Imimmaan Osmaan Dembeelee fi badhaasa 'Ballon d'Or' irratti maaltu jedhame?

Osmaan Dembeelee 'kufeera' erga jedhamee abdii irraa kutatamee deebi'ee bayyaannachuun taphataa cimaa addunyaa tahuun badhaasa 'Ballon d'Or' jalqabaa isaa mo'ate.

Yeroo inni miidhamaan rakkataa ture, kufaatiin isaa haalaan odeeffame, haamileen isaa cabe harmeen isaa biraa hin dhabamne.

Akkasumas haati warraa isaa humna isaa turte. Baarseloonaa keessatti taphattoonni hedduun nagaayyuu isa gaafataa hin turre.

Paarisitti kunoo taphataa cimaa addunyaa kanaati yoo jedhamu waan keessa darbe hunduu akka daawwitiitti fuula isaa dura dhufuun imimmaan roobse.

Lamiin Yaamaal yoo mo'adhe sagantaa afeerraa guddaan qopheessa jechuun maatii fi hiriyyoota isaa namoota 20 fudhatee deeme.

Abbaan lamiin Yamaal Osmaan Dembelee mo'achuu isaaf maaltu itti dhagahame?

Asii haa jalqabnu. "Yoo sirriitti itti fayyadamte addunyaa irraa taphataa jabaadha.''

Dubbii kana leenjisaa Baarseloonaa kan ture Zhaavii Hernaandeztu bara 2021 dubbate. Yeroo sana Zhaaviin Osmaan Dembeelee leenjisaa ture. Har'a kunoo dhugoome.

Badhaasa Ballon d'Or Paarisitti gaggeeffameen taphataan PSG Osmaan Dembeeleen badhaasa isaa jalqabaa argateera.

PSG'n waancaa sadii waggaa tokko keessatti injifachuu hordofee Dembeeleen kaadhimamaa jalqabaa badhaasichaa tahee ture.

PSG'n Shaampiyoonsi Liigii, Liig 1 fi Fireench Kaappii yeroo mo'atu gaheen Dembeelee olaanaa ture.

Taphataan lammii Faransaay umuriin isaa amma waggaa 28 tahe Dembeeleen bara dorgommii darbe qofa galchii 35 lakkoofsisuun kubba galchii tahan 14 ammoo mijeessee kenneera.

Tapahataa cimaa Liig1 Faransaayii fi taphataa cimaa dorgommii Shaampiyoonsi Liigii darbee tahuunis filameera.

Dorgommii Kilab Woorlid kaappi irrattis PSG akka xumuraaf dhaqqabu gargaaree garuu Cheelsiidhaan mo'amuun waancaa dhaban.

Lamiin Yaamaal Baarseloonaa waliin gahumsa guddaarra kan gahee fi waancaawwan sadii injifates akkasuma badhaasichaaf kanneen eegaman keessaati.

Duraan walumaan baarseloonaaf taphataa kan turan Lamiin Yaamaal sadarkaa lammaffaan xumure.

Osmaan Dembeelee maqaan isaa yeroo waamamu wal tajjii irratti bahee imimmaan isaa qabachuu hin dandeenye.

''Waan addaatu natti dhagahamaa jira. Jechan ittiin ibsu hin qabu. Keessumaa waan PSG keessatti hojjenne adda,'' jedhe imimmaan ofirraa haxaa'aa.

Dembeeleen waan hedduu keessa darbine jedhee waa'ee jireenya isaanii yeroo dubbatu imimmaan isa hudhaa ture.

Obboleessi isaa keessumaa tahee saganticha irratti argame imimmaan roobsaa ture. Dembeeleen waa'ee harmee isaa deddeebisee kaasuun galateeffate.

Harmeen isaas wal tajjii irratti isa waliin argamuun jajjabeessiteetti.

''Miira wla makaatu natti dhagahame. Waancaawwan adda addaa mo'attee, isumayyuu badhaasa kana harka taphataa kubba miilaa keessatti seenaa hojjete Roonaaldiniyootii fudhachuun waan addaati,'' jedhe.

Dembeeleen inumaayyuu nama qaana'u ykn saalfatudha. Ija jabinaan nama ilaaluuf rakkataa ture.

Osooma imimmaan isaa cobsuu harmee isaa Faatimaa gara wal-tajjiitti afeera.

Harmeen Dembeelee Faatimaan isaa fi obbolaa isaa biroo afur qofaa ishee guddistee kanaan dhaqqabsiifte.

Kanaaf rakkina harmeen isaa isaan guddisuuf jettee keessa qaxxaamurte yaadachuun boo'e.

Yeroo inni harmee isaa afeerus namoonni saganticha irratti argaman dinqisiifatanii ol ka'uun gammachuu isaanii ibsaniiruufi.

Dembeeleen akkas jedhee kileboota waliin hojjetes galateeffate. Bara 2023 PSG ana barbaaduu isaatti baay'een galateeffadha. Pirezidaantii kilebichaa Naaser [AL-Kelaafii] anaaf akka abbaati. Leenjisaafi hojjettoota kilebichaa hundaa galateeffachuu barbaada. Leenjisaankoo [Eneriikee] anaaf akka abbaati.''

''Waan hundumaa walumaan mo'anne. Yeroo gaarii fi hamaattis na deeggartaniittu. Badhaasni ani akka dhuunfaatti argadhe kun waan akka gareetti waliin mo'annedha.

Lamiin Yaamaalii fi Dembeeleen Baarseloonaa keessatti waliin taphatanii turan. Sagantaa badhaasa Ballon d'Or Paarisitti qophaa'e kana irratti maqaan Dembeelee yeroo waamamu fuula Lamiin Yaamaal irraa gammachuun hin mul'anne.

Yoon badhaasicha mo'adhe sagantaa addaan qopheessa jedhee maatii isaa fi hiriyyoota isaa namoota 20 tahan fudhatee Paaris deemeera.

Garuu Lamiin Yaamaal badhaasa taphataa ol adeemaaf kennamu 'Kooppaa Tiroofii'' jedhamu mo'ateera.

Garuu gara wal-tajjiitti bahuun Osmaan Dembeelee hammattee baga gammadde jedheeraan.

Pirezidaantiin Baarseloonaa Laappoortaan Yamaal mo'achuu qaba ture. Garuu Osmaan Dembeeleen mo'achuu isaa waggoota dhufan itti aanananiif badhaasicha akka mo'atuuf kaka'umsa tahaafii jedhe.

Abbaan Lamiin Yaamaal badhaasicha irratti waliin ture. Akkoo isaa fi haati isaa akkasuams obboleessi isaa xiqqaan kanneen saganticha irra turan keessaati.

Abbaan Yamaal Muunir Naasoraay ''garaagarummaa guddaadhaan Yaamaal Dembeelee caalaa taphataa cimaa addunyaa kanaati. Ilmakoo waan taheef qofa osoo hin taane jabaa waan taheefidha,'' jedhe.

Abbaan Yamaal bara dhufu badhaasicha gara Ispeenitti finna jechuun dubbate.

Osmaan Dembeleen ammoo akkas jedhe. ''Lamiin Yamaal waliin dorgomuun waan gaariidha.

Hundi keenyayyuu umurii isaa xiqqaa kanaan gahumsa akkasiin waggaa guutuu taphachuu isaa argineerra. Falmii jabaa taasifne. Amma yoo hin mo'anne iyyuu fuulduratti badhaasicha yeroo hedduu mo'achuuf carraan harka isaa keessa jira,'' jedhe.

Baarseloonaa erga galee miidhamaan hedduu rakkataa kan ture Dembeeleen haamileen isaa akka malee miidhamee akka ture dubbateera. Kana irraa kan ka'e osoo dandeettii guddaa qabuu haga eegame Baarseloonaa keessatti taphataa urjii tahuu hin dandeenye.

Turtii isaa Baarseloonaa keessatti namni isa wlaiin haasa'uu fi isa jajjabeessu Liyonel Mesii qofa akka tures himee ture.

Liyonel Mesiin fuula Inistaagiraamii Dembeelee jalatti ''baga gammadde badhaasni kun siif mala'' jechuun barreesseeraafi.

Bara 2017 yeroo Boorushiyaa Doortimoondi irraa gatii taphataa qaalii addunyaa isa lammaffaa tahe paawondii miliyoona 135 oliin Baarseloonaaf kan mallatteesse Dembeeleen haga irraa eegame mul'achuu hin dandeenye.

Osoo Baarseloonaatii hin bahiin Zhaavii jalatti gahumsi isaa deebi'uu jalqabe. Kanaaf kilebicha galateeffateera.

Garuu Imbaappeen yeroo PSG keessaa bahu Naaser Al Kelaafii, pirezidaantiin PSG Dembeelee gara kilechaatti fide.

Waan Mesii, Neeyimaarii fi Imbaappeen waliin tahanii PSG keessatti milkeessuu hin dandeenye Dembeelee fa'aa Shaampyoonsi Liigii mo'achuun milkaa'an.

PSG keessatti gahumsa ddaa kana agarsiise gara biraan Vitinihaa ture. Vitinihaan sadarkaa sadaffaan xumure.

Liiverpuul shaampiyoonaa Piriimer Liigii yeroo tahu taphataan akka urjiitti ife Mohaammad Saalaadha. Liigota gurguddoo shanan Awurooppaa keessaa hamma Saalaa taphataan galchii fi kubba galchii tahu mijeessee kennuu keessatti qooda isaa bahate hin jiru.

Garuu sadarkaa arfaffaan xumure. Tapahaatan biraa badhaasa kanaaf eegamaa ture Baarseloonaa irraa Raafiinaadha. Raafiinaan ammoo sadarkaa shanaffaan xumure.

Neeyimaar sadarkaan Raafiinaaf kenname na hin amansiifne jedhe.

Gaa'ila jireenya Dembeelee jijjiire

Osmaan Dembeelee Baarseloonaa keessatti rakkoo hedduu keessa darbe. Yeroo kileba Faransaay Renesii fi Jarman keessatti ammoo Boorushiyaa Doortimoondiif taphataa ture miidhama irraa bilisa ture.

Erga Baarseloonaa galee garuu miidhamni maashaa yeroo 14 isa mudateera. Guyyoota 784 miidhamaan dabarseera.

Kilebicha tajaajiluu hin dandeenye. Rakkoo naamusaa fi yeroo eeguu qaba jedhamuun haga Dembeelee Baarseloonaa keessatti taphataan adabame hin jiru.

Halkan viidiyoo geemii taphachaa waan turuuf ganamaan ka'ee bakka shaakalaatti hin argamu. Kilebichi kanaaf isa adabaa ture.

Baarseloonaan taphataa kana gahumsa guddaa irraan gahuuf tarii haala nyaata isaatu rakkoo qaba jedhanii dhuunfaatti nama nyaata bilcheessu qacaraniifii ture.

Kana hunda godhanisi yeroo fayyaa guutuu qabu gahumsa isaa argau, Garuu hin turu. Deebi'ee miidhama.

Garuu jireenyi isaa tasa jijjiirame. Bara 2021 yeroo osoo hin eegamiin gaa'ila dhaabbatu.

Jaalallee isaa kan ture lammii Morookoo Riimaa yeroo fuudhu hiriyyoonni isaa ajaa'insiifataniiru. Sababni isaa namni tokkoyyuu akka inni jaalallee qabu hin beeku ture.

Sana booda yaadaan bilchaataa dhufe. waggoota itti aanan lamaan gahumsi isaa hedduu fooyya'e. Zhaavii jalatti kunuunsa ddaa argate.

Mucaa erga godhatanii ammoo gammachuu isaa dabaleera. Manatti ogeessa fiiziyooteeraappii waliin hojjechaa ture. Faransaay deemee ammoo akka miidhamni isa hin mudanneef ogeessota waliin wal qunnamaa ture.

Amma akka nama abbaa tah etokkootti waan hundaa bilchinaan ilaaluu jalqabe.

Dhugumayyuu nyaat isaaf barbacahisan irratti xiyyeeffachuun ogeessa nyaata bilcheessuun beekamu Faransaay irraa qacaruun fayyaa isaa eeguu jalqabe.

Kaan seenaa tahee imalli milkaa'ina Dembeelee dhugaa tahuun itti fufe. Kilaba isaa milkeesse. Milkaa'inni isaa itti fufee dhufe.

Osmaan Dembeelee mo'ataa 'Ballon D'or' bara 2025.