'Lubbuun qabaafan deema malee yaadi kiyyaa sirrii miti'-Miidhamaa Hongee

Hongee waggoota shanaffaaf uummata Boranaa kan kaaba Keenyaatti argamu miidhaa jirtuun, loonsaanii miliyoonaan lakka’aman dhabamanii namoonnis beelaan lubbuu dhabaa jiru.

Qabeenyi ummata horsiisee bulaa loonasaaniti. Amma kunis dhabamuun fayyaa sammuu isaanii irratti dhiibbaa hamaa geessiseera.

Kawuntii Marsabeeti naannoo Saakuu ganda Badhaasaa jedhamtu keessatti maanguddoon BBCn dubbise Aab Waariyoo Galgaloo, horiisaanii dhabuutti gadda hamaa keessa galuu himu.

“Durii loon kiyyan qaba, dheeda barbaaduuf bakka hedduun godaanan. Ollaatti yoo deebi’u kolfee nama hundaa waliin taphadha. Amma ammoo qabeenya sana dhabee namoota qaanfadha.

“Hiyyeessa hin turre, amma sababa hiyyumti na seenteef ummata keessa deemuun ceera,” jedhan Aab Waariyoo Galgaloo.

Ergan dhalate jireenya tikfattee jiraachuu beekaa, waggoota dheeraadhaaf iddootii gara iddootti deemuun jiraatan. Erga bara dhalatanii kaasees hongeen akka bara kana hin arginne hin dhageennes jedhu.

“Barnoota hin qabu, horii tiksaa guddadhe, horumma kanaan dubra fuudhe, mana ijaaree, ummataaisumaan gargaaree ijoollee guddifachaa ture.”

Amma horiin dhumanii harka maratanii jiraachuutti deebi’e. Kunis garuu isaanitti hin tolle.

“Jireenya osoo omaa hin hojjanne deebi’e ollaa keessa ta’u kana hin beeku. Yaaddoo hamtu keessan jira, waan ilmeen ittiin guddisu hin qabu. Kanneen baratan waan barsiisuun hin qabu. Eegaa lubbuun qabaafan deema malee yaadii kiyya sirrii miti, maraatumma qofa hin maraatin,” jedhan Aab Waariyoo Galgaloo.

Aab Waariyoon hongeen dura loon 50 ta’an qabu ture. Guyyaa tokkootti loon torbaa fi sadeetin dhumanii amma harka duwwaa hafan. Amma yabbii/jabbii sadii qofatu lubbuun hafe.

“Wanti nu jirruun horii keenya, yoo dhale aanaan dhugna, gaafa inni gabbate qalanne nyaanna ykn gurgurre ijoolleen ittiin barsiifanna. Amma dhabne namumma ila hin qabne taane.

'... Nulleen yoo deeggarsa argachu baannee egereen teenya tanuma'

Naannichatti bokkaan xiqqaan roobee ture, ta’us lafti baayyee goggogaa waan ta'e margi hin jiru. 

“Sanyiin loon Boorana bonaa fi dhukkuballee dandamata. Waggaa bona dheeraa kana waan nyaatu hin arganne, Waaqumaan asi gahe,” jedha Aab Waariyoon.

Aadaa Boorana keessatti yoo hongee fi waraanni horii nama jalaa xiqqeesse, buusaa gonofaan bakka buusan. Amma namuu wal qixxee waan ta’eef abdiin akkasi hin jirtu.

“Amma namni wal gargaaruu hin danda’u, beelti akka malee hamatee jirti. Baduu malee maaltuu hafe?

“Beekumsi, barnoonni ykn daldalli ani qabaadhe abdadhu hin jirtu. Waaqa qofan abdadha, Waaqa du’u na dhowwi jireenya kiyya kan duriitti na deebisi jedhe guyyaa cufa kadhadha,” jedhu.

Marsabeet keessa bakki bishaan waraabbatan dhabuun namoonni dheebun du’an jiru.

Garuu naannoo Solooloo kan jirtu Anoonaa, bishaan eelaa fi haroo waan qabaniif ummanni akka warra Marsabeeti rakkoo dheebuu hin qabu.

Ta’us “Bishaan yoo dhugde raachallee/fattees womma hin bahan. Eegaa dheebuu akka beelaa obsuu hin danda’an dafte nama ajjeeftiif malee yoo waan ittiin dhaabdu hin qabne faayidaa guddoo hin qaban” jetti Aaddee Aashaa Yaayaa.

“Durii aanaan gurgurre nyaata bitachaa turre, amma beelaan dhumu malee wanti biraa hin jirtu.”

Isheenis akkuma Aab Waariyoo loon 50 ta’an hongee kanaan dhabde.

Wayita gaazexeessitoonni BBC bira gahaniitti, loon hafaniif lama keessa tokko kaasaa turte.

“Kun amma guyyaa sadii omaa hin nyaanne. Duraan buuyyoo/marga itti bitaan ture amma ofiifuu waan nyaadhu hin qabu,” jetti.

Loon huqqatanii deemuu waan hin dandeennef asumma keessatti muka irra baala itti kutaa turte. Amma mukisheen durii gaaddisa fayyadamtu gogee duwwa ejja.

Hundisaanii moonaa (foonaalonii) keessatti akkuma ciisaniin du’an. Moonaan durii kosii loonii qabdu amma goblolii/ reefa loonitiin guuteera. 

Foolii gadhee waan qabuuf, fagoorraa namatti dhufa. Sareen ollaa goblola kan irra foon qorrachuuf ollashee dhufti. 

“Loon keenya waan dheedana dhabuun tokko tokkoon du’an. Nulleen yoo deeggarsa argachu baannee egereen teenya tanuma.”

Fedhiin loonii badeera

Naannoo Marsabeetii keessa loon jiran irra reeffa isaanitu caala.

Reeffi loon du'anii ykn lafeen loonii moonaa nama hundaa bakka duri loon keessa bulan keessa jira. 

Loon duraan hanga ilmee ofi jaalatu Booranni ijjibaateera. Utuu isaan badan namni barbaaduu hin jiruu jetti Aadde Aashan.

Amma moonashee keessa horiin bade dhufe lama, yoo garii torba. Kunis erga torbaan tokko turan namoonni barbaada dhufan.

Akkuma loonii kana namni beelaa qaba, garuu jaalala isaaf qabaniin namoonni utuu beelaa qaban marga itti barbaaduuf muka ykn gaaraa koran. Amma of ijiibaatanii dhiisan.

'Rooba abdanne gurguruu didne'

Erga hongeen eegalte, daldaltoonni loon irra bitaa akka turan himu. Kormi loonii duraan kuma 80,000 oliin gurguran, sababa hongeef kuma sadiifi afuriin gurguraa turan.

Aashaan garuu loonshee hin gurgurre, bokkaan roobee horiinshee du'arraa naaf hafu jechuun abdachaa turte. 

“Yoo gurgur naan jedhan, lakkii ganni kun nuuf roobaa ganna eeganna jedhaan ture. Yoo ganni caame haggeetin nu roobdii Haggaya eeganna odoo jennu bonni wal irraa cituu dide.”

Haata'u malee osoo hin gurguratiin loonshee dhumanii lama qofaan hafte. Lamaan sulleen waan huqqataniif harka namaatin lafaa kaafamu.

“Gaabbii fardi hin dhaqabu, silaa kumni shanan loon itti gurguraman sulleen nyaata guyyaa lamaa sadii nuuf bita ture.

“Ijoollee waan itti kenninu hin qabnu, duri horii kana nyaatee, uffattee, baratti... amma jireenya hin qabnu akka hamaa jirra.”

Aaddee Aashaan loonuma isheetiin ijoollee barsiisaa turte. Mucaanshee angafaas aanaan loonii itti gurguun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumure.

“Gaafa inni qorumsa darbe, ollaan jaartiin tun ijoollee tana jalaatti duutee jedhe na deeggaruun yunivarsitii deeme. Erga yunivarsitii xumure waggaa lama ta'e.

“Biyya tana keessatti hiyyeessi hojii hin argatu, namni akkuma wal beekuu hojii waliif kenna.”

“Hongeen waan Waaqni dhufeen dandeenye, laaleffachuu hin dandeenyu karaa nuun baasuu Isa qofatu beeka malee waan bira hin qabnu,” jetti.