Bukkurruu: Tiyaatirri ijoollee Afaan Oromoon qophaa'e eebbifame

Tiyaatirri ijoollee Afaan Oromoon qophaa'e turtii daqiiqaa 50 qabu mata dureen Bukkurruu jedhu kennameef Sambata Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti eebbifameera.
Daayirektarrii fi barressaan tiyaatira kanaa aartist Humneechaa Asaffaa tiyaatiricha qopheessuuf ji'oota shan itti fudhachuu hima. Tiyaatira kana xiiqiif akka qopheesses dubbata.
"Ormi waan ijoollee kanarratti akka malee hojjeta. Oromoo birammoo Aadaa guddaa qabaannus karaa kanaan waan dagatame natti fakkaata. Ijoolleerratti hojjechuun egeree bareechuudha."
"Namni barana hin qotanne bara dhufu beela'uunsaa waan hin oolle. Kanaafuu, nutis har'a nageenyi dhabame, sana ta'e, kana ta'e jechuurra ijoolleerratti hojjechuu qabna" jedha.
Bukkurruun maali?
Bukkurruun ilmoo harree xiqqoodha kan jedhu Humneechaan, "ilmoon harree bashannanuu fi taphachuu malee yaada biraa hin qabdu, haati bukkurruu garuu ba'aa guddaa fi ulee dandeessee jiraatti," jedha.
Amalli Bukkurruu fi ijoolleen yeroo daa'imummaatti agarsiisan waan walfakkaatuuf jecha moggaasa kana fayyadamne jedha.
"Tiyaatira kanarratti Bukkurruun ta'ii ijoodha. Bashannanuu, taphachuu, kolfuu fi garraamummaa kan mul'istudha," jedha Humneechaan.
Tiyaatirri Bukkurruu qabiyyee akka diraamaa fi sirboota aadaa fa'a ofkeessatti kan qabatedha.

Tiyaatira kuni akka bukkurruutti fakkeefame waan ta'eef uffata akka ilmoo harreetti nama fakkeessuu danda'u argachuuf hedduun rakkadhe jedha Humneechaan.
Fuulduraatti tiyaatira kana magaalota Oromiyaarraa naanna'ee ilaalchisuuf karoora akka qabuufi deeggarsa akka barbaadu hima.
" Tiyaatira kana tolaanan hojjedhe, taatota kana magaalotarra fuudhanii deemanii ilaalchisuun baasii nama gaafata. Kanaaf, deeggarsa nama barbaachisa. Yoon deeggarsa dhabes hin dhiisu" jedha.
Fuula duratti tiyaatiraafi diraamawwan ijoollee irratti caalmaatti fuullefatee akka hojjetus himeera Humneechaan.














