Magaloota addunyaa kudhan baay'ee sooreyyii ta'an beektuu?

Bara 2022 kana keessa Yuunaayitid Isteetis (US) tarree magaaloota 20 addunyaa keessaa sooreyyii ta’anii keessaa durummaan ka'an caqasamte. Kana malees magaaloonni Ameerikaa jaha tarree kanatti dabalamaniiru.

Magaalonni Siwiizarlaandi lama fi magaaloonni naannoo Eeshiyaa-Paasifik saddeetis akkasumas tarree kanatti dabalamuu gabaasni qabeenya addunyaa to’atu New World Wealth and Henley & Partners ibse.

Magaaloonni addunyaa keessaa hunda caala bara kanatti sooreyyii jedhamanis:

1. Magaalaa hunda caalaa sooreetti: Niiw Yoork

Magaalaan Niiwu Yoorki yyn Big Apple kan jedhamtu iddoo abbootiin qabeenyaa ykn sooreessoonni miliyeenaroonni keessa jiraatan.

Niiwu Yoork giddu gala dinagdee USA kan taatee fi magaloota addunyaarra jiran hunda caala sooreyyii kan qabdudha.

Akkasumas akka tilmaama Dow Jones and NASDAQ'tti addunyaa keessaa naannoo hunda caala daldalli sharafa keessatti gaggeeffama. Qabeenyi dhuunfaa jiraattonni magaalicha qaban doolarri Ameerikaa tiriiliyoona sadii ol, kunis waliigala qabeenyaa dhuunfaa garee biyyoota addunyaa 20 hammatu kun G20 jedhamtu kan caaludha. 

Bulchiinsa addaa shan: Bironkis, Biruukiliini, Maanhateni, Kuwiinsii fi Isteetan Ayilaandi kan qabdu Niiwu Yoorki Siitiin, daandii 5ffaa Maanhaten kan kiraan appaartaamaa iskuweer meetira tokkoo doolarii 28,000 caalu dabalate iddoowwan addunyaa keessaa qabeenya guddaa qaban hedduu kan hamateedha. 

Magaalaa Niiwu Yoorkiin moggaatti kan argaman gandoota hedduu kan qabeeya guddaa qabanitti jira. Kunneen keessaa beekamoo kan ta’an Greenwich, Great Neck, Sands Point fi Old Westbury.

Magaalonni kunnen istaatistiksii Niiwu Yoorkiitti dabalamnaan, lakoofsii namoota biliyeenaroota ta’ani 120 kan caaludha.

2. Magaalaa guddoon Jaappaan -Tookiyoo

Magaalaa guddicha Jaappaan kan taatee Tokiyoon miliyeenaroota 263 dabalate namoota miliyeenaroota 304,900 fi biliyeenaroota 12 kan qabdudha.

Lakoofsi biliyeenaroota isaanii magaaloota tarree 20n keessa jiran kaanin jala jiraachunsaa qabeenyiisaanii wal qixxee qoodamuu argisiisa.

Tokiyoo keessatti namoonni qabeenyaa magaalichaa sochoosan kan galii giddu gala fi miliyeenaroonni gadii.

Kampaaniin gurguddaan Tokiyoo keessatti argaman Honda, Hitachi, Mitsubishi, Softbank fi Sony.

3. Magaalaa Saan Firaansiskoo

Magaalaan Naannoo qarqara galaanaa Saan Firaansiiskoo - kan saffisaan guddachaa jirti sadarkaa sadaffaa irratti argamti.

Naannoon qarqara galaanaa Saan Firaansiiskoo kan magaalaa Saan Firaansiiskoo fi Silikoon Vaalii of keessa qabdu, miliyeenaroota 623 fi namoota biliyeenaroota ta’an 62 dabalate namoota miliyeenaroota ta’an 276,400 qabdi.

Biliyeenaroonni teknooloojiin sooreessa ta’an hedduun kan jiraatan Silikoon Vaaliin magaloota badhaadhinaa kan akka Atherton fi Los Altos Hills qabdi.

Waggoota kurnan darban tarree miliyeenaroota keessatti naannoon kun saffisaan guddachaa kan jirtu yoo taatuu bara 20240tti gara fiixee ga’uuf eegamti.

4. Landan- magaala ammaleen miliyeenaroonni hedduun itti imalan

Magaalii yeroo dheeraaf addunyaa keessaa sooressa taate Landan, amma miliyeenaroota 406 fi biliyeenaroota 38 dabalate jirattota miliyeenaroota ta’an 272,400 qabdi.

Landan akkasumas manneeni fi appaartaamaa hedduu naannoo paarkiishee babbareedoo akka Hyde Park, Regents Park fi naannoo magariisa akka Paarkii Hampstead qabdi.

Naannoleen Landan keessaa baay’ee sooressa ta’an kaartaa ispeeshaalistoota naannichan qopheeffame irratti agarsiifaman.

Waggoota kurnan darban keessatti Landan miliyeenaroota hedduu kan simateedha, haata’u malee hedduunsaamo amma gandoota akka Ascot, Beaconsfield, Bourne End, Bray, Cookham, Henley, Leatherhead, Maidenhead, Marlow, Taplow, Virginia Water, Weybridge, fi Windsor godanaa jiran.

Yakka magaalattii keessatti babal’atee dabalate Landan keessa ba’usaanif sababa baay’etti jira.

5. Singaappoor - Magaalaa daldala

Addunyaa keessaa shanaffaa kan taatee Singapoor, Tokiyootti aanudhaan magaalaa lamaffa kan miliyeenaroota baay’ee qabu naannoo Eeshiyaa keessatti.

Miliyeenaroota 336 fi biliyeenaroota 26 dabalate namoota miliyeenaroota ta’an 249,800tti magaalaa daldala mijata ta’e jedhan kana keessa jiraatan. Akkasumas miliyeenaroonni godaantota hedduun asi jiraatan.

Akka gabaasni Henley Private Wealth Migration report argisiisutti, bara 2022 qofa namoota qabeenya olaanaa qaban 2,800tti magaalicha seenuuf eegaman.

6. Loos Anjiles- Magaalaa bashannanaa

Miliyeenaroota 393 fi biliyeenaroota 34 dabalate namoota miliyeenaroota ta’an 192,400 naannoo kana jiraata.

Istaatistiksii kunin qabeenya magaalaa Loos Anjiles dabalate kan naannolee moggaashee Malibu, Beverly Hills, Laguna Beach, Newport Beach, fi Santa Monica.

Qabeenyii naannoo kana guddaan bashannanaa, teekinooloojii fi geejjiba

7. Chiikaagoo - dinagdee addadda kan qabdudha

Ardii Yuunaayitid Isteetis keessatti magaalaa guddaa kan taatee Chiikaagoon jiraattota miliyeenaroota ta’an 340 fi kan biliyeenaroota ta’an 28 dabalate miliyeenaroota 160,100 qabdi.

Chiikaagoon dinagdee addaaddaa kan qabdu kaampanoota qabeenya guddaa qabachuun gaazexa Fortune keessati tarreeffaman McDonalds fi Boeing qabdi.

Saddeettaffaa: Hostan- Magaaloota addunyaa keessaa saffisan guddachaa jiran keessa tokkodha.

Magaalii Hostan miliyeenaroota 314 fi biliyeenaroota 25 dabalate jiraattota miliyeenaroota ta’an 132,600 qabdi.

Waggoota 20n darban keessatti guddinni qabeenyashee dabalamuun Hostan magaaloota addunyaa keessaa saffisan guddachaa jiran keessa tokkodha 

Industiroota eerospeesii , tajaajiloota (bobba’a fi gaazii), baayoteek, fi Injinariingii qabachuun magaloota Yuunaayitid Isteetis hunda kan dursituudha

Hawustan- Magaalaa addunyaa saffiisaan guddataa jirtu

Magaalaan Hawustan bakka abbootiin qabeenyaa miileeniyeroota ta'an 132,600 keessa jiraataniidha. Akkasumas biilineyeroonni 25 ta'anis achuma keessatti argamu.

Hawustan magaaloota gama qabeenyaatiin waggoota 20n darbaniif saffiisaan guddataa jiran addunyaa keessaa tokkodha.

Akkasumas magaaloota Yunaayitid Isteeti keessatti argaman keessaa indastirii aerospace, kan zayitaafi boba'aa, biotech fi injinariingi dabalatee bakka indistiriiwwan gurguddaan keessatti argamudha.

9. Beejiingi- magaalaa gudditii biliyeenaroota Chaayinaa

Magaalaa gudditii Chaayina kan taatee Beejiing miliyeenaroota 363 fi biliyeenaroota 44 dabalate jiraattota miliyeenaroota ta’an 131,500 qabdi. 

Kaampaaniin Chaayinaa gugurdaan magaalaa Beijiin jiran.

10. Shaangaayii: giddu gala dinagdee Chaayina

Magaaloota Chaayinaa keessaa guddina isheetiin tokkoffaa kan taate Shaangaayiin miliyeenaroota 350 fi biliyeenaroota 42 dabalate jiraattota miliyeenaroota ta’an 130,100 qabdi.

Gabaa addunyaa keessatti daldalli sharafa Shaangaayii sadaffaa akka tilmaama Dow Jones and NASDAQ.