Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dabratsiyon Gabramikaa'el TPLF aanga'oota Ertiraa waliin dubbachaa akka ture ibsan
Dura taa'aan TPLF Dabratsiyon Gabramikaa'el (PhD) ibsa ALI Qaammee 05/2016 kennaniin naannoon Tigraay fi aanga'oonni Ertiraa walquunnamaa akka turan eeran.
Waggoota dheeraaf siyaasa Itoophiyaa to'atee kan ture TPLF dhiheenya kana muddama keessa galee jira.
Bulchiinsi yeroo Obbo Getaachoo Raddaan durfamuu fi gareen dura taa'aa TPLF Dabratsiyon Gabramikaa'eliin durfamu adda addatti ibsa kennu.
Dura taa'aan TPLF kun ibsa isaanii keessatti, waliigaltee Piriitooriyaa booda mootummaa giddugaleessaa waliin qofa osoo hin taane, Faannoo fi mootummaa Ertiraa waliinis nagaa buusuu qabna jechuudhaan gareen Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu Ertiraa waliin dubbachaa akka ture eeraniiru.
Kunis kan ta'aa ture beekamtii koree hoji raawwachiistuu TPLF fi mootummaa giddugaleessaatiin akka ta'e ibsan Dabratsiyon.
''Kabajamoo Ministirri Muummee Abiy mataansaanii 'shaabiyaan guddoo isinitti mufateera, waliin dubbadhaa walii galaa' nuun jechaa turan,'' jedhan Dabratsiyon.
Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon waraana Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaan goolabame booda mootummaan Ertiraa fi bulchiinsi naannoo Tigraay dhimma akkamiirratti dubbataa akka turan garuu bal'inaan hin ibsine.
Jilli Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu yeroo gara yerootti irra deddeebiin aanga'oota Ertiraa waliin mari'achaa akka turan kan eeran Dabratsiyon, amma hariiroo kana gara biraatti jijjiiruuf ta'e jedhanii ''akka waan hooggantoota duraaniin raawwatamee'' fakkeessuun dhiyeessuun dogoggora jedhan.
Waraana Tigraay booda hooggantoonni TPLF hariiroo Ertiraa waliin qaban irratti wayita ifatti dubbatan kun kan jalqabaati.
Dura taa'ichi haasaa isaanitiin mariin beekkamtii qaamoolee hundaatiin amma akka haaraatti ka'unsaa sirrii miti jechuun yaada Obbo Geetaachoo Raddaa kennan qeeqan.
Obbo Geetaachoon baatii darbe keessa yaa'iin TPLF gaggeessuu fudhatama kan hin qabnee fi seeraan ala jechuun saanii ni yaadatama.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraay itti dabaluudhaanis, sochiin TPLF kuni itti gaafatamummaa jalaa milquun deebiisanii gara aangootti dhuufuuf yaalii taasifamuudha jedhan.
Obbo Geetaachoon akka yaa'icharratti hin hirmaannee wayita beeksiisaniitti, ''qondaaltoonni TPLF olaanoon'' humnoota alaa waliin wal ta'uun hojjataa jiruu jechuun himatanii ture.
Obbo Geetaachoon ibsa gaazexessitoota naannichaatiif kennaniin, qondaaltoonni TPLF afur ''gochaan isaan humni alaa deeggarsa nuuf ta'a jechuun raawwataa jiran gara rakkoo hin barbaadamneetti nu geessuu mala'' yoo jedhan dhagahaman.
Obbo Geetaachoon qondaaltoota afur jedhaniinis ta'e qaamoolee humnoota alaa jedhan maqaadhaan hin dhoofne.
Aanga'oonni Ertiraafi aanga'oonni Naannoo Tigraay mariin taasisaa jiru jedhame ilaalchisee deebii kan kennan Dr Dabratsiyoon, ''yaaliin keenya mariicha karaa nagaatiin itti fufiinsuudha'' jedhan.
Dura taa'aan TPLF, rakkoon nageenyaa daangaa Tigraayiifi naanawan daangaa Ertiraa ture mariihdaan furamuu kaasuun, dhimmoon ijoo jedhaman kaan garuu hoggansa mootummaa federaalaatiin akka furaman ibsan.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad erga bara 2018tti gara aangootti dhufaniin booda, walitti dhufeenya Ertiraa waliin ture fooyyeessuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachunsaa ni yaadatama.
Haata'u malee waraana kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf tureen booda Pirezidantii Ertiraa Isaayaa Afawarqii fi Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad jidduutti walitti dhufeenyi ture deebii'ee kan laafee fakkaata.