Aartii: Barreessaan tiyaatira 'Abbaa Jifaar Lammaffoo' waa'ee tiyaatirichaa maal hima?

Tiyaatirri seen-muuziqaa mataduree 'Abbaa Jifaar Lammaffoo' jedhu qabu Dilbata kaleessaa mana Tiyaatiraa Biyyaalessaa Finfinnee argamutti agarsiisaaf dhiyaatera.
Tiyaatirri kun Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa tiyaatiraa kan ta'an Obboo Zalaalam Tafariitin barreeffamee kan qophaa'e yemmuu ta'u, seenaa mootii Abbaa Jifaar irratti xiyyeeffata.
"Abbaa Jifaar Lammaffoo kan jenne Abbaa Jifaar maqaa mootii waan ta'eef. Mootiin Jimmaa inni hangafaa Abbaa Jifaar tokkoffaan kan biraan ni jiru," jedhu barsiisaa Zalaalam Tafarii.
"Abbaa Jifaar dippilomaasiin beekamu. Abbaa Jifaar akkasumas nagaan, daldalaan beekamu.
''Seenaafi aadaan Jimmaa maal fakkaata kan jedhu mul'isuuf yeroo yaadnu seenaa Abbaa Jifaar caalaa kan nuuf mul'isu hinjiru jennee seenaa isaanii filanne," jechuunis sababa seenaa mootii Abbaa Jifaar bifa tiyaatiraan itti hojjechuuf filatan himu.
Akka barreessaafi qopheessaan tiyaatirichaa barsiisaa Zalaalam Tafarii himanitti tiyaatirichi seenaa, yaadaafi falaasamawwan mootii Abbaa Jifaar kan of keessatti qabatedha.
"Abbaan Jifaar fakkeenyaaf murtee du'aa namarratti murteessuu ni mormu ture. Isa agarsiisnee jirra. Akkasumas ejjennoo daldala, nagaafi waraana irratti qaban agarsiisnerra," jedhan barsiisaa Zalaalam.
Taatoowwan 80 fi karoora gara fulduraa…
Tiyaatira 'Abbaa Jifaar Lammaffoo' irratti barattoonni muummee barnoota Tiyaatiraa Yunivarsiitii Jimmaa akkasumas dargaggoonni gareewwan aartii magaalaa Jimmaa irratti hirmaachuusaanii barsiisaa Zalaalam Tafarii BBCtti himaniiru.
Tiyaatirichi daqiiqaa 90 kan dheeratu yemmuu ta'u, taatoowwan 80 qooda irratti fudhatu.
"Tiyaatirri kun Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatin qophaa'e. Wantoota aadaafi seenaan walqabatan Afaan Oromootin hojjenne.
''Haasaa/dubbii ta'anii seenaafi aadaa Oromoo kan hin faallessine immoo Afaan Amaaraatin hojjenne," jedhan.

Kunis namoonni afaan lamaan beekan seenaafi aadaa Oromoo akka barataniifi taatoowwan tiyaatirichaas barattoota Yunivarsiitichaa sabummaa garaagaraa qaban waan ta'anif akka ta'e himu barreessaan kun.
Tiyaatirri 'Abbaa Jifaar Lammaffoo' hanga ammaatti Yunivarsiitii Jimmaa akkasumas magaalaa Finfinneetti ammoo Giddugala Aadaa Oromootti guyyaa Dilbataa kaffaltii malee bilisaan daawwattootaaf dhiyaatera.
Tiyaatirichi hanga ammaatti deeggarsa Yunivarsiitii Jimmaatiin daawwattootaaf dhiyaachuu himu Obbo Zalaalam.
Karoorrisaanii gara fulduraas naannoo Oromiyaa keessa naanna'uun tiyaatiricha agarsiisaaf dhiyeessuu akka ta'e BBC'tti himaniiru.
Sababiin tiyaatirri kun ittiin waltajjii Tiyaatira Biyyaaleessaatti akka agrsiifamu taasifamee tokko ammoo yaadannoo waggaa 100ffaa tiyaatira Itoophiyaa sababeeffachu akka ta'e sagantaa bahe irraa hubatameera.
Fesitivaala yaaddannoo waggaa 100ffa hundeeffama tiyaatira Itoophiyaa kananrratti tiyaatiroonni gaggabaaboofi kan yeroo hundaa 40 ol akkasumas taatoowwan 450 akka irratti hirmaatan qopheessitoonni beeksisanii ture.
Haaluma kanaanis tiyaatiroonni adda addaa manneen tiyaatiraafi siniimaa Finfineetti argamaniitti ni dhiyaatu.
Feesitivaala ALI Haggaya 21-25 turu kana irrattis tiyaatiroonni dhiyaatan hundinu kan bilisaan ummatatti agarsiifamaniidha jedhameera.














