Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarotni ajaje jalaa barfachuu ibse
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa imaltootaa dabalaa jiruufi imala isaa babal'achaa jiruun walqabatee hammi xiyyaaraa qabu hanqachaa dhufuu ibse.
Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasew yaada Rooyitarsiif kennaniin ''danqaalee hedduutu nu mudatee jira'' jedhan.
''Fakkeenyaaf amma hanqina xiyyaaraa qabna. Omishtootni xiyyaaraa keessumaa Booyiing xiyyaara ajajne oomishee nuu dhiyeessuuf barfachaa jira.''
Daandiin qilleensaa kun xiyyaarota Booyiingiifi Eerbaas 70 akka hojjetamaniif ajajeera. Dabalataanis xiyyaarota 54 bituu akka danda'u ibsee ture.
Kaayyoon isaa ammoo lakkoofsa xiyyaarota isaa dachaan dabaluun bara 2035tti iddoowwan itti balali'u dabaluudha.
Tarsiimoo guddinaa dhiyeenya ifa godheen bara 2035tti galii waggaa dhibbeentaa 400n, lakkoofsa imalaa ammoo dhibbeentaa 440n ol giddisuuf hojjeta.
Xiyyaarotni bittaaf ajaje dafee isa qaqqabuu dhabuun danqaa itti uumuu kan himan Obbo Masfiin dabalataan ammoo xiyyaarotni isaanii gariin hanqina dhiyeessii injinii isaan mudaterraa kan ka'e akka hin balaliine dhorkuu ibsaniiru.
Dabalataan gosa xiyyaaraa Booyiing ji'oota dura rakkoon isa mudate, Max, hamma rakkoonsaa fala argatuutti balaliirraa dhorkus himaniiru.
Booying dhimma rakkoo kanaaf dafee fala ni kaaha jedhanii akka amananis himan.
Daandiin Xiyyaaraa kun Afrikaa keessatti guddicha ta'e kun bara kana imaltoota bara darbe deddeebise caala dhibbeentaa 30n deddeebisuuf karoora qabate galmaan gahuutti dhiyaachaa akka jiru Obbo Masfin himaniiru.
Dhaabbatichi bara darbe imaltootaa miiliyoona 13.9 kan deddeebise yeroo ta'u, bara kanas ji'oota saglan darban hojiin hojjete isa bara darbee dhibbeentaa 30n caaluuf kallattii gaariirra jiraachuu agarsiisa jedhan Obbo Masfin.
Lakkoofsa imaltotaa dabaluun cinaatti bara kana galii argatu dhibbentaa 20n dabalee doolaara biiliyoona 7.3 argachuuf abadata.
Iddoowwan itti balali'u haaraa dabaluufi kan amma dura itti balali'utti ammoo deddeebi'ee bararuuf karoora qabaachuus himan.
Hojii daldalaa e-Commerce Afrikaa keessatti saffisaaan fudhatama argachaa jirutti fayyadamuuf dhaabbata Chaayinaa Alibabafi kaan waliin hojjechuuf karoorsuus himan.
Balalii xiyyaarota 140 fi iddoowan gahumsaa 100 adunyaarraa qabaachuun Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa irraa daandii qilleensaa dursaa jirudha.