Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi namoota kudhanii ol ajjeesee gola mana kireeffatee keessa awwaaleera jedhame to'atame
Lammiin Ruwaandaa mana kireeffatee jiraataa turetti kutaa lafa nyaanni itti bilcheefamu keessaa reeffii namoota 10 argamee booda poolisii biyyatiin to’atame.
Poolisiin biyyattiis mana nama yakka ajjeechaa kana raawwachuun shakkameefi kan umuriinsaa wagga 34 ta’e kanaatii reeffii namoota kanneen kan argame erga mana kireeffatee keessa jiraachaa ture keessaa baafameen booda.
Namni kun namoota reeffisaanii kutaa lafa nyaanni itti bilcheeffamu (alawaada) keessaa baafaman 10 ajjeesuun awwaaluu akka hin oolle shakkamuun to’atame.
Poolisiinis yakka kana bira gahuu kan danda’e erga shakkamaan kun mana qarqara magaalaa guddoo biyyattii Kigaaliitti bakka Kucukiroo jedhamutti kireeffatee keessa jiraataa ture keessaa akka bahu taasifameen boodha.
Polisoonni erga namtichi manicha kireeffatee keessa jiraachaa ture baatiiwwaniif kiraa manaa kaffaluu dhaabeef jecha waamamuun gara manichaa kan imalan.
Qondaalli polisiin midiiyaalee biyya keessatti akka himanitti, kanneen ajjeeffamanis hojjattoota mana bunaa ta’uu hin oollee jedheera.
Haata’u malee, reeffa baafame keessa dhiirronniifi dubartoonni akka argaman himame.
Ajjeechaan akkanaa kun Ruwaandaa keessatti kan barame waan hin taanef taateen kun biyyattii naasiseera.
Miseensi pooolisii maqaan hin dhahamne tokkos gaazeexaa biyyattii The New Times jedhamutti akka himanitti, polisoonni mana keessaa akka bahuuf wayita guyyaa Wiixataa gara manichaa imalanitti namtichi lola kaasee ture.
‘‘Booda ammoo dhiifama gaafachuun baayyee bohaa ture. Kunis akka waa shakkinu nu taasise. Achiin osoo buufata poolisii keessa jiruu akka namoota ta’an ajjeesse dhugaa bahe. Kunis Biiroon Qorannoo Ruwaandaa dhimmicha akka qoratuuf kakaasee,’’ jedhan qondaalli kun.
Reeffa baayyeetuu baafame garuu ammi namoota ajjeeffamanii sirriin erga qorannoon gaggeeffamee booda kan mirkanaa’u ta’us jedhan Dubbii Himaan Biiroo Qorannoo Ruwaandaa, Tiheerii Muraangiyaa.
‘‘Shakkamaan kunis namoota ajjeechaa irratti raawwate, kan baayyeen isaanii hojjattoota hoteelaa ta’an, hunda erga gara mana isaa akka waliin deeman hawwateen booda, bilbila harkaasaaniifi waan qaban hunda irraa saamuudhaan udhee ajjeessa. Isaan boodas boollaa mana kireeffatee keessatti kutaa nyaanni itti bilcheefamu keessatti qotame keessa awwala,’’ jedhan dubbii himaan kun.
Shakkamaan kun himannaan idliee ammallee irratti hin banamne jedhameera.
Namtichi kun kanaan dura baatii Adoolessaa keessa himannaa saamichaa, dirqiidhaan guddeeduufi dubartoota doorsisuutiin himatamuun hidhamee kan ture yoo ta’u, raga gahaan waan irratti hin argamneef jecha gadhiifamuutu himame.
Ruwaandaa keessatti yakki ajjeechaa baayyee kan baramee miti. Kanaaf, namoonni naasuudhaan Kigaalii bakka yakki ajjeechaan kun itti raawwatamuun poolisiin reeffa namoota 10 qotaa jirutti waliitti qabamuun ilaalaa turan.
Gaazexessaan BBC Jeen Kilaawud Miwaamtustaas bakkichatti qaamaan argamuun suuraalee kaaseera.