'Maanchister Yuunaayitid lubbuun keessaa baatetti'- Waayinii Ruunii

Wayinii Ruuniin Maanchister Yuunaayitid keessaa amma lubbuun baateetti jechuun leenjisaa Ruuben Amoorim irraa amantaa hin qabu jedhe.

Sagantaa Poodkastii BBC irratti taphataan Maanchister Yuunaayitidiif galchii lakkoofsisuun rikardii qabate Ruuniin, kilebichi ''cabeera'' jedhe.

Yeroo taphaa kamiyyuu ''akka isaan mo'aman'' eegaa akka deemu hime.

Maanchister Yuunaayitid Bireentifoordiin 3-1 mo'amuu isaa hordofee Amoorim taphoota Piriimer Liigii 33 irraa qabxii 34 qofa argate.

Maanchister Yuunaayitid ammayyuu Ruuben Amoorimiin akka deeggaruu fi leenjisaa biraan bakka buusuuf akka yaada hin qabne ibse.

Ruuniin taphattoonni tokko tokko ''uffata Maanchister Yuunaayitid uffachuufiyyuu gahumsa isaa hin qaban'' jechuun qeeqe.

Kilebichi huhmna addaa barbaada kan jedhue Ruuniin deeggartoonni kilebichi deebi'ee ka'uu isaa eegaa jiru jedhe.

''Ani waanuma abdii naa kennu homaa argaa hin jiru. Akkan yaadutti jijjiirama guddaatu barbaachisa,'' jedhe Wayinii Ruunii.

Ruuniin maanchister Yuunaayitid waliin waggoota 13 keessatti waancaa Piriimer Liigii shan mo'ateera.

''Leenjisaa, taphattoota, waan fedheyyuu haa tahu garuu jijjiirama barbaachisa.''

'Abbootii qabeenyaa kilebichaa irraa ergaan ifa tahe kennamuu qaba'

Maanchister Yuunaayitid bara darbe sadarkaa 15ffaan xumure. Qabxiin kun erga bara 1973-74 liigicha keessaa kufanii as yeroo jalqabaaf qabxii xiqqaa galmaa'edha.

Amoorim Ispoortiingi Liisban waliin erga walitti aansee waancaa injifatee as ji'a Sadaasaa darbe ture kan Erik Ten Haag bakka bu'uun leenjisaa Maanchister Yuunaayitid kan tahe.

Erga bara 2019 as yeroo jalqabaaf taphoota saddet dirree isaaniin ala taphatan osoo hin mo'atiin turan.

Tapha dhaqaa galaa ammoo walitti aansanii Amoorim jalatti mo'anii hin beekan.

''Abbaa qabeenyaa kilebichaa Gileezersiis haa tahu qooda kan keessaa qaban Sir Jiim Raatkiliif kilebichi garamitti akka deemaa jiru hubachuu qabu. Ammayyuu osooma teenyee ilaalluu kilebichi kufaa jira.''

''Ani akkaadaamii kilebichaa keessaa ijoollee laman qaba. Kufaatii kanaan akka isaanillee miidhaman hin barbaadu. Kun Maanchister Yuunaayitid nuyi beeknu miti.''

"Ani hojii leenjisummaa kanas yaaleera. Beekas. Ruuben Amoorim nama umuriikoo irra jirudha. Fuuldura ifaa guddaa qaba. Garuu waan Maanchister Yuunaayitid keessatti tahaa jiru Maanchister Yuunaayitidiin hin fakkeessu.

''Osoo haala amma jiru kana jijjiiree milkaa'ee natti tola. Garuu isarraa abdii qabdaa? jettanii yoo na gaafattan, haala amma tahaa jiruu fi haga ammaa jiru arge irraa ka'uun homaa abdiin natti hin mul'atu. Isa irraas abdii hin qabu''

Amoorim falaasama tapha isaa 3-4-2-1 hin jijjiiru jechuun isaa gatii akka isa kaffalsiisaa jiru himama.

Kun taphattoota kilebichi qabu wajjin deemaa jiru miti. Amoorim ammoo ''ani nama waa'ee hojiikoof yaadda'i miti, ani nama akkasii miti, murtoon isaas harka koo keessa miti'' jedhe.

Erga kaampaaniin 'INEOS kan Sir Jiim Raatkiliif qooda kilebichaa xiqqaa bitachuun dhimma kubba miilaa irratti itti gaafatama isaa fudhatee hojjettoonni kilebichaaf baay'ee murteessoo tahanii fi waggoota 20, 30 achi hojjetan ari'amaniiru.

''Taphattoonni mo'achuuf yeroo tattafatan, yeroo aarii fi gootummaan taphatan homaa irra hin argitu. Lubbuu fi onneen kilebicha keessa ture amma sokkeera, humna haaraa tokko barbaada,'' jedhe.