Waancaa Shaampiyoons Liigii seena-qabeessa Maanchister Siitii v Inter Miilaan- Waan beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Istaanbul bakka Awurooppaa fi Eeshiyaan itti wal daangessan, bakka itti Maan Siitii fi Inter Miilaan kilebootni Awurooppaa lamaan itti wal morkatan taateetti.
Istaadiyeemiin Ataaturk cidha xumura Shaampiyoonsi Liigii qopheessaa turtee sa’aatii lakkaa’aa jirti. Maanchister Siitii fi Inter Miilaan.
Garee jabaa Peep Gaardiyoolaa bara kana waancaa Piriimer Liigii fi FA cup mo’achuun seenaa hojjechuuf tapha tokko qofa eeggatuu fi yeroo sadii waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan injifate Inter Miilaan gidduutti morkii gaggeeffamudha.
Gaardiyoolaan taphattoota dandeettii kubba miilaa addaa qaban Akka Liyonel Mesii, Zhavii Hernaandezii fi Andireesh Ineshtaa fa’aa qabachuun Baarseloonaa yeroo leenisaa ture waancaa Shaampiyoonsi Liigii lama mo’ate. Bara 2009 fi 2012.
Ispeen bara 2010 Waancaa Adunyaa akka injifattuuf gumaachi Gaardiyoolaan Baarseloonaa keessatti bahates salphaadha hin jedhamu. Irra caalaan taphattota Ispeen yeroo Sanaa Baarseloonaa irraa waan tahaniif.
Leenjisichi kubba miilaa bareedaa taphachuu qofa osoo hin taane morkattoota isaa caalee waancaa injifachuunis beekama.
Gaardiyoolaan nama dogogora xiqqoo tokko taphattoota isaa irratti argee darbu miti. Hanga Sekondii xumuraatt falmachuu jaalata.
Garee jabaa fi laafaa jedhee tuffachuu akka hin qabnee fi qabxiin hin eegamne galmaa’uu akka danda’u ammoo Priimer Liigii keessatti waan hubate fakkaata.
Boru garuu seeenaa hojjechuuf adeema. Maan Siitii waancaa Shaampiyoonsi Liigii takkaa mo’atee hin beeku. Bara 2021 xumuraaf gahus Cheelsiitu irra aane. Bara kana ammoo waancaa sadan mo’achuun seenaa kilabni magaalaa isaanii Maan Yuunaayitid bara 1999 galmeesse irra deebi’uuf.
Amma magaalaa Maanchister keessaa sagalee seexanoota didimoo ykn Man Yuunaayitid caalaa kan Maan Siitiitu caalee dhagahama. Shaampiyoonaa waan tahaniif. Dhugumayyuu garee warra olla keenyaatii waccu jechuun Fergusan yeroo tokko akkuma dubbatan ergasii sagaleen mo’ichaa dirree Maan Siitiitti deebi’eera.
Taphoota xumura shanan seena qabeeyyii Maanchister Yuunaayitid 1999
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waan isin yaadachiisa. Taphoota shanan Maan Yuunaayitid waancaa sadiin akka xumuru gargaaran. FA CUP walakkaa xumuraaf Arsenaaliin galchii Riyaan Giigsii fi Deevid Beekam 2 fi 1’n injifatan.
Tapha kana irratti Roy keen kaardii diimaan dirreetii bahe. Arsenaal dhumarratti rukuttaa peenaaliitii argate. Karra eegaan yerosii Peter SHIMAAYIKIL kubba Deenis Bergkam oolche. Yuunaayitid milkaa’e.
Itti aansee walakkaa xumura Shaamiyoonsi Liigii irratti Juvantasiin waliigalaan 4 fi 3’n mo’atanii darban. Tapha kana daqiiqaa 10 keessatti Juuvantas 2 fi 0 osoo dursuu galchii Roy Kiin, Diwit Yoorki fi Andi Kooliin 3 fi 2 waliigala tapha deebiin 4 fi 3’n irra aanuun xumuraaf darban.
Amma tapha Priimer Liigii xumuraa jabaatu isaan hafe. Arsenaaliin qabxii tokkoon qofa caalee tokkoffaa fi lammaaffaa irra turan. Taphni isaan hafe Tootenahaam waliin ture. Tootenahaamiin 2 fi 1’n mo’achuun bara dorgommii torbatti waancaa Piriimer Liigii shanaffaa mo’atan.
Waancaa FA cup New Kastlin 2 fi 0’ mo’achuun Baayern Munik waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii xumuraaf imalan. Taphicha irratti Roy Kiinii fi Pool Iskoolsi sababa kaardii keelloon adabamaniiru.
Munik dursa fudhatus daqiiqaa xumuraati jijjiiramee galuun Ole Gunar Soolshaayer galchii injifannoo lakkoofsisuun Waancaa sadan milkeessan.
Imalli Maan Siitii baranaa kan Yuunaayitiid kanaan hedduu wal fakkaata. Waancaa PL gara xumuraatti harka Arsenaalii baasan. Waggaa jaha keessatti waancaa shanaffaa tahuu isaati. FA Man Yuunaayitid mo’achuun fudhatan. Shaampiyoonsi Liigii waancaa Milkaa’ina Gaardiyoolaa murteesitu bor falmatu.
Gareen Pep Gaardiyoolaa Shaampiyoonsi Liigiin marsa ajalqabaan garee isaanii keessaa qabxii 14’n tokkoffaa tahuun darban.
16 keessaa ammoo RB Leebpziigiin waliigalaan 8 fi 1n mo’atee darbe. Nuusa xumuraan ammoo Baayern Munikiin 4 fi 1’n mo’atanii darban. Walakkaa xumuraaf ammoo shaampiyoonaa yeroo 14 Riyaal Maadiridiin waliigalaan 5 fi 1’n mo’atanii kanaaf dhaqaban. Inter Serie A keessaatti waancaa Super Kaappii malee waan biraa injifate hin qabu. Garuu amalli ittisa tapha kilaba Xaaliyaanii kanaa garee Gaardiyoolaaf qormaata tahuu waan hafu miti. Erling Haalaandi konkolaataa koo keessatti faaruu Shaampiyoonsi Liigii dhaggeeffachaan deema jwedhe. Bara kana galchii 52 waliigalaan Maan Siitiif lakkoofsiseera.












