Balballi xiyyaaraa balaliirratti buqqa'ee kufuun 'dogoggora kooti' jedhe Booying

Madda suuraa, NATIONAL TRANSPORATION SAFETY BOARD
Hogganaan dhaabbata guddicha xiyyaarota omishuu, Booying xiyyaara balaliirratti balballisaa buqqa'ee kufuun dogoggora dhaabbatichaa ta'uu amanan.
Ameerikaa keessatti Jimaata darbe xiyyaarri daandii qilleensaa Alaaskaa Poortlaand Origaan irraa ka'ee osoo hedduu hin imaliin balballi banamee hinbeekne kun qilleensarratti buqqa'eera. Balaa kanaan namni miidhame garuu hin jiru.
Ta'ii kana hordofee US xiyyaarota gosa balaan kun irra gaheen walfakkaatan, Booying 737 Max 9, lakkofsaan 171 ta'an akka hin balaliine dhorkiteetti.
Kibxata kaleessaa pireezidantiifi hojii gaggeessaa olaanaan Booying Daav Kaalhuun ''dhaabbatichi dogoggorasaa ta'uu amaneera'' jedhan.
Balballi xiyyaarichaa kg 27 kan ulfaatu yeroo ta'u ulaa bahumsaa yeroo balaa kan cufu ture. Ammoo daandiin qilleensaa Alaaskaa xiyyaarichi yeroo hojjetamu bakka sanii balbala akka qabaatu hin feene ture.
Balballi balaliirratti buqqa'ee kufe kun Poortilaand keessatti gorduuba mana barsiisaa tokkootii argameera jedheera Boordiin Nageenya Geejiba Biyyaalessaa US.
Dabalataan ammoo daandiin qilleensaa kun balaan kun gahuu guyyoota dura rakkoo xiyyaaricharrratti argeen akeekkachiisa dabarsee akka ture ifa ta'eera.
Hojii gaggeessaan dhaabbatichaa, Kaalhuun, hojjettoota Booying waliin yeroo dubbatan ''rakkoo kana kan ilaallu jalqaba dogoggora keenya ta'uu amanuudhaani'' jedhan.
Adeemsi itti fufee jirus guutummaan guutuutti iftoomina haala qabuun akka gaggeeffamu dubbatan.
Booying dhaabbata Boordii Nageenya Geejiba Biyyaalessaa waliin sababa balaa kanaa akka qoratu aanga'ichi dubbataniiru.
Boordichi madda rakkoo kanaa erga adda baasee booda Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa ammoo eeggannoowwan barbaachisan hunda sakatta'uun xiyyaaronni gosa kanaa amma lafa jiraniifi kan haaraa omishamuutti jiran yaaddoo malee balali'uu akka danda'an, rakkoon kunis deebi'ee akka hin mudanne ni mirkaneessu jedhan.
Pireezidantiin Booying wayita balballi xiyyaarichaa buqqa'ee kufetti namootni teessoo balbalichaa cinaa jiran siqiqii keessa turan akka hubatanis ibsan.












