Ajjeechaan Dr Andu'aalam Daanyee Baahirdaariitti attamiin raawwatame?

Torban darbe Sambata galgala magaalaa Baahirdaaritti dhukaasa itti banameen ajjeefamuun Dr Andu'aalam Daanyee jiraattota magaalaa Baahirdaariifi ogeeyyii fayyaa rifaasiseera.
Ogeessi fayyaa kuni hogganaa kutaa tajaajila wal'aansa baqaqsanii hodhuu hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xibaba Giyoon keessa dalagu.
''Nama bara meeqa keessa takka dhalatudha,'' jedhu kanneen isaan waliin dalaganiifi isaan waliin guddatan.
Namoonni BBC'n dubbise kunneen Dr Andu'aalam sadarkaa jalqabaa eegalee barataa cimaa badhaafamaa turan akka ta'an himan.
Nama 'sammuu qaroo' jechuun kan isaan ibsan hiriyyaan isaanii biroo, Dr Andu'aalam umrii isaanii 37 keessaa 26 barnootarratti dabarsani jechuun ibsu.
Kanneen isaan waliin hojjetaniifi BBC'n dubbise ogeessi ajjeefaman kuni ogeessa maqaa guddaa horatan, amalaafi beekumsa guddaa qabanidha jedhu.
''Ogummaan yaalaa eenyu fakkaata yoo jedhame Dr Andu'aalam fakkaata,'' jechuun gama hundaan nama kennaa qaban akka ta'an himu.
''Nama hamaa hin dubbanne, dhukkubsattoota kunuunsa guutuun kan wal'aanu,'' jechuun nama namummaa gaarii qaban akka ta'an dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Nameenya qaban, tajaajila kennaniifi fudhatama qaban waliin walqabatee,'' ajjeechaan irratti raawwate akka isaan jeeqe kan dubbatan nami isaan waliin hojjetan biroo, ajjeechaan kuni ''daangaa ogummaa kan cabsedha,'' jedhaniiru.
Ogeessi kuni ALI Amajjii 24, 2017 magaalaa Baahirdaar keessaa xiqqoo bahee bakka Qoshee jedhamutti laphee isaaniirratti itti dhukaafamee lubbuun isaanii darbe.
Dr Andu'aalam hospitaala Yunivarsitii Baahirdaar jiru jala hakiima ispeeshaalistii tiruufi hadhooftuu, qorataafi barsiisaa turan.
Yunivarsiiticha keessatti gargaaraa pirofeesaraa kan ta'an Dr Andu'aalam, barnoota ispeeshaalistii isaanii bara darbe ture Yunivarsitii Finfinneerraa kan xumuran.
Magaalaa Baahirdaariitti kan hojii dabalataa itti hojjatan Hospitaala Afiilaasii hojiisaanii xumuranii gara mana jireenyaasaanii (bakka oggeeyyiin hospitaalaa keessa jiraatan) kan magaalaa irraa fageenya kiilomeetira 10 irratti argamuutti osoo deebi'aa jiranii ture galgala keessaa sa'aatii 12:20 irratti kan ajjeefaman.
Dr Andu'aalam osoo hin ajjeefamiin daqiiqaa muraasaan dura hakimiin gara biraa haleellaan walfakkaatu irratti raawwatamee jalaa miliquu maddeen BBC Amaariffatti himan.
Namoonni hidhataniifi kanneen ''uffata siviilii'' uffatan daandii irratti bahuudhaan hakiimicha dhaabbachiisuuf yoo yaalan naasuudhaan miliquu waahilli ogummaasaanii tokko himan.
''Mataasaa gadi qabatee konkolaataasaa boba'aa kennuun oofe. Konkolaatittiin rasaasa sadiin rukutamte. Akkaa carraa ta'e hakimichi garuu hin miidhamne. Akkasiin jalaa bahe'' jedhan.
Kun ta'e garaagarummaa daqiiqaawwanii keessatti naannicha kan qaqqabe Dr Andu'aalam 'hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamneen' akka ajjeefame hiriyaansaa ijollummaa fi waahilli hojiisaa BBCtti himan.
''Namni konkotaalaa manaa qabate socha'u homtuu hin jiru. Sarara sanaan konkolaataa qabatanii kan socha'an hakiimootadha'' kan jedhan namni kun, haleellichi saamicha akka hin taane garuu dubbatu.
"Wanti fudhatame hin jiru. Bilbillisaas achumatti argame. Wanti fudhatame homtuu hin jiru'' kan jedhan hiriyaan Dr Andu'aalam, haleellichi ta'e jedhamee kan isarratti xiyyeeffatame ta'uu dubbachuuf akka rakkatan kaasu.
Aanga'aa olaanaan Yunivarsitii Baahirdaar maqaansaanii akka hin eeramne barbaadan tokko, konkolaataan Dr Andu'aalam konkolaachisaa turee fi qabeenyaansaa saamamuu dhabuun, haleellichi kan isumarratti xiyyeeffatedha jedhanii akka amanan BBCf ibsan.
''Ajjeechichi kan qindaa'edha'' jedhanii kan amanan aanga'aan kun, ''kallattiidhaan ajjeesanii deeman. Mobaayillisaa hin tuqamne, gatanii deeman'' jechuudhaan ajjeechaan kun akkasumaan akka hin raawwatamne dubbatu.
BBC naannichatti haleellaawwan irra deddebiidhaan hojjattoota hospitaalaa irra gahan, saamichaa fi dorsiisas ''wabii nageenyaa'' gaafachuudhaaf guyyootaaf hojii dhaabusaanii gabaase ture.
Torbanootaan duras ittigaafatamaan tajaajila waliigalaa hospitaalicha keessatti ajjeeffamuu ogeeyyiin dubbataniiru.
Ajjeechaan amma Dr Andu'aalam irratti raawwatame kunis ogeeyyii fayyaa gidduutti dhiphinaa fi naasuu akka uume ogeeyyiin ni dubbatu.
''Namni danda'u waan qabu qabatee dallicha keessaa bahuuf yaadaa jira. Hojjachuudhaaf wabii homaatu hin jiru.
''Wanti ta'e yeroo mudatuuttin qaamni qaqqabu hin jiru. Erga raawwatame boodas adda baasee kan haqa kennu hin jiru. Jidduutti miidhamaa kan jiran ogeessota walaansaati'' jechuun hakimiin tokko haala jiru dubbatan.
Hojjataan yunivarsiitichaa kan biraa gamasaatiin, ''tasgabbaa'anii tajaajila akka hin kennine taasifamaa jirra'' jechuun miidhaa haleellaa hojjattoota hospitaalichaa irratti irra deddeebiin raawwatamu eeru.
Ajeechaan Dr Andu'aalam miidhaa walitti bu'iinsaafi rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa akka ta'etti ilaalame kuni, haalli qabatamaan naannichaa ogeeyyii fayyaa irratti haleellaan akka raawwatamuuf ''qaawwa'' akka uume hakiimiin tokko kaasaniiru.
Nama gaa'ila ijaarrateefi abbaa ijoollee sadii kan turan Dr Andu'aalam Daanyee sirni awwalcha isaanii ALI Amajjii 25, 2017 Baahirdaariitti raawwatameera.
Hanga ammaattis ajjeechaa isaaniin wal qabatee shakkamuun kan to'atame hin jiru.
Poolisiin magaalaa Baahirdaar ajjeechichi ''humnoota hin beekamneen'' akka raawwatameefi qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












