Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatiin mootota UK sirna bulchiinsa koloniif dhiifama gaafachuu qabu- Lammiilee Afrikaa
Magaalaa Johaanisbarg keessatti kan argamu Raadiyoon hawaasaa (Community radio) yaada namootaan dhiphateera.
MJ Mojalefa namoota kallattiin bilbilanii waa'ee Giiftii Elizaabet yaada kennan keessummeessa.
Dargaggeessi umrii waggaa 22 kun waa'ee Impaayera Biriteen irratti dargaggoonni akkasaa kaanis yaadasaa akka qooddatan barbaada.
''Biriteniin koloneeffatamnee turre, giiftiinis hariiroo Afrikaa fi biyyashee kana hin jijjiirre,'' jedhe tokko bilbilaan wayita yaada kennu.
''Uummanni jireenyasaa itti fufee yoona ga'eera, seenaan darbe garuu akkasumatti jira,'' jedhe namni kan biraan.
Dargaggoo MJ Majelefa mootii haaraan Chaarles III dhiifama akka gaafatan fedha.
''Namoonni hedduun giiftii Elizaabet dhiifama osoo hin gaafatin darbite jedhu, kana isheerraa eegaa turan.''
Afrikaan Kibbaa bara 1961 erga rippaablika taatee booda waggoota 13 itti aananiif sirna appaartaayidii ( qoollifataa) jala turte.
Waggoota sirna appaartaayidii kana keessaa waggaan sagal bara bulchiinsa giiftii Elizaabet II ture.
Dhaloonni ammaa Afrikaa Kibbaa godaannisa bara kolonii fi jiruusaanii har'aa walbira qabuun akkamiin walitti araarsina kan jedhu irratti guddoo qoramaniiru.
Namoota yaada kanaan wal'aansoo qaban keessaa artistoonni Mzoxolo ''X'' Mayongo fi Adilson De Oliveira isaan adda dureedha.
Hojiin isaanii sirna bulchiinsa kolonii balleessuurratti xiyyeeffata.
''Seenaa Afrikaa Kibbaa yoo fudhanne, tokko isa kaanirraa addatti baasnee kan ilaallu miti. Taateen tokko isa kaanitti geessa,'' jedhe De Oliveira.
Artist Mayongo jiruun sirna bulchiinsa appaartaayidii jalatti maal akka fakkaatu wayita akkoosaa gaafatu seenaan dhagahe akka dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennu isa dirqamsiise.
''Godaannisa sana balleessuun hin danda'amu. Madaa yeroo sanaa akkamiin fayyista?'' jedhee gaafata.
Artistoonni lameen yeroon kun ardii Afrikaa waliin michummaa uumuuf mootii Chaarles IIIf carraa guddaadha jedhan.
''Duuchaadhumaatti abdii kutannee hin teenye. Gara fuulduraatti hariiroon bulchiinsi mootummaa gonfoo Afrikaa waliin qabaatu itti gaafatamummaa kan of keessaa qabu ta'a jennee yaadna. Biyyoota Afrikaa waliin taa'anii ni mari'atu jennee abdanna,'' jedhe artist De Oliveira.
Biriteen beenyaa kaffaluu, meeshaalee seenaa fi aadaa deebisuu, akkasumas albuuda hatan deebisuu akka qabdu dubbatu artistoonni kunneen.
Daayimandii guddaa seena qabeessa ta'ee fi mallattoo Afrikaa Kibbaa ture kan ammaa gonfoon giiftii ittiin faayame akka abbaaf deebi'u gaafatan.
Biriteen waan bara kolonii saamte akka deebistu gaafachuun Afrikaa Kibbaarraa qofa osoo hin taane gara kallattii kaabaan Keeniyaa, Naayiroobii irraas gaaffii ijoo ta'ee dhiyaateera.
Keeniyaan erga bara 1963 waanjoo kolonii UK jalaa walaboomtee as pireezidantii shanaffaa torbee darbe kana keessa argatteetti.
Filannoon pireezidantummaa akkuma mata duree oduu ture, du'i giiftii Elizaabeet lammaffaas ijoo dubbii ture.
Haalli kun hariiroo biyyattiin Biriteen waliin qabaachaa turterratti gaaffiin akka ka'u affeereera.
''Lubbuu nama hedduu dhabneerra, kun nama gaddisiisa. Gocha aadaa, qabeenya, jaarmiyaalee biyyoota Afrikaarratti raawwatan amananii as ba'anii dhiifama gaafachuu qabu,'' jedhe dargaggeessi Keeniyaa umrii waggaa 30 Nelson Njau.
Dargaggeessi waggaa 29 Sammy Muskoya yaada hiriyaasaan waliigaluu ibse, ''hanga yoonaa akka nama walqixaatti osoo hin taane akka miidhamtootaatti of ilaalla. Miira akkasiitu jira,'' jedhe.
Miirri kun kan irraa maddu waan bara fincila Mau Mau mudaterraati. Bara sana Impaayerri Biriteen namoota fincila kana keessa turan haala suukanneessaan haleeluun, namoota 90,000 ta'an ajjeesuu Komishiniin Mirga Namoomaa Keenyaa ibseera.
Bara 2013 mootummaan UK maanguddoota Keenyaa miidhaa bara kolonii himatan 5,000 ta'aniif beenyaa doolaara miiliyoona 22.6 kaffaluuf waliigalee ture.
Waa'ee bulchiinsa mootummaa gonfoo Biriteen ilaalchisee Keenyaa keessatti yaadi namoota umriin jaaran bira jiru akka kan dhaloota ammaa miti.
Manguddoon umrii waggaa 50 Caroline Murigo du'a giiftii Elizaabet lammaffaatti gadduu himte.
''Naman bara jireenya kootii guutuu beekuudha. Baayyeen gadde, garuu yeroosheeti. Mootii haaraaf, Chaarles III, carraa gaariin hawwa,'' jette.
Dubartiin umrii waggaa 46 Mary Muthoni ammallee bulchiinsi mootummaa gonfoo Keeniyaaf ni barbaachisa jette.
''Diinagdeen keenya akka fooyya'u, bu'uuraaleen misoomaa akka guddataniif nu gargaaru.''
Ibsi gaddaa hooggantoonni fi qondaaltonni biyyoota Afrikaa du'a giiftii Elizaabet irratti baasan hundinuu ishee jajuusaanii mul'isa.
Biyyoota Afrikaa keessaa biyyi guddoon kolonii Biriteen turte Naayijeeriyaan magaalaa guddoo biyyattii Abujaatti yaadannoo gooteettiif.
Gabaasaan BBC sirna kadhannaa kanarratti argame miirri gaddaa namoota hedduu bira jiraachuu hime, garuu kallattiin miidiyaarratti dubbachuu hin fedhan.
Kunis falmii tibbana waa'ee impaayera UK ilaalchisuun biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti ka'aa jiru sodaa fakkaata.
Gara Keeniyaatti wayita deebinu ammoo lammiin Keeniyaa umrii waggaa 32 Douglas Mwangi, giiftii Elizaabet hojii Commonweath ilaalchisuun hojjetteen faarfamuu qabdi jedhe.
Du'a giiftii Elizaabet hordofee dhimma impaayera UK irratti falmiin ka'aa jiru madaan bara kolonii ammallee hin fayyin jiraachuu agarsiisa.
Hedduun yeroon kun Biriteen waa'ee miidhaa bara kolonii ardii Afrikaa waliin yeroo itti mari'achuun soroorsuu qabduudha jedhanii ejjennoo ibsaa jiru.