Galmeen jechoota seeraa 'Itoophiyaatti kan jalqabaa ta'e' eebbifame

Galmeen jechootaa seeraa Itoophiyaatti kan jalqabaati jedhameefi jaarmiyaa qorannoo seeraan qophaa'e eebbifame.

Kitaabni Galmee Jechoota Seeraa Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatin qophaa’e kun, jechoota seeraa kan ogeessonni seeraa fi seera baaftonni dhimma itti bahan Afaan Oromootiin kan qophaa’eedha.

Akka addunyaatti galmeen jechoota seeraa kan Afaan Ingiliziitiin dhimma itti bahamu ‘Black Law Dictionary’ jedhamutu jira.

Biyya keenyatti barnootni seeraa afaan ingiliziitiin kan kennamu waan ta’eef jechoonni seeraa hedduunis hiikaa galmee kanarraa fudhatamuun kan kennamudha jedhan, qopheessitoota galmee jechootaa kana keessaa tokko kan tahan Obbo Abdii Tasfaa.

“Bara 1960 keessaa jalqabee seronni biyya keenyaa hedduun seerota biyya alaarraa madaqfamni. Barnootni seeraa kan kennamu Afaan Ingiliziitin waan ta’eef gaafa qabatamaadhaan hojiitti galamu ammoo hojiin afaan Oromootin waan ta’uuf rakkoo baayyee qaba”

“Jechoota seeraa ingiliffaan baratan sana gaafa Afaan Oromootin hojjetan beekumsuma dhuunfaatiin hiikkachuutu jira.

"Sababa kanaan jechumti tokko abbootii seeraa adda addaa biratti hiikaa adda addaa yeroo itti kennamutu jira. Kunis adeemsa kenniinsa tajaajila seeraa irratti dhiibbaa fidaa ture,” jedhan.

Galmeen jechoota seeraa qophaa’e kun hiikaa jechoota seeraa 6,700 kan qabu yoo ta’u, jechoota hojii seeraa keessatti dhimma itti bahaman kan of keessatti hammatedha.

“Jechootni kuni kan walitti qabaman jechoota seerota adda addaa irraa fi galmee jechootaa kan Afaan Ingilizii irraayi," jedhan Obbo Abdiin.

Galmeen hiikaa jechoota seeraa kuni Afaan Oromootinis ta’ee akka biyyaatti galmee hiikaa jechoota seeraa kan jalqabaa akka ta’es himan.

“Galmeen hiikaa jechootaa kuni Afaan Ormootiin kan qophaa’e ta’us gosa isaatiin akka biyyaatti kan jalqabaati. Afaan Amaaraatiinis amma dura hin turre, amma qophaa’aa jira,” jedhan.

Galmeen hiikaa jechootaa kuni rakkoo sababa hiika jechoota seeraatiin hanqina kenniinsa tajaajila seeraa irratti mul’atu salphisuuf akka gargaarus, sagantaa eebba kitaabichaa magaalaa Bishooftuutti qophaa’e kanarratti ibsame.

Kitaabni hiikaa jechoota seeraa kuni maxxansa jalqabaa akka ta’eefi fuula durattis hiikaa jechootaa seeraa hafan kan itti fufu jedhame.

Hiikaan jechoota seeraa kuni waggoota afur akka fudhatee fi ogeessonni seeraa fi afaanii 14 tahan kan itti hirmaatanidha.