Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guyyaan Iid al-Fixir akkamiin murtaa'a?
Muslimoonni ji'a kabajamaa Ramadaanaa ayyaana kabajamaa-Iid al-Fixir jedhamu ayyaaneffachuun xumuru.
Guyyaa Iidaa maatiin walitti dhufa, uffata haaraa fi hunda caalaa filatan uffachuun dabarsu.
Ayyaana guddaa addunyaa kana garuu yeroonsaa kana jedhanii murteessuun nama dhiba.
Humnaa fi ga'ee Addeessaa
Ji'i Ramadaanaa gara xumuraatti wayita dhiyaatu, Muslimoonni addunyaa biiliyoona lamatti siqan samiin qulqullaa'ee ji'a arguuf si'oominaan eegu.
Hordoftoonni amantii Islaamaa lakkoofsa baraa Addeessarratti hundaa'een taliigamu. Akkaataa kanaan Ramadaanni ji'a sagalaffaadha.
Akkaataa lakkoofsa baraa Addeessarratti hundaa'ee kanaan waggaa waggaan ji'i waggaa haaraa kan waggaa darbee guyyoota 11n dursee seena.
Soomni Ramadaanaa Muslimoota addunyaarra jiran hunda biratti yeroo walfakkaataa eegalee yeroo walfakkaataa xumurama.
Kanaafuu biyyoota garii keessatti waqtii bonaa kan guyyaa dheeratu yoo sooman, biyyoota kaan keessatti ammoo waqtii gannaa kan guyyaan gabaabbatu keessa ta'a.
Ayyaanni Iid al-Fixir guyyaa jalqabaa ji'a 10ffaa- ji'a Ramadaanaatti aanee jiru, ji'a Shawwaal irra kabajama.
Garuu guyyaan kun yoom akka ta'e dursee sirriitti dhibbaa dhibba hin beekamu.
Kanarratti yaadi garaagaraa ka'u jira. Gariin akkaataa lakkoofsa baraa Addeessarratti hundaa'een ji'a guutuu eeganii akka kabajamuu qabu yaada dhiheessu.
Muslimoota biratti baayyee kan beekamu garuu ji'a ilaalanii erga arganii booda kan kabajamuudha.
Kana jechuun ji'i haaraa eegaluun kan ittiin beekamu yoo Addeessi ji'a duraa keessa goobantee turte deebitee baate qofa.
Addeessi haaraan mul'achuu fi dhiisuu kan ilaalan beektota amantii Islaamaa dhimma kanarratti muuxannoo fi hubannoo yeroo dheeraa qabaniidha malee, muslimni hundi samii keessa ilaaleef qofa waan adda baasu miti.
Iidiin bara kanaa
Adeessa ilaaluun warreen Iidii bara kanaa murteessaniif biyya addunyaa keessa jirtan irratti hundaa'uun Kibxata Ebla, 09 ykn Roobii Ebla ,10 irra oola.
Muslimoonni addeessa ilaalanii Ramadaanni guyyaa 29 yookiin 30tti xumuramuusaa adda baasuuf galgala eeganii Addeessa ilaaluu qabu.
Lakkoofsi baayyina guyyaa kun, guyyaa ji'a duraa keessa addeessi irratti argamte irratti hundaa'a.
Kanaafuu Addeessa ilaaluun Ramadaanni bultiin 29 xumuramee galgala keessa eegalama.
Addeessi mul'annaan borumtaansaa Iidii ta'a.
Yoo hin mul'anne ammoo guyyaa itti aanu soomanii Ramadaana guyyaa 30n xumuru jechuudha.
Jaarmiyaan dhimma amantii Islaamaa biyya UK- HM Nautical Almanac Office jedhamu, Addeessi gaafa Kibxataa (Ebla 09) sirriitti mul'atti, kana jechaan Iidiin Roobii Ebla 10 irra oola jechuu dha.
Guyyaan jalqabbii fi xumuraa ji'a Ramadaanaa Muslimoota hunda biratti walfakkaataa ta'us, akkaataa dheerina guyyaa fi halkanii, akkasumas garaagarummaa yeroo biyyoota addunyaa gidudu jiruun walirraa jala ta'uu mala.
Yeroo baayyee Addeessa ilaalanii guyyaa jalqabaa fi xumuraa Ramadaanaa kan ibsan biyyoota Arabaati, irra-jireessaan Sa'uudiidha.
Biyyoonni akka Awurooppaa fi Ameerikaa hedduun waan achirraa labsame hordofu.