Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Yuunaayitid maaltu tuqe? Amoorim leenjisaa sirriidhaa?
Ruuben Amoorim jalatti kufaatiin Maanchister Yuunaayitid isa duraan ture irraayyuu ni ariifate.
Har'a Bireentifoord kilaba leenjisaa isaa jabaa fi taphattoota murteessoo dhabeen 3-1'n mo'aman.
Bara darbes Bireentifoord Maanchister Yuunaayitidiin mo'ateera. Amoorim taphoota Piriimer Liigii 33 haga ammaa maan Yuunaayitid leenjise keessaa 17 mo'ameera.
Deeggartoonni Maanchister Yuunaayitid dirree keessatti ''bor ganama ni ari'amta'' jechuun Amoorim irraa akka aarii qaban ibsan.
Kana dura osoo Maanchister Yuunaayitid mo'amuuyyuu leenjisaa deeggaruun kan beekaman deeggartoonni kilebichaa amma gara Amoorimitti garagalaniiru.
Amoorim taphaan booda yaada kenneen yeroo hundumaa yaaduma tokkodha jedhe.
''Yeroo mo'annu rakkoon tooftaa ykn falaasama taphakoo miti, yeroo mo'amnu ammoo rakkoon falaasama taphakooti,'' jedhe.
''Tapha akka kanaa yeroo argitu ibsuuf si rakkisa. Tasgabboofnee tapha keenya homaa hin taphanne. Inni isaan kana dura taphatan isa har'aa irraa baay'ee adda'' jechuun akka isaanitti ulfaate ibse.
''Akka isaan kubba dheeraa fayyadaman waan beeknuuf isa irratti hojjene. Galchii lammaffaanis akkasumaan gale. Galchii tokko lakkoofsifnee rukuttaa peenaaliitii ammoo dhabne. Yeroo akkasii kana qabxii argachuu hedduu rakkisaadha. Fuulhaam irrattis nu mudate. Har'as akkasuma taane'' jedhe.
''Mo'achuu qabna turre jettee yaaddaa gaaffii jedhuuf: ''qabxii guutuu argachuu qabna ture jechuuf ulfaata. Takkaayyuu tasgabboofnee hin taphanne. Rukuttaa peenaaliitii sana galchuu qabna ture,'' jedhe.
Beenjaamiin Sheeskoo galchii jalqabaa isaa lakkoofsisuu irratti maal jette yoo jedhamu; ''waan guddaan taphataan dhuunfaa galchii lakkoofsisuu fi dhiisuu miti. Akka gareetti mo'achuudha malee. Akka dhuunfaattis haala gaariin yoo taphanne
Yeroo Buruunoon peenaaliitii rukutuuf jedhu maaliif lafa ilaalta? Amoorim yoo deebisu: Yoo leenjistootuma hundaa ilaalte daqiiqaa 90 keessatti yeroo akaks godhan argita. Tapha waliin kan wal qabate osoo hin taane maal yoo goone wayya kan jedhun yaadaa ture. Inni [Buruunoon] akka obboleessa guddaa tokkooti.''
Waa'ee hojii isaa irraa ari'amuu yoo dubbatu, Hojiikoo wlaiin wal qabatee yeroo hundayyuu yaaddoo hin qabu. Inni murtookoo miti. Daqiiqaa as jiru hundatti waan danda'e hundaa nan godha.''
Amoorim ani yeroo hundaa sirriidha jechuuf falaasama tapha isaa akka hin jijjiirre hime.
Taphataan duraanii Maan Siitii kan amma kubba xiinxalu Maayikaa Riichaardis, "akkan yaadutti Ruuben Amoorim mata jabeessadha. Waan hojjechuuf yaalaa jiru kun akka milkaa'aa hin jirre osooma beekuu yaada isaa jijjiiruu hin barbaadu jedhe.
Abbootiin qabeenyaa isa deeggaraa turan. Amma garuu akka hin hojjenne argaa jiru'' jedhe.
Bara kana taphoota jalqabaarraa qabxii torba qofa argate. Amoorim erga leenjisaa Maanchister Yunaayitid tahee takkaayyuu tapha Piriimer Liigii lama walaitti aansee hin mo'anne.
Falaasamni tapha isaa deeggartoota kilebichaas taphattoota kilebichi qabus waan amansiise miti.
Taphattoota sarara duraa sadii bara kana kan mallatteesise Yuunaayitid Beenjaamin Sheeskoo kubbuma galchii tahu mijataa argtee hin beeku. Galchii jalqaba aisaa Bireentifordi irratti lakkoofsisu gahaa hin turre.
Kun ammoo bakka qullaa baasuu fi kubba mijeessee kennuun kan beekamu dursaan taphattootaa kilebichaa Buruunoo Fernaandes gara duubaatti deebi'ee akka taphatu taasifamuu isaa irraa kan ka'edha.
Maatiyaas Kuunaa tapha Bireentifoordi waliin taphatan irratti akka gareetti yoo taphatu hin argamne. Embuumoon kileba isaa duraanii waliin morkatus yaalii qixa isaa eeggatte tokko osoo hin taasisiin dirree keessaa bahe.
Inumaa Bireentifoordi boqannaa durayyuu galchii sadii carraa lakkoofsisuu qabu ture.
Erga Fergusan soorama bahanii leenjisaa kamiyyuu jalatti sadarkaa 15ffaan xumuranii hin beekan. Amoorim yeroon itti dhufe garee isaa qopheessuuf gahaa hin turre, leenjisichi falaasama gaarii qaba jedhamus homaa fooyya'insa agarsiise hin qabu.