Joo Baayidan Iraan 'dhihootti' Israa'el haleeluun hin hafu jedhan

Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Iraan ''yeroo dhihootti'' Israa'eliin ni haleelti jedhanii akka yaadan himan. Haleellaa qilleensaan hogganooti waraanaa Sooriyaa keessatti ajjeefamuun booda Iraan tarkaanfii haaloo bahuu fudhatti yaaddoon jedhu dabaleera.

Israa'el jalqaba ji'a kanaatti haleellaa Sooriyaa keessatti geggeessiteen qoontsilaa Iraan achi jiru haleeluu hin amanne.

Qondaaloti Ameerikaa CBS News kan BBC waliin hidhata qabutti akka himanitti Israa'el irratti haleellaan jabaa raawwachuun waan hin oolle dha.

Israa'el gamasheen haleellaa kana ofirraa qolachuuf qophii dha jette. Baayidan immoo Iraaniif dhaamsa ''dhiisi'' hin raawwatiin jedhu dabarsaniiru.

''Israa'el tiksuuf kutannoo qabna. Israa'eliin deeggarra, Iraan hin milkooftu,'' jedhan.

Gareen hidhataa Iraaniin deeggaramu dabalatee, Hezboollaan kan Libaanoon keessaa socho'u irra deddeebiin Israa'el irratti haleellaa raawwatu.

Gaazexeessaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gardinar Iraan beekaa Baha Giddugalaa fi Waashingatan maal akka gochuu dandeessu akka tilmaamaa turan gochaa jriti jedha.

Gaafa Ebla 1 erga qontsilaan Iraan Damaasqoo keessatti haleelameen booda qaamni nageenyaa Iraan akkatti deebii kennuu falmiitti jira. Israa'el Iraan gareewwan hidhataa Liibaanosiifi Siiriyaa keessa jiran Iraan meeshaa waraanaan ni deeggarti jetti.

Yeroo ammaatti Iraaniif tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuun tarsiimawaa miti. Sababiin isaas naannoo biyyoota kanaa yaaddoo fi of eeggannoo guutamee jiraachuun dabalataan Ameerikaan addunyaan Iraan irraa maal eeguu akka qabu himaa jirti.

Iraan waraana labsuu hin barbaaddu biyyooti Arabaa naannoo jiranis akkasuma. Inumaa Iraan tarkaanfii fudhachuu irraa akka of qusattu gaafachaa jiru.

Haatahu malee Iraan keessa qaamoti of qusachuun tarkaanfii qabatamaafi tarsiiimawwa fudhachuu akka qaban himan jiraatanillee, Hoggaanaan Olaanaa Iraan Ayaatollaa Kaameeniin faa ammoo tarkaanfiin jabaa akka fudhatamu barabaadu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaaddoon jabaachaa dhufuurraan kan ka'e Ameerikaa, UK, Indiyaa fi Awustiraaliyaa imala lammiileen isaanii gara Israa'e taasisan dhorkaniiru. Ameerikaan ammoo lammiileen biyyattii Israa'el keessa jiran magaalawwan Teel Aviiv, Jeeruusaalemiifi Beersaabee keessaa akka hin baane gaafataniiru.

Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu akeekkachiisa kaabinee isaanii waliin walgahaniiru.

Lammiileen Israa'el haleellaa Iraan raawwatti jedhamuuf yaaddoo akka hin qabne himu.

''Diinaan marfamnee akka jirru beekna, kibba, kaabaafi baha,'' jechuun Daani'el Kosmaan Yersuusaaleem AFPtti himeera. ''Waan sodaannu hin qabnu, naannoo kee ilaali namni naguma bahee, galaa jira,'' jedhan.

Ministarri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gita isaanii Chaayinaa akkasumas kan Saa'udii Arabiyaa fi Tarkiitti dubbachun dhiibbaa qaban Iraan irratti akka fayyadaman amansiisuu yaalaniiru.

Ministarri Waraanaa Isaraa'el Yoo'aav Gaalaant erga yaaddoon Iraan kuni dhufee michoomani Ameerikaa jabaachu himuun, ''akkatti deebii kenninu beekna,'' jedhan.

Haleellaa Hamaas lammiilee Israa'elitti raawwate hordofee namoonni 1,200 gama Israa'eliin yoo ajjeefaman. Namoonni 250 butamanii fudhataman, 130 ammallee Gaazaa jiru hin gadhiifamne jette Israa'el.

Lammiileen Gaazaa 33,600 kan baayyeen isaanii namoota nagaa tahan haleellaa Israa'el raawwatteen ajjeefamaniiru jedha ministirri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu.