Walaabuu: Tiyaatira Afaan Oromoo ganna hedduun booda mana tiyaatira biyyaalessaatti dhiyaate

Tiyaatirri Walaabuu, tiyaatira Afaan Oromoo dhiyeenya kana garsiifamaa turedha

Sadarkaa biyyoolessaatti tiyaatirri (Do’ii) Afaan Oromoo dhiyeessuun kan barame miti.

Seenaa tiyaatira Afaan Oromoo keessatti akka hangafaatti kan ka’u tiyaatira ‘Dukkanaan Duuba’ jedhu kan Dhaabaa Wayyeessaatiin barraa’uun, Tasfaayee Mokonnoniin qophaa’ee bara 1991 Mana Tiyaatira Biyyoolessaatti do’iif dhiyaatedha.

Isaan booda sadarkaa biyyoolessatti tiyaatirri Afaan Oromoo akka simbirroo masqalaa badee badee dhufa.

Bara 2021 ammoo tiyaatirri Seen-Muuziqaa, Abbaa Jifaar Lammaffoo jedhamu barsiisaa tiyaatiraa yunivarsiitii Jimmaa, Zalaalam Tafariitiin qophaa’uun dhiyaatee ture.

Tiyaatirri daqiiqaa 90 dheeratu kun taatoowwan 80 hirmaachisuun Mana Tiyaatira Biyyoolessaa Itoophiyaatti akka agarsiifame BBC’n barreessicharraa odeeffatee ture.

Gaafa Sanbata Xiqqaa, Hagayya 10, ammoo tiyaatirri Afaan Oromoo haaraan Walaabuu jedhamu Mana Tiyaatira Biyyoolessaatti agarsiifameera.

Guddina tiyaatira Afaan Oromoo fi danqaalee mudatan irratti BBC’n barreessaa tiyaatira Walaabuu, Mo’ataa Abdulmajiid fi ogeessa waliin turtii taasiseera.

Seenaa jalqabbii do’ii yookaan tiyaatiraa jiruuf jireenya ummata Kuush waliin kan walqabsiisu barreessaan tiyaatira Walaabuu, Mo’ataan, “Waantonni dhalli namaa guyyaa guyyaadhaan hojjetu tiyaatiradha” jechuun ibsa.

Ragaadhaan qabatamaadhaan olkaa’amuu baatus, tiyaatirri jiruuf jireenya hawaasa Kuush keessa akka ture kan kaasu Mo’ataan, sirna Gadaa keessatti jiruu fi jireenyi guyyuu fi jiloonni hawaasa Oromoos do’iidhaan guutuu akka ta’e dubbata.

Tiyaatirri Walaabuus yaaduma kana bu’uureffachuun akka hojjetames itti dabaluun dubbata barreessaan tiyaatirichaa.

‘Kaayyoon keenya dhaloota fuulduraatiif abdii godhuudha’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1991 Dhaabaa Wayyeessaa, tiyaatira ‘Dukkanaan Duuba’ jedhu akka barreesse kan yaadachiisu Mo’ataan, ergasii carraan tiyaatiroonni Afaan Oromoo mana tiyaatira biyyaalessaatti “agarsiifamuu, simatamuu” akka hin turre dubbata.

“Walaabuu booda carraaleen tiyaatirri Oromoo gara kanatti dhufuu ni bal’ata jedheen yaada.''

''Har’a kaayyoon keenyas, dhaloota fuulduraatiif abdii goona. Daaw’ataa tiyaatirarraa fagaatee ture san deebisaa jirra” kan jedhu barreessichi, “Waggaa 25 booda bu’aa bayii sana ceenee, bakkatti deebisuu dandeenyee jirra” jechuun ibsa.

Seenaan tiyaatirichaa “aadaa fi seenaan makaa” ta’uu kan himu Mo’ataan, “Aadaan yeroo sana ture [kan] falaasama hammatu, amantii hammatu.

Akkuma barnoota saayinsii irraallee hubannu, urjii warroonni dubbisan aadaa Kuush keessa akka turan, Fara’oon [Mootiin Masir] Bokkuu fayyadamaa ture; Eeboo fayyadamaa ture.

Akkoo Manooyyeen [Dubartii aangoo qabachuun waggaa dheeraa Oromoo bulchite jedhamtee seenaanshee ka’u] Siinqeetti dhimma bahaa turte” jechuun bu’uurri tiyaatira Walaabuu falaasama aadaa Oromoo qabaachuu dubbata.

Tiyaatirri Walaabuu turtii sa’aatii tokkoof walakkaa kan qabu yoo ta’u taatoowwan 20 hirmaachiseera.

Tiyaatirichi qabiyyee aadaa fi seenaa gara garaa walitti fiduudhaan kan hojjetame ta’uu kan kaasu, barreessichi, aadaan Foollee, hammachiisaa, guddiffachaa, lallabaa, adamoon maal akka fakkaatu agarsiisuuf akka yaales dabaluun ibsa.

Tiyaatirichi, Oromoon aadaa isaa keessatti ilma dhalcheen olitti, ilma guddifate caalchifatee jiraachisaa akka turee fi loqodoota kutaalee Oromiyaa gara garaa walitti fiduun waloomsuun agarsiisuuf akka yaalame himeera, barreessichi.

Tiyaatiricha keessatti yaanni Walaabuu faalasama “uumama dachee kanaarraa ka’a” kan jedhu, Mo’ataan, akka dhugeeffannaa Oromootti, “Walaabuun bishaan jalqaba addunyaa kanarra ture” yoo ta’u, “Bishaan irraa waanti hundinuu uumamaa dhufe” falaasama Yaayyaa Shananii yookaan Yayyaba Shananii “finnee tiyaatiricha keessa galchuu yaalleerra” jechuunis ibsa, Mo’ataan.

Tiyaatirichi Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin qophaa’uun kan dhiyaate yoo ta’u hariiroo ummanni Oromoo sirna Mootii fi Amantaa Kiristaanaa kan yeroo sana akka amantaa biyyaatti (state religion)’tti fudhatamuu waliin qabus agarsiisuuf yaaleera.

Dhiibbaa gama kanaan afaan, aadaa fi jiruuf jireenya ummatichaarra gahaa tures mul’iseera, tiyaatirichi.

Lalisaa Raffisaa ogeessa muuziqaa yoo ta’u Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa muuziqaa ture; Tiyaatira Seen-muuziqaa ‘Abbaa Jifaar Lammaffoo’ keessatti ammoo qindeessaa muuzuqaa ture.

Haala waliigalaa guddinni Tiyaatira Afaan Oromoo irratti argamu, danqaalee jiranii fi yaada furmaataati kan jedhu akkanaan BBC’tti himeera.

Agarsiisa tiyaatira Walaabuu

‘Aartiin Oromoo abbaa hin qabu’

“Hamma ta’e jalqabbiin gaariin tureera” kan jedhu Lalisaan, erga tiyaatirri Afaan Oromoo ‘Dukkaanaan Duubaa’ dhiyaatee as tiyaatiroonni Afaan Oromoo hojjetaman sadarkaa isaanii kan eeggatan jira jechuun rakkisaa ta’uu hima.

“Takka ni dhufu; takka ni badu [Tiyaatirri Afaan Oromoo]. Rakkoo inni guddaan, Aartiin Oromoo abbaa hin qabu.

Dhaabbanni abbummaa fudhatee gulaaluu irraa kaasee, saayinsii yookaan caacculee ijoo [tiyaatiraa] ofkeessatti qabachuu isaa kan mirkaneessu jiraachuu dhabuu fi yoo jiraatanis mudaa” qabaachuu fi humna dhabuu isaanii ibsa, Lalisaan.

Dhimma hojiitiif Naannoo Amaaraa deemuu kan kaasu Lalisaan, Aadaa fi Turizimiin naannichaa garee Tiyaatiraa qabaachuu fi Aanaalee hunda keessa gareen tiyaatiraa ijaaramanii jiraachuu dubbata.

“Garee sana keessatti guddattoota irrattidha kan hojjetamu. Gaafa guddatan ammoo sadarkaa barnoota olaanoo irratti illee fedhii fi dandeettii qaban ogummaa saayinsiitiin cimsatanii erga bahanii booda” taatoo gaggaarii fi ogummaa aartii gara garaa keessatti bu’aa buusuu akka danda’an kaasa, ogeessi kun.

“Aadaa fi Turizimiin naannoo Oromiyaa dorgommii yoo xiqqaate Feestivaala Aadaa waggaatti altokko qophaa’u [keessatti], Aanaalee yoo ta’uu baatellee, Godinaaleen hundi garee Tiyaatiraa mataa isaanii kan Aadaaf Turizimii jaalatti ogeessotaan” gargaaramuun irratti hojjetamuu akka qabu gorsa.

Akka ogeessi kun jedhutti, qaawwaan gama aartii keessumaa tiyaatiraa fi fiilmii Afaan Oromootiin mul’atu abbaa qabaatee, bu’uurarraa oladeemaa irratti hojjetamuu akka qabu dhaama.

Barreessaan tiyaatira ‘Dukkanaan Duubaa’ gaazexeessaa Dhaabaa Wayyeessaa erga Walaabuun Mana Tiyaatira Biyyaalessaatti dhiyaachuuf beeksifamee akkas jechuun fuula Feesbuukii isaarratti barreesse.

“Do’ii yokaan tiyaatira “Walaabu” jedhamu, kan Sanbata dhufu, akka Itiyoophiyaatti Hagayya 4 “Biheeraawii Tiyaatiritti agarsiisama” jedhame kana argeen, otuun dhaqee ilaalee… jedhee hawwe. Garuu maal godhu? Fageenyatti haa hammaatu. Hawwii qofa tahe, ammaaf. Isin garuu, ni dandeessu. Dhaqaa ilaalaa, yaada keessan itti kennaa, dhaloota artii jajjabeessaa!”

Manni Tiyaatira Biyyoolessa Itoophiyaa gama isaatiin tiyaatira Afaan Amaaraatiin dhiyaatan cinaatti tiyaatiroonni Afaanota hawaasa Itoophiyaa birootiin dhiyaachaa jiraachuu fuula Feesbuukii isaatiin ibseera.

Akka fakkeenyaattis aadaa hawaasa Kambaataa Xambaaroo keessaa tiyaatira ‘Utuupiyaa Waagaa’, fi Afaan Mursiitiin ammoo tiyaatira ‘Tiraaniyaa Koo Kooyisaa’ jedhaman akka do’iif dhiyaatan hima, manni tiyaatirichaa