Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qabiyyee 'TikTok to'achuun danda'amaa? Itoophiyaaf hangam yaaddoodha?
Miidiyaa hawaasaa akka Feesbuukii qabiyee isaa miidhaa dhaqqabsiisan to’achuu dadhabuun Itoophiyaatti hookkarrii fi jibbi sanyummaa akka hammaatu taasisuun himatamaa ture.
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa guddaan kun erga miidhaa guddaa dhaqqabsiisuun himatamee tahus, amma ogeessota qacaruun qabiyyee haasaa jibbinsaa qabanii fi ittiin bulmaata dhaabbatichaa cabsan to’achuu irratti hojjechaa jira.
Dhiyeenya adunyaa irratti miidiyaan hawwaasaa jaalatamummaa guddaa argataa dhufe ammoo TikTok'dha.
Itoophiyaa biyya irra jireessi uummatashee dargaggoota tahan keessatti TikTok jaalatamummaa guddaa argataa jira.
TikTok namoota hedduuf madda galii akkuma tahe qabiyyee inni tamsaasu guutummaan to’atamuu dhabuun miidhaan biyya irraan gahus salphaa miti.
Ogeessonni afaanota Itoophiyaan qabiyyee isaa to’atan hedduun dhibuun fayyadamtootni dhorkaa malee haasaa jibbinsaa fi kanneen safuu hawaasaa cabsan akka tamsaasaa jiran ogeessonni miidiyaa hawaasaa ni himu.
TikTok imaammata qabiyyee isaa ittiin to’atu baasuun viidiyoowwan tamsa’an to’achuu kan jalqabe dhiyeenya akka tahe himu ogeessonni.
Hojjetaan dhaabbata TikTok qabiyyee viidiyoowwan afaanota Itoophiyaan tamsa’anii to’achuu irra hojjetu BBC’n dubbise, gahaa tahuu baatus dhaabatichi hojii to’annoo jalqabuu BBCtti hime.
Keeniyaa Naayiroobiitti hojii kan jalqabe Bitootessa 4 bara 2023dha.
Gara hojiitti osoo hin galiin dura leenjii dhimma miidhaa saalaa fi qabiyyeewwan waa’ee saal qunnamtii [ejja] qaban, mirga bineensotaa akkasumas viidiyoowwan hookkaraa fi dubbiiwwan jibbinsaa qaban irratti fudhachuu hime.
Keessumaa wal qunnamtii saalaa kan agarsiisanii fi qunnamtii saalaaf nama kakaasan akkasumas viidiyoowwan ajjeechaa agarsiisan, dhiiga dhangala’u ykn wantootni ilaaluuf suukaneessoo tahan [graphic] tahan akka daawwattoota bira hin geenye dhorkuu irratti leenjii fudhachuu dubbata hojjetaan kun.
Mirga bineensotaa waliin wal qabatee ajjeechaa fi cunqursaa, reebicha, hidhuu fi beelessuu walumaagalatti viidiyoowwan miidhaan irraan gahuu agarsiisan jabeeffamanii kan dhorkaman tahuu dubbata.
Viidiyoowwan haasaa Jibbinsaa fi sanyummaa qabanii fi hookaraa fi walitti bu’insa kakaasan tamsaasuun akkaataa imaammata TikTok'n dhorkaadha.
Viidiyoowwan qabiyyee akkasii qaban tamsa’uu isaaniin dura dhorkamuu akka qaban imaammatni TikTok ni hima.
Yoo takkaa bahe ammoo osoo namoota hedduu bira hin gahiin balleeffamu akka qabu imaammatni isaa ni hima jedha hojjetaan dhaabbatichaa dubbisne.
‘’Yeroo tokko tokko erga gabaafameeti kan nu bira gahu. Yeroo baay’ee nu jala darbuu danda’a. Tokko tokko erga baay’ee jaalatamanii, namoota hedduun ilaalamaniiti kan arginu. Tokko tokko ammoo osoo daawwatoota bira hin gahiin bira geenya.’’
Qabiyyee TikTok to’achuun danda’amaa?
Obbo Toleeraa Fiqiruu gaazexessaa fi ogeessa miidiyaa hawwaasaati.
Obbo Toleeraan qabiyyeen viidiyoo TikTok akka adunyaattiyyuu yaaddoo taheera jedhan.
Qabiyyeen Feesbuukiin erga Itoophiyaatti miidhaa dhaqabsiisee qabiyyee isaa to’achuuf ogeessota qacaree hojjetaa ture.
Obbo Toleeraa Fiqiruu TikTok'n ammoo kana irraa hin baranne jedhan. Dhaabbanni TiikTook bara 2022 keessadha qabiyyee to’achuu irratti imaammata baasuun hojjechuu kan jalqabe jedhan.
‘’Balaan qabiyyee TikTok keessumattuu biyya keenya keessatti guddaadha. Sababni isaa ammoo viidiyoon TikTok hedduu waan ilaalalamuuf. Adunyaan kun gara Virtual Society ykn adunyaa viidiyootti jijjiiramaa jirti waan taheef.’’
To’annoo TikTok'n qabiyyee isaa irratti taasisu Itoophiyaa keessatti laafaadha jedhu ogeessi miidyaa hawwaasaa kun.
‘’Haasaa jibbinsaa gurguddaa tamsaasuu keessatti shoora olaanaa qaba. Jibba sabaa, nama dhuunfaa fi kaan tamsaasun beekama.’’
To’annicha akka laaffattu kannnen taasisan keessaa tokko Artificial Intelligence afaanota Itoophiyaa waliin akka qabatu ibsu Obbo Toleeraan.
‘‘Maashin Leraniing ykn AI kan jedhamu jira. Kun maashinni ofuma isaan haasaa jibbinsaa adda baasee ofumaan kan to’atudha. Afaanotni Itoophiyaa gara dijitaalaatti guddachuun afaan maashinaa kana keessa hin galle. Kanaaf karaa AI qabiyyee hin barbaachifne adda baasuuf rakkisaa taha.‘‘
Hanqinni biraan qabiyyee afaanota Itoophiyaa TikTok irratti tamsa’anii to‘achuuf ogeessota qacaruu waliin kan wal qabatu tahuu kaasu.
Ogeessotni qacaraman loogii qabaachuu waan danda’aniif karaa qulqullaa’aa taheen hojjechuun rakkisaa tahuu danda’a jedhan.
‘‘Qabiyyee Itoophiyaa keessaa tamsa’an to‘achuu irratti hojiin hojjetamaa jiru gahaa miti. Ogeessotni Fact Checking irra hojjetanis tahe dhaabbata biraa waliin tahuun hojjetan gahumsa isaa qabuu? kan jedhu gaaffii keessa jira.
‘‘Hojiin qabiyyee to’achuu karaa haqa qabeessaa, itti gaafatamummaa qabuu fi iftoomina qabuun hojjetamuu qaba. Garuu warra to’atan ilaalchisee dhiibbaa siyaasaa jalatti kufumoo dhuguma iftominaan hojjetu kan jedhu rakkoo qaba. Hanqinni iftoominaa jira waan taheef.‘‘
Hojjetaan dhaabbata TikTok BBC’n dubbise qabiyyee viidiyoowwan TikTok guutummaan to’achuun akka hin danda’amne himuun, kana caalaa fooyyeessuuf ammoo humni namaa gahaan jiraachuu qaba jedhe.
‘’Dhugaa dubbachuuf to’achuu hin dandeenye. Humna namaa hedduu barbaachisa. Nuyi baay’ee dadhabneeti kan oollu. Namni tokko yoo xiqqaate guyaatti hanga viidiyoowwan 500 ilaala.
Kishaafaan ijaaraa [fuullee ijaa] nuuf kennama. Garuu kunis tahee gahaa miti. Hanga ammaatti xiyyeeffannoo guddaan kan itti kenname ijoollee fi miidhaa dubartoota irra gahu irrattidha.
Hanga ammaatti afaanota Itoophiyaan kann hojjetan namoota kudhan akka tahan hime.
Afaanota jiran irratti humna namaa dabalataan yoo hojjechiisan fooyya’insi dhufuu danda’a amantaa jedhu qaba. Humna namaa muraasaan amma kan hojjetaa jiran garuu fooyya’insa fidus guutummaan to’achuuf garuu akka hin danda’amne dubbata.
‘‘Qabiyyeen TikTok tokko tokko meeshaa waraanaa gadi miti‘‘
Biyyootni akka Ameerikaa, UK fi Awustiraaliyaa TikTok ugguraa jiru. Sababni isaa yaaddoo nageenya biyyaalessaa dhaabbaticha irraa waan qabaniif tahuu kan himan ogeessi miidiyaa hawwaasaa Obbo Toleeraan, kan Itoophiyaa garuu ‘‘dhimma lubbuun jiraachuu waliin waan wal qabatuuf kan biyyoota kanneeniin ol yaaddeessaadha,‘‘ jedhan.
‘‘Dhimma waraana kakaasuuti, dhimma saba walirratti kaasuuti. Dabalata ammoo amala dargaggootaa balleessaa jira. Qabiyyeen safuu cabsan, qabiyyee saalqunnamtii akka poornoogiraafii hojjetamanii gadhiifamu, kun to’atamaa hin jiru.‘‘
Itoophiyaan dhiyeenya labsii haasaa jibbinsaa ilaalu baasteetti. Haa tahu malee hojiirra oolmaan isaa hedduu hin mul’atu jedhu Obbo Toleeraan.
Qabiyyee miidiyaalee hawwaasaa to’achuuf hanqinni teeknoloojii fi liijistikii jiraachuu akka danda’us eeran.
‘‘Qabiyyeen isaa meeshaa waraanaa gadi akka hin taane hubatameeraa mootummaa biratti? kan jedhu irratti gaaffiin qaba.‘‘
Mootummaan gama teeknoloojii, faayinaansii fi loojistikiin irratti hojjechuu qaba jedhan.
Danqaa biraa kan tahe ammoo mirga yaada ofi bilisaan ibsachuu waliin wal qabachuu kan himan Obbo Toleeraan biyyoota guddatan keessatti uummatatu qabiyyee hin barbaachisne ilaaluu dhiisuudhaan balaa gahu malu ittisa.
Biyya keenya keessatti garuu hawwaasni itti gaafatamummaa fudhachuun qabiyyee hin barbaachisne dhiisuurra hanqinni jira,‘‘ jedhan.
Itti fayyadama miidiyaa hawwaasaa keessatti mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu itti gaafatamummaa waliin tahuu hawwaasni beekuu akka qabu himu.
Mootummaan imaamata jabaa baasuun qabiyyee balaa qaban to’achuun uummata isaa tiksuu akka qabus eeran.
‘‘Ameerikaa caalaa dimokiraasi qabna amantaa jedhu hin qabu. Isaaniyyuu waan biyya miidhu jedhanii itti amananiif imaammata haaraa baasan. Itoophiyaanis karaa miidhaa hin qabneen imaammataan qabiyyee isaa to’achuu dandeessi.‘‘
Miidhaa xiin-samuu hojjettoota irra gahu
Hojjetaan dhaabbata TikTok afaanota Itoophiyaa irratti hojjetuu fi Keeniyaa magaalaa Naayiroobii buufate dubbisne guyya guyyaan qabiyyeewan suukaneessoo argaa akka oolan hime.
‘Eeyyee baay’ee ulfaataadha,’ jedhe hojjetaan TikTok qabiyyeewwan to’atu. Haa tahu malee, ogeessi xiinsammuu qacarameefii yeroo barbaadanitti gorsa akka argatan hime.
Ogeessonni xiinsammuus akkasuma waajjira mataa isaanii akka qabanii fi sa’a 24 gorsa kennuuf banaa tahuu hima. Sa’a boqonnaa gahaa qabaachuus dubbata.
‘’Waan argine, waan nu naasise, waan nu jeeqe akka dubbannu nu jajjabeessu, yeroo boqonnaa gahaas nuuf kennu.’’
Kana dura hojjettoota kaampaanii Feesbuukii irra miidhaan sammuu guddaa akka gahee fi of eeggannoo gahaa akka godhus dubbata.
Afaanota Itoophiyaa keessaa afaan Amaaraa fi Afaan Oromoon kan hojjetan akka jiran himuun afaan Tigiree ammoo hojjettootni afaan Amaariffaa fi Tigiree dandahan waan jiraniif walumaan akka ilaalamu hime.
Afaan Tigiree deeskii mataasaa garuu akka hin qabne hime.
Afaanota Itoophiyaa irra warra hojetan irra miidhaan hagas jedhamu akka hin geenye hime.
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa viidiyoon yeroo namni fayyaatti gubatu agarsiisu akka tamsa’e kan himu hojjetaan kun Naayijeeriyaatti garuu guyya guyyaan waan hamaan mudataa kka oolu dubbata.
‘’Yeroo tokko tokko yeroo namootni baay’inaan wal fixan argita. Yeroo biraa ammo daa’imni waggaa torbaa yeroo gudeedamtu argita.
Haa tahu malee ulfaatina hojii isaa wlaiin wal bira qabanii yoo ilaalan kaffaltiin argatan hagas mara gahaa miti jedha.
Waggaatti doolaara kuma 40 akka kaffalamuuf dubbata.