Looret Tsagayee ilaaleen ogummaa tiyaatiraa waggaa 40 keessa dabarsetti seene- Dimaa Abarraa

Obbo Diimaa Abarraa

Tibba darbe Doktareetii Kabajaa kan argatan, Diimaa Abarraa Tiyaatira Oromoof maal Gumaachan?

Artist Diimaa Abarraa Bara 1950 Godina Lixa Shawaa Waddeessatti dhalatan. Maqaan ganamaa maatiin isaanii moggaasaniif ‘Dhimmaa’ ta’ulleen yeroo sana namni maqicha sirnaan waamuu dadhabuun maqaa isaanii ammaa ‘Diimaa’ jedhutti akka hafe himu.

Artist Diimaan waa’ee maqaa isaanii kana yoo kaasan, “ani bifti kiyya gurraacha maqaankoo diimaadha. Garuu keessikoo diimaadha. Biftikoofi maqaankoo akkuma waliif faallaa ta’ettin as geenye,” jedhu.

Barnoota isaanii sadaarkaa tokkoffaa Ambootti akka barataniifi boodarra duula ‘Idget Behibret’ kan mootummaan Dargii labse keessatti hirmaachuun waggoota lamaaf akka hojjetan himu.

“Zamachaa sanaa deebi’ee jennaan Finfinnee mana barumsa Shimallis Habteetti barumsa sadarkaa lammaffaa ergan baradhee booda barnoota digirii jalqabaa barachuuf bara 1972 Yunvarsiitii Finfinnee gale,” jechuun haala barbootasaanii dubbatan.

Looreet Tsaggaayeefi jaalala tiyaatiraa

Artist Diimaan osoo yunvarsiitii hin seeniin dura dhimma ogummaa tiyaatiraa irratti hubannoo akka hin qabne himu.

Tiyaatirri jireenya isaanii guutuu akka ta’uu danda’us yaadanii akka hin beekne turtii BBC waliin taasisan irratti himan.

Bara sanatti ogummaa aartii tiyaatiraatiin gurra guddaa kan qaban Looreet Tsaggaayee G/ Madihin waliin guyyaan wal argan garuu ogummaa isaan yaadanii hin beeknetti jaalalaan hidhamanii hanga har’a gahaniif bu’uura akka isaaniif kaa’e himu.

“Yunvarsiitii bara jalqabaa barnoota waliigalaa baranna malee gosa addatti hin barannu. Guyyaa tokko Looreet Tsagaayee waliin mana namaatti walarginee natti haasa’an. Waa’ee ogummaa tiyaatiraa kana akkuma addaatti haasa’u ture.”

“Tiyaatirri ogummaa hunda akka caalu. Tiyaatira beekuu jechuun nama beekuu jechuudha, rakkoo uummataa beekuu jechuudha, addunyaa beekuu jechuudha naan jedhan. Yaanni isaanii sunis sammuukoo jijjiire. Akkan tiyaatira baradhu kan nagodhan isaaniidha,” jechuun attamiin gara damee ogummaa aartiitti akka hawwataman dubbatu.

Looreet Tsaggaayeefi Artist Diimaan dhalootaanis namoota naannawa tokkoo waan turaniif ergasiis yeroo adda addaatti walarganii dhimma ogummaa tiyaatiraa kanarratti gorsaafi barnoota akka irraa argatanis himu.

Obbo Diimaa Abarraa

Ogummaa tiyaatiraa fi addunyaa hojii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Artist Diimaan bara 1976 Yunvarsiitii Finfinnee irraa damee barnoota Tiyaatiraan erga eebbifamaniin booda hanga ammaatti waggoota 40 darbaniif hojiima ogummaa kanarratti hojjechaa jiru.

Bara isaan yunvarsiitiirraa bahan dhimmi Afaan Oromoofi tiyaatira Afaan Oromootiin hojjechuu waan hin turreef hojii isaanii Raas Tiyaatiriitti qacaramuun tiyaatiroota afaan Amaaraa irratti hojjechaa turan.

“Jalqaba yeroon achitti qacarame eksipartii tiyaatiraa ta’een hojjedhe. Tiyaatiroota nan gulaala, nan hojjedha. Booda maanaajara waltajjii ta’een waan waltajjii gubbaatti dhihaatu hundaa kan too’atu ana ture. Yeroo kana ofiikoos nan qopheessa, nan hojjedhas ture,” jedhan.

Waggoota 10 hojii tiyaatiraa mana Raas Tiyaatir sanatti erga hojjetaniin booda caasaan mootummaa naannoo yeroo hundaa’utti gara naannoo Oromiyaa akka dhufanis himu.

“Erga Oromiyaa dhufnee biiroo hundeesinee caasaa barbaachisu diriirsuu irratti hojjechaa turre. Yeroos tiyaatira kan jalqabne namootuma Afaan Oromoo beekan mana Raas Tiyaatirirraa waamneeti ture,” jedhu.

Artistootni buleeyyiin akka Mulgeetaa Baalchaa, Taaddasaa Cuqee, Admaasuu Brraanuu fa’a ammoo ogeessota tiyaatira Afaan Oromoo Oromiyaa keessatti waliin jaalqabsiisan akka turan yaadatu.

Tiyaatirri dheeraan isaan jalqaba agarsiisuun eegalanis ‘Daawitii Jireenyaa’ kan jedhu yoo ta’u, tiyaatira jalqabaa kutaalee Oromiyaa hedduutti daawwatame akka tures himu Obbo Diimaan.

Tiyaatirri ‘Daawitii Jireenyaa’ kun Nabiyyuu Takkaaliny Afaan Amaaraan kan barreesse Mulgeetaa Nagaasaatiin Afaan Oromootti kan hiikame ture. Obbo Diimaan ammoo qopheessaa Tiyaatirichaa turan.

Tiyaatirri Afaan Oromootiin waltajjii mana Raas Tiyaatir yeroo jalqabaaf dhihaates kan isaan afaan Ingiliffaa irraa hiikanii qopheessan ‘Qorannoo’ kan jedhu yoo ta’u, ergasii tiyaatiroonni akka ‘Dukkanaan Duuba’ kan Dhaabaa Wayyeessaa fa’a kan dhihaatan.

Artist Diimaan waggoota dheeraa hojii ogummaa Tiyaatiraa keessa turan kanatti tiyaatiroota akka Gumaa, Oteelloo fi Kiyyoo jedhan dabalatee tiyaatiroota dhedheeroo shaniifi gaggabaaboo 20 caalan qopheessuu himu.

Tiyaatiroota kunneen keessaa kaan dhuunfaa isaaniin kan barreessanii qopheessan, kaan ammoo namoota biroo waliin afaan biraa irraa hiikuudhaan akka hojjetanis himu.

Kunneen kan isaan barreessaniifi qopheessan ta’ulleen kan isaan keessatti taphataniifi qooda fudhatan waliin yoo lakkaa’ame daran hedduu ta’uus himu Diimaan.

Mudannoo hojii

Bara Dargii Tiyaatirri waltajjiitti dhihaachuun dura karaa ministeera beeksisaatiin gulaallii sadarkaa addaa addaa keessa kan darbu ture.

“Tiyaatira Mangistuu Lammaa barreesse’ Xalfoo be kiisee’ jedhurratti ani ashkara ta’een hojjedha ture. Tiyaatirri kun ilaalamuuf waraqaan rabsamee waan hundi qophaa’amee ture. Dhumarratti warri ministeera beeksisaa tiyaatiricha dursa ilaaluu dhufanii jennaan taatoo kiyya sana jibban,”jedhan.

“Diimaan biftisaa gurraacha. Kan inni ta’ee hojjetummoo ashkariidha. Mangistuu H/Maariyamis gurraacha. Innis Ashkariidha jechuun ergaa dabarfachuu barbaaddaniiti. Kanaaf, taatoo kana baasaa jedhaani,” jechuun waan yeroo sana isaan mudate yaadatu.

Sababa kanaan ana ‘Tiyaatira sana keessaa na kutan’ jedhan Obbo Diimaan. ''Kunis waan seenaa tiyaatira addunyaa keessatti argamee hin beeknedha. Jechootatu kutama malee fakkaattii yookan taaatoon yoo kutamee bahu kun kan jalqabaati. Isa yoomuu hin dagadhu,'' jedhan.

Doktareetii kabajaa

Artist Diimaan gumaacha guddina Tiyaatiraafi aartii Oromoo keessatti waggoota 40 darban taasisaniin dhiheenya kana Yunvarsiitii Naannoo Oromiyaa irraa doktareetii kabajaa argataniiru.

Badhaasni guddaan argatan kun dadhabiikoo ogummaan jaaaladhu kanaaf baaseef beekamtii kan kenne waan ta’eef hedduu gammadeera jedhan.

“Baayyeen gammade. Kan na gammachiise karaa afuriini. Tokko ogummaa kanaan beekamtiin argamuun gammachuu guddaadha. Lammaffaan, ogummaan kun kan nama tokkoo miti kan gareeti. Beekamtiin kunis warra waliin ifaajne hundaafidha.”

“Inni biraa maatiin kiyyas itti gammadaniiru. Akka nama dhuunfaattis ogummaan jiraadheef kanaan galgala keessa kabaja akkanaa argachuun gammachuu biraati,” jedhan.

Artist Diimaan amma erga sooroma bahanii waggaa sadii ta’aniiru. Yeroo ammaa dhaabbata piroomooshinii aartiirratti hojjetu hundeessanii dhuunfaadhaan hojjechuurratti argamu.

Ammaan dura qophii ‘Daddaraaroo’ jedhuufi artistoota horachuurratti gumaacheera jedhamurratti abbaa murtii ta’uun hojjechaa turan.

Ammaan boodas hanga lubbuun jiranitti ogummaa aartiifi tiyaatiraa kanarratti leenjiiwwan adda addaa kennuufi tiyaatiraafi fiilmii barreessuu irratti akka fuulleeffatanii hojjatan himan.