa lamaa dhiiga lammiilee kuma dhibba hedduu dhangalaase dhaabanii araaraan erga xumuran booda dhihoo naannichatti mootummaan kan hundaa’e.
''Araara amma, kaayyoon wanta sanaa [kennaa kenname]. Bakka araarri jirutti ammoo eeboofi gaachanni hin kennamu'' jechuun qeequ Obbo Olaanaan.
''Qaamni itti kenname sun ergaan inni dabarsuufi wanti mootummaan yaade wal hin simu,'' jechuun ibsu.
''Ergaan isaa dhokataadha, yoo araara buusnaaf ta’e tarii horooroon sunillee xiqqoo kanatti dhufuu danda’a.''
''… Waan aadaa Oromoo keessa simbolii [fakkoommii] Oromoo mul’isu jedhamee waan kenname natti fakkaata. ..waan jarjartii qabu natti fakkaata,'' jedhan.
Mootummaan ifatti sababa tibbana gaachanaafi eeboo kenneef hin ibsine. Ammoo kana dura kennaan akkanaa waan aadaa Oromoo keessatti kabaja ibsu jedhamee kennamu ta'uu gabaafamaa ture.
BBC’n yaada aangawootaa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Dhimma gaachanniifi eeboon eenyuuf kennamuu qaba jedhurratti Abbaa Gadaa Goobana Hoolaanis yaada walfakkaataa qabu.
''Hawwiima meeshaa saniif qabaniif kennan malee gaachanni nama kennamutu jira,'' jedhu.
''Sirrii miti. Jaalaluma Oromoon qabuufi gaachannimmoo jaalaluma meeshaa guddaa kaleessa Oromoon waraana ofirraa ittise, meeshaa jaalalaa, kabajamaa, meeshaa dhiirti loltuun jechumaaf kennan malee warra siyaasaa kanaaf hin maluuf,'' jedhan.
Dhaabi ADWUI kan dhaabi Tigraay TPLF olaantummaa keessatti qabaachaa ture Itoophiyaa yeroo bulchaa turetti hacuuccaafi sarbama mirga namoomaa raawwachuun himatama.
Ummanni Oromoos bulchiinsa kana jalatti hacuuccaa himataa ture.
Abbaa Gadaa Goobanaan ''Warra kana gaachana kennuun Oromoof mirriga, qaaniidha,'' jechuun yaada isaanii ibsu.
''Ija dura sirreeffamuu qaba,'' jechuun gorsu.
Gaachanaafi eeboon alatti kallacha, akkaataa uffataa fi kaan irrattillee itti fayyadama irratti qaamoleen komii kaasan jiru.
Namoota siyaasaaf maaltu kennama?
Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa waan namoota siyaasaaf malu jedhan akkanaan ibsu:
Alangee: Beekaaf alangee fa’i kennuuf, hin lallabaani beeki. Beekaa ta’e hin lallaba, beekaa ta’e biyya bulcha.
Baallii Guchii: Mataarra suuqqatan. Beekaa, gamna jechaa dha. Beekaa mataa baalli jedhaniin. Akka warra siyaasaa sana gamna jechaadha.
Horooroo: Horooroo yoo kennan rakkoo hin qabu. Itti fufiinsa dhala namaa ofirraa qaba. Yuuba, Abbaa Gadaatu qabata. Dargaggeessi gadaa hin gahin hin qabatu.
Obbo Olaanaan gama isaaniin ''Fakkoommiin eebootiifi horooroo garaagarummaa guddaa qaba. Faallaa waliiti isaan,'' jechuun ibsu.
Farda: Araara, nageenya wal qunnamsiisa. Walitti dhufeenya biyya tokkoofi kaan akka wal qunnamsiisuuf kennamuu danda’a.
Kana dura aangawoonni Oromiyaa pirezidantii Ertiraa, Pirezidantii N. Amaaraafi Somaaleef farda akka kennaatti kennanii turan.