'Ajjeechaan Battee kan siyaasaati, qabsoo karaa nagaa abdii kutachiisa' -Namoota siyaasaa

Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia
Qondaalli siyaasaa ABO Obbo Battee Urgeessaa torban darbe Ebla 9, 2024 iddoo dhalootasaa magaalaa Maqii keessatti rasaasaa hedduun ajjeefamee argame.
Ajjeechaan nama siyaasaa kan qabsoo karaa nagaatiin godhamurratti ejjennoo jabaa qabu kanarratti raawwatame dhaabasaa dheekkamsiiseera. Dhaabbileen mirgaaf falmaniifi hawaasni idil-addunyaas qorannoon walabaafi amanamaan akka gaggeefamu dhaamaniiru.
Misieensonni maatiifi dhaabnisaa ajjeechaan kaaf qaamolee nageenyaa mootummaatti quba yoo qaban, mootummaan ammoo ajjeechaa kanaaf gaafatamaa godhamuunsaa fudhatama akka hin qabne ibsuun akeekkachiiseera.
Qajeelchi Poolsiii magaalaa Maqii ajjeechaa Obbo Batteen walqabatee namoota shakkamoodha jedhe 13 to'annoo jala oolchuu dhuma torbee darbee beeksisee ture. Wal dhibdeen maatii sababa ajjeechaa kanaa akka ta'uu malus Kintiibaan magaalitti himanii turan.
Hooggantoonni dhaabbilee siyaasaa mormituu BBCn dubbise garuu ajjeechaan Obbo Battee ''ajjeechaa siyaasaati'' jedhu.
Dura taa'aan dhaaba Kongiresii Federaalawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa, Dura taa'aan dhaaba Hibiri Itoopihyaa Obbo Girmaa Baqqalaa fi walitti qabduun tokkummaa dhababilee siyaasaa Itoophiyaa duraanii Dr. Raaheel Baafee BBCtti dubbataniiru.
Piroofeesar Mararaan ''ajjeechaan kun siyaasuma. Maaliifii namni magaala seenee hooteelaa baasee halkan sanaan magaala keessatti ajjeesee, kana gochuu kan danda'u qaama humna qabuudha,'' jedhan.
Bakka eegdonni hoteelaa fi poolisiin magaalaa jirutti dhibdee dhuunfaatiin namni ajjeechaa kana raawwachuu danda'a jedhanii akka hin amanne dubbatan.
''Qaama humna qabuudha. Isa asiifi achi irra diban osoo hin taane, irra deddeebinee qaama walaba ta'een haa qulqullaa'u kan jedhamaa jirus kanumaafidha.''
''Lola dhuunfaatii jedhamee inni odeeffamu homaa waan dhugaatti siiqu miti. Qaama humna qabuun raawwatamuunisaa wal hin gaafachiisu'' jedhu Piroofeesar Mararaan.
Walitti qabduun tokkummaa Dhabbileee Siyaasaa Itoophiyaa duraanii Dr. Raaheel Baafee gama isaaniin, ''Anaaf ajjeechaan kun kan siyaasaati. Namoota akka Battee irratti ajjeechaan raawwatu kanuma siyaasaati,'' jedhu.
''Siyaasni Itoophiyaan gaggeessitu tokko aarsaa godhanii tokko oolchuudha. Kanatu rakkoo ta'e. Rakkoo isa tokkoof kan biraa ajjeessuun furmaata gochuutu barame,'' jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dura taa'aa dhaaba Dimookraatawaa Hibir Itoophiyaa kan ta'an Obbo Girma Baqqalaas akkasuma ajjeechaan Obbo Battee ''kan siyaasaatiin ala ta'uuf carraan qabu baayyee dhiphaa ykn gonkumaa kan hin taanedha,'' jedhan.
''Tilmaamaan olitti ajjeechaan kun kan siyaasaa malee waan biraa hin ta'u jedheen yaada,'' jedhan.
Obbo Battee wajjiin waggoota muraasa darban waliin walitti dhiyaatanii hojjachuu kan himan namni siyaasaa buleessi kun, sababoota ajjeechaan kun kan siyaasaa malee waan biraa miti jedhaniif tarreessaniiru.
''Tokkoffaa nama siyaasaa beekamtii guddoo qabu, qabsoo karaa nagaatti amanu dhiisiitii namni kaanuu ajjeefamee magaalaa baafamee yoo gatamu mootummaan eessa jira? Halkan sanaan reeffa fuudhanii magaalaa baasuuf akkamiin onnee argatan? Rasaasni gara kudha wayii Battee rukute yeroo dhukaafamu qaamni poolisii ykn nageenyaa naannichaa eessa ture?'' gaaffilee jedhan kaasisa.
Sababa kanaatti ani ajjeechaa siyaasa malee waan biraa ta'a carraan jedhu baayyee xiqqaa ykn ta'uu kan hin dandeenye jedheen amana.''
Ajjeechaan Obbo Battee qabsoo karaa nagaa godhamurratti waan akeeku qabaa?
Obbo Girmaa Baqqalaa kaayyoon ajjeeechaa kanaa ''ejjennoo siyaasaa itti amananiif cimanii dhaabachuun akka balaa qabu agarsiisuudha'' jedhu.
''Ejjennoo siyaasaa ifa ta'e qabachuufi ejjennoo kanaaf cimanii dhaabachuu laaffisuudhaaf tarkaanfii addabaabayiitti fudhatameedha,'' jedhanii ibsu.
''Warra kaan sodaachisuuf wanta godhamedha. Namoonni siyaasaa akkasii ejjennoo qaban hammuma baayyatan dhiibbaa mootummaarraan gahuu danda'an xiqqeessuuf waan godhameedha jedheen yaada,'' jechuunis tilmaama isaanii ibsan.
Ji'oota dura gabaasa dhima hiree qabsoo nagaa Itoophiyaa keessa jiruu irratti Obbo Battee dabalatee namoota siyaasaa adda addaa dubbifne, haalli jiru yeroo kamuu caala hammaachaa dhufuu ibsanii ture.
Obbo Batteen wayita san yaada kennaniin dirreen qabsoo karaa nagaa hammamuu dhiphachaa deemu ''abdii kutuudhaaf hin jirru'' jedhanii ture.
Amma ''ajjeechaan siyaasaa' nama yaadaan muggutuun dhageettii horataa jiru kanaa qabsoo karaa nagaaf abdii kutachiisaadha'' jedhu namoonni dhaabbilee siyaasaa sadan dubbifne.
Piroofeesar Maraaraa, Obbo Girmaa fi Dr Raaheel ajjeechaan kun qabsoo karaa nagaan godhamu abdii kutachiisuutti adeemaa jiraa jechuun ibsan.
Obbo Girmaan, ''ajjeechaan kun dirreen siyaasaa hangam takka akka dhiphate ykn cufameera sadarkaa jedhurra gahee namoonni dhaaba siyaasaa keessatti hooggansa olaanaarra jiraniiyyuu lubbuu isaaniif sadarkaa wabii hin qabnerra gahuu agarsiisa,'' jdhan.
Dabaluunis, ''hooggansi siyaasaa kaanis kaka'umsi qabsoof qaban laafee qabsoorraa booda akka jedhan dirqisiisa'' jedhu.
Piroofeesar Maraaran seenaan Itoophiyaa barkurnee hedduuf ture sagalee mormii cufuu fi ukkaamsuun as gahee jechuun, ta'us ''qabsoon takkaa hin dhaabbanne'' jedhu.
Uummanni miiliyoonaan dararaamaa jira, namoota siyaasaa ajjeesuu fi hidhuun, dararuun miidhaa qabaatus, qabsoo karaa kamiinuu godhamu kan jabeessu malee kan laaffisu miti,'' jedhu.
''Rakkoo siyaasaa jiru walitti dubbatanii furuuf abdii kutachiisa. Rakkoo siyaasaa boruufi iftaaniif walitti dubbachuu mataasaa rakkisaa taasisa. Mariif karaa cufaa deema malee karaa saaqaa hin deemu.''
Seenaa siyaasa Itoophiyaa darbee yaadachuun, bu'aan haala akkasiin dhufu eenyuunuu hin fayyadne hin fayyadus'' jedhan Piroofeesar Mararaan.
Dr Raaheel Baafee gama isaaniin, ''yoomiyyuu caala abdii kutachiisaa dhufus furmaanni waaraana karaa kana qofa waan dhufuuf itti cichuu malee falli biraan hin jiruu jedhu.
Aangoon mootummaa filannoofi muggutii yaadaan malee waraanaan ta'uun irra hin jiruu kan jedhan Dr Raahel, qabsoo karaa nagaa gara filannoo walabaatti geessuun akka dhufu himan.
''Sirnichi nageenya biyyaafi aangoo uummataaf deebisuuf dursa hin kenniine. Santu yaadessaadha. Batteen bosona galee meeshaa waraanaa waliin argamee miti kan ajjeefame. Sababa yaada isaatiif ajjeefame. Kanaaf qabsoo karaa nagaa kun abdii kutachiisaa jira. Garuu ammoo itti dhiisuu hin dandeenyu,'' jedhan.












