Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daldalli Chaayinaa waliinii Afrikaa gargaareeramoo ni miidhe?
Fooramii Tumsa Chaayinaa fi Afrikaa waggaa sadiitti al tokko gaggeeffamu kan biyyoonni Afrikaa fi Chaayinaan irratti hirmaatan guyyota 3f Beejingitti gaggeeffama. Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy himed dabalatee dureewwaan biyyoota Afrikaa heddunis Beejing jiru.
Waggoota kurnan lamaan darban keessa Chaayinaan daldala Afrikaa waliin qabdu haalaan guddifte. Keessumaa ammoo daandii, daandii baaburaa fi buufata doonii guutuu ardii kanaa keessatti ijaaruuf doolaara biliyoonaan lakkaa’amu dhangalaasteetti.
Dhiheenya kana garuu Chaayinaan tarsiimoo ishee jijjiirtee oomishaalee teeknooloojii olaanaa fi “dinagdee magariisaa” jedhaman caalaatti Afrikaaf dhiyeessaa jirti.
Fooramii Tumsa Chaayinaa fi Afrikaa kun biyyoonni Afrikaaf Chaayinaa akka gaariitti waliin hojjechuu akka danda’aniif kallatti kan kaa’udha.
Waltajjiin Fooramii Tumsa Chaayinaa fi Afrikaa bara kanaas tibbana kan eegalu yoo ta’u dureewwaan biyyoota hedduus gara Beejiingi galaa jiru. Foramii kana irrattis Ministirri Muummee Chaayinaa Xi Jinping konfiraansii kana irratti haasawa ni taasisu.
Chaayinaan Afrikaa waliin daldala hangamii hojjechaa turte?
Waggoota digdama darban keessatti Chaayinaan michuu daldalaa Afrikaa guddittii, biyyoota Afrikaa keessatti investimentii gurguddaa hojjachuu fi gaafa rakkoo liqaa kennuun dursitee qaqabdudha.
Chaayinaan bara 2022 qofa daldala doolaara biiliyoona 250 ol ta’u biyyoota Afrikaa waliin raawwatteera.
Irra caalaatti meeshaalee dheedhii kan akka boba’aa fi albuuda biyyoota Afrikaa irraa galchuun, meeshaalee dhumatoo deebiftee Afrikaatti ergaa turte.
Bara 2022 kanatti guddina dinagdee Afrikaa fi investimentiin doolaara biiliyoona 5 invast kan goote yoo ta'u, irra caalaa walitti hidhamiinsa geejjibaa haaraa fi dhaabbilee anniisaa ijaaruuf, akkasumas albuuda misoomsuuf ture. Kanarraas Dhaabbileen Chaayinaa gara doolaara biiliyoona 40tti dhiyaatu argataniiru.
Chaayinaan maallaqa hojii misoomaaf biyyoota Afrikaaf liqeessite doolaara biiliyoona 134 qabdi. Kunis liqaa biyyootni addunyaa Afrikaa irraa qaban keessaa gara 20% ta’a. Chaayinaan pirojektoota Afrikaa keessatti hojjetaman kan akka daandii baaburaaf maallaqa biyyoonni dhihaa fi Baankiin Addunyaa hin liqeessine liqeessuuf duubatti jettee hin beektu.
Haa ta’u malee, dhiheenya kana liqiin Chaayinaan biyyoota Afrikaaf kennitu fi sochii invastimantii Afrikaa keessatti gootu irratti hir’inni mul’ateera. Kunis sababa biyyootni Afrikaa hedduun bu’uuraalee misoomaa Chaayinaan biyyoota isaanii keessatti ijaartee fi liqii irra jiru deebisuu irratti rakkoon isaan mudateef akka ta’etu eerama.
Amma garuu xiyyeeffannoo ishee biyyoota Afrikaa pirojektoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo caalaa gara teeknooloojii olaanaa kanneen akka neetworkii telekoomii, saatalaayitii hawaa, soolarii fi konkolaattota elektirikii dhiyeessuutti jijjiirterti.
Daldalli Chaayinaa waliini Afrikaa Keessatti Jiijjirama Akkamii fide?
Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin walitti dhufeenya daldalaa guddaa uumuu kan jalqabde bara 1999 irraa eegalee wayita Paartiin Koominiistii Chaayinaa tarsiimoo daldala alaa cimsitetti ture.
Fooramiin Tumsa Chaayinaa Afrikaa (FOCAC) walgahii isaa jalqabaa bara 2003 kan taasise yoo ta’u, amma Chaayinaa fi biyyoota Afrikaa 53 waltajjii tumsakana irraatti hirmaatu.
Chaayinaan invastimantii Afrikaa keessaa qabdu “faayidaa waloo” jechuun ibsiti. Ta’us,pirojektoonni ijaarsaa Chaayinaan Afrikaa keessatti xumurte namoota naannoo sanaaf faayidaa baay’ee muraasa kan argamsiisan yoo ta’u, kunis mufannaa uumera. Dhaabbiileen Chaayinaa irra caalaan hojjettoota isaanii kan fidanii fi hojjattota biyya keessaa hedduuf kan hojii hin kennine yoo kennanis hojiiwwan hamaa fi balaa qaban irratti hirmaachisuun kan himatamuudha.
Liqiin biyyoota Afrikaaf kennamu waggoota 2013 booda, Chaayinaan Neetworkii daldalaa guutuu Afrikaa fi Eeshiyaa fooyyessuuf Inishiyeetiivii ‘Belt and Road’ kan jalqabde yoo ta’u, bara 2016tti doolaara biiliyoona 28 ol ta'eera.
Chayinaan mootummoonni maallaqa guddaa akka liqeeffatan amansiisuudhaan ergasii yeroo kaffaltii deebisuu irratti rakkoon isaan mudachuun haala Afrikaa ittiin saamuu dandeessuun liqeessitee jechuun himatamtee.
Chaayinaan liqaa Angoolaa iirraa Doolaara biiliyoona 18, Zaambiyaa irraa doolaara biiliyoona 10 ol, Keeniyaa irraa ammoo doolaara biiliyoona 6 walitti qabuu ishee ragaan Chatham Haawus irraa argame kan mul’isu. Biyyootni kunneen hundinuu maallaqa kana deebisuun baay’ee rakkoo itti ta’ee jira. Yeroo baayyee Chaayinaan mootummoota Afrikaa wayita liqaa liqessitu hanga meeshaalee dheedhii biyyattin qabdu waliin wal qabsiisuni.
Waliigalteewwan akkasii kun Chaayinaan biyyoota akka Koongoo keessatti bakka albuudaa hedduu akka to’attu gargaareera.
Hogganaan Baankii Misooma Afrikaa Akinwumi Adesina, mootummoonni Afrikaa liqii gosa kanaa irraa fagaachuu akka qaban AFP tti himaniiru.
Chaayinaan gara fuulduraatti Afrikaaf karoorri qabdu maali?
Waggaa sadiitti al tokko kan taa’amuu fooramiin Tumsa Chaayinaa fi Afrikaa beejingitti Adeemsifamu kun kaayyoo fi imaammata bal’aa hariiroo Afrikaa fi chaayina ibsu ni kaa’a jedhamee eegama. Hariiroo fi michuu daldala alaa Afrikaa waliin qabdu tooftaa fi fayyadamummaa waloo ta’uu kan ibsitu Chaayinaan xumura jaarraa kanaatti ummanni addunyaa 40 % ta’u Afrikaa keessa akka jiratu eerti.KanaafisAfrikaan egeree dinagdee addunyaa qabachuun ishee akka hin oolletu ibsama.
Haa ta’u malee, fedhiin Chaayinaan Afrikaa keessatti qabdu daldalaa qofa osoo hin taane siyaasaas kan dabalatu dha
Biyyoota Afrikaa 50 ol UN keessa jiru, carraa kanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee idil-addunyaa biroo keessatti dhiibbaa uumuuf akka itti fayyadamtu ogeeyyiin kan himan.