Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaan paantiin magaalaa keessa shubbisaa ture hidhaa seene
Raappariin badhaafamee beeku Lil Nas X jedhamu dhibdee poolisii waliin tureen Los Anjalas keessatti hidhamuu aangawoonni mirkaneessan.
Guyyaa Kamisaa namni paantii isaan daandii gubbaa deemaa akka jiru erga namoonni gabaasan booda poolisiin waamamuu dubbii himaan Poolisii Loos Anjalas himaniiru.
Qondaaltonni erga bakkicha dhaqqaban booda weellisaan kuni isaan ''loluu'', achiis shakkiin to'annoo jala ooluu poolisiin himeera.
Qoricha baay'isee fudhate shakkii jedhuun wal'aansa akka argatu hospitaalatti geeffameera.
BBC'n yaada argachuuf bakka bu'aa isaa qunnameera.
Viidiyoon weellisaa kana mul'isu gaafa Kamisaa TMZ'dhaan maxxanfameera.
Viidiyoo kanarratti weellisaan kuni paantii isaafi boottii godhatee yeroo shubbisuufi namoota daandirra darban ''koottaa shubbisatti makamaa'' jedhee affeeraa ture.
Raappariin kuni albamii isaa lammataa baay'ee eegamu ji'oota muraasa keessa akka gadhiisu eegama.
Weellisaan kuni nama jalqabaa jaalala saala wal fakkaataa leellisuufi badhaasa Country Music Association fudhatedha.
Wallee isaan Giraamii lamaafi tarree wallee jaallatame ykn Billboard Hot 100 irratti yeroo dheeraaf baay'inaan caqafamaa tureen riikardii cabseera.
Weellisaan kuni hojii isaa keessatti falmiinis isa mudateera.
Wallee isaa Montero jedhamu kanneen Ameerikaa keessatti dubbii cimsan ''seexana'' jedhanii maqaa itti baasaniiru.
Eegasii weellisichi YouTube irratti itti qoosee deebii kenne.