Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsi Tigraayitti hundeeffamuuf jiru kan ce’umsaa moo kan yerooti?
Mootummaan federaalaafi TPLF Sadaasa keessa erga Afriikaa Kibbaatti waliigaltee nagaa mallatteessanii asi naannoo Tigiraayitti nageenyi deebii’eera.
Keewwatawwan waliigalticha keessatti hammataman 15 keessaa lama akka bulchiinsi heera mootummaa naannicha keessatti deebii’uf gaafata.
Keewwati 7(2) (C) jalatti mootummaan federaalaa TPLF tarree shorrkeessummaa irraa akka kaasu hima.
Keewwati kunis tokkicha waliigaltichi hojiirra oolfamnaan, ‘bulchiinsi yeroo hunda hammatu naannichatti’ akka hundeeffamu hima. Kunis hanga filannoon miseensoonni caffee naannoofi paarlaamaa gaggeeffamuutti kan marii qaamolee lamaan jidduutti gaggeeffamuun hundeefamudha jedha.
Ministirri Mummee biyyattii, Abiy Ahimad erga waanni Kaaba biyyatiitti eegalee as yeroo jalqabaatiif baatii darbe keessaa hoggantoota TPLF waliin fuldura wal arguun mari’achunsaanii ni yaadatama.
Erga sanaan boodas bulchiinsa yeroo naannichatti hundeeessuuf hojiin sanada qopheessuu gaggeeffamaa jiraachu dura taa’aan koree hojii kana qindeessuu kan ta’an Leetanaan Janaraar Taaddasa Warada ibsa Guraandhala 15, 2023 midiyaa naannichaatiif kennanii himun ni yaadatama.
Ofii bulchiinsi yeroo maaliidha? Mootummaa heeraan ijaaramurraa maaltu adda taasisa?
Gabramasqal Haayiluu Yunvasitii Maqaleetti Pirofesara Ittaanaa Dippaartimantii Seeraa yoo ta’an, caasaa bulchiinsa lamaan jidduu garaagarummaa guddaatu jira jedhu.
Kana haala salphaa ta’een ibsuudhaaf, fakkeenyaaf yoo mootummaan tokkoo bulchiinsa abbaa hirrummaa irraa kan gara dimokraatwaatti jijjiramu ta’e, mootummaa ce’umsaa jedhama. Kunis sababii jijjiraamni bulchiinsaa taasifamuudhaaf jedhan.
Gama biraatin ammoo, wayita bulchiinsi mootummaa turee sababii ta’ee adda cite deebiisee eegalutti mootummaan yeroo (interim government) heeraan akka caasaa bulchiinsaatti fudhatama jedhu.
‘‘Itoophiyaattis kan heera mootummaatiin hayyamamu mootummaa yeroo hundeessudha. Fakkeenyaaf, sababii ta’een yoo paarlaamaa keessatti sagalee dhabe mootummaan kufuu danda’a. Wayita kanatti hanga mootummaan filatamutti mootummaan diigamuun mootummaan yeroo tura. Kanaafuu, hanga mootummaan sababii ta’een diigame sun deebii’ee karaa filannootiin ijaaramuutti, mootumman yeroo mootummaa dhaabbataati jechuudha.’’
Akka hayyuu kanaatti, ammaan tanatti naannoo Tigraay keessatti jijjiramni bulchiinsaa taasifame hin jiru. Yaadni bu’uuraa waliigaltee Piritoriyaas adeemsi heera mootummaa naannichatti ‘‘gama tokkoon cabee ture’’ fi naannichi gara bulchiinsa heera mootummaatti akka deebi’u taasisuudha jedhan.
Haaluma kanaanis, bulchiinsi naannoo Tigraay keessatti hundeeffamu bulchiinsa yeroo ta’a jedhan.
‘‘Kunis sirna bulchiinsa heeraa deebiisuuf malee sirna ykn jijjirama addaa fiduuf miti,’’ jedhan.
Dabalataanis, mootummaan ce’umsaa ijaaruudhaaf humnootiin ce’umsi akka taasifamuuf sababa ta’an jiraachutu barbaachisa.
Fakkeenyaaf, mootummaan kana jigee qabsoo hidhannootiin yoo ta’e, humnootiin waraana qabsootiin jijjiramni akak dhufu taasisan sun haaluma jijjirama humnootiin sun ce’umsaaf barbaadaniitiin mootummaa ce’umsaa hundeessuu danda’u.
Mootummaan yeroo umamni isaa kanarra adda jedhu Gargaaraan Pirofesaraa Gabramasqal.
Itti dabalunis, Itoophiyaa keessatti mootummaan yeroo hundeeffamu kan danda’u qaama olaanaa biyyattii kan ta’e mootummaa federaalaatiin yoo ta’u itti waamani isaas mootummaa federaalaati jedhan.
Mootummaan yeroo hangamiif turu danda’a?
Mootummaan yeroo hangi aangoorra itti turu hangas jechuuf rakkisaa ta’ulleen, hayyoon garuu yeroon aangoo isaa haala biyyattii ykn naannoo sana keessa jiruu akka murtaa’u dubbatu.
Ta’u garuu mootummaan yeroo kan yeroo malee kan itti fufuu miti jedhu hayyuun seeraa Gabramasqal.
Kana jechuunis, bulchiinsi yeroo amma naannoo Tigraayiitti hundeeffamu, naannichatti nagaafi tasgabbii deebiisuu akkasumas kanneen buqa’an bakkatti deebiisu, deeggarsi namoommaa qaabuu mirkaneessuu fi deebiisanii ijaaruu irratti kan xiyyeeffate ta’a jedhan.
Kanaafu carraan mootummaan yeroo akka mootummaa dhaabbataa kaaniitti imaammataawwaniifi tarsimoowwan baasuu ykn seerawwan biyyattii keessatti haala jijjiruu danda’an raggaasisuuf qabu daangeeffamaadha, jedhan.
Mootummaan yeroo irra caalaa kan fedhiiwwan hawaasummaa furu irratti xiyyeefatu ta’a. Haalli kun ammoo dhiibbaa yeroo dheeraa qabaachu akka danda’u kaasu hayyoonni.
Haata’u amlee adeemsi hundeessuu mootummaa yeroo hundi akka ‘‘shaakala dimokraasiitti ilaalamu danda’a. adeemsichis aadaa waliin ta’utiif bu’uura kaa’u danda’a akka dhaabbattaatti,’’ jedhan.
Koreen naannoo Tigraayiitti mootummaa yeroo hundeessuuf hojjataa jiruus miseensoota sagal kan hammatu yoo ta’u, isaanis ajajaa humnoota Tigraay, Janaraal Taaddasa Waradaa fi nama siyaasaa Muluwarqi Kidaana maariyaam dabalatee, kan waraana, miseensa TPLF, hayyootaa fi miseensoota hawaasa siviilii irra babahan jedhameera.
Sochii hanga ammaatti naannicha keessatti ta’aa jirus hojii raawwachiiftu itti waamamnisaa MM’f ta’e ijaaruudha jedhan Pro. Gabramasqal.
‘‘Kanaafuu paarlaamaa haaraa fi seerri haaraan bahu hin jiraatu. Bulchiinsi yeroo fedhii bu’uuraa ummataa guutuufi deebiisanii ijaaruudhaan kan ko’omatu ta’a. Kunis kanaaf hanga tokkoo kan walabummaa naannichaa ‘faalleessu’ (compromising) ta’a. Ta’us ammo kunis haaluma heera biyyattiin kan raawwatamuudha’’ jedhan.
Ijaarsi bulchiinsa yeroo Tigraay maaliif falmisiisaa ta’e?
Torban darbe keessa paartiileen siyaasaa naannicha keessa socho’an sadi koree adeemsicha ijaarsa bulchiinsa yeroo qindeessuuf hundaa’e mormuun ibsan baasun isaanii ni yaadatama. Isaanis korichi wallaba kan hin taaneefi kan paartii tokkichaan guutameedha jechuun qeeqan.
Dureewwan paartilee mormituu naannchaa tokko tokkos, kooree kun seera maaliin akka hundeeffamee irratti gaaffii kaasuun TPLF qofa kan bakka bu'aniidha jedhu.
Haata'u malee korichi nuti bulchiinsa qaama hunda hirmaachisuufi kan ummata naannichaa irra caalaan fudhatamu akka ijaaruuf jiru hime.
mormiifi falmii kunis hayyootaa fi roggeeyyii gama lamaaniinuu haala siyaasaa fi nageenya naannichaa hordfaniin ka'aa jira.
Pro. Gabaramasqal gama saanitiin akka namaatti, ''miidhaafi duguggaa sanyii naannichatti raawwatameera jechuun hawaasni amanu sanan hunda booda, qaama'' paartii siyaasaa dursuun aangoo barbaadu arguuf hin eegu ture.
Kunis ammalleen ''aadaan siyaasaa baayyee hamaa ta'e jiraachudha,'' jedhan.
Dursi kan kennamuuf amma bulchiinsa yeroo kan nageenya naannichaatti busuuf itti gaafatama qabu, kan waraanaafi ajjeechaa dhorku fi kan fedhii ummataatiif deebii kennu hundeessuudha.
Kanaafu, ''bulchiinsa yeroo kan hawaasa ykn dhaabbata kamuu hin qollifannee ta'u qaba jechuun rakkoo hin qabaatu. Osoo hirmaachisaa ta'e, hawaasaan kan amanamu ta'e bulchuufi nageenyi jiraachuun adeemsa jeequmsaa fi waraanaatti nama hin geessine ta'a.''
Hunda dura, ummanni mootummaa fudhatamaa fi seera qabeessa qabaachu barbaadu. Garuu ammoo kun ta'u kan danda'u yoo karaa filannoo walabaa, hirmaachisaa fi dimokraatawa ta'een filatame qofaadha.
Filannoon akkasii kun ammoo yoom akka raawwatu ykn bulchiinsi yeroo hundeeffamuf adeemamu hangamiif akka turu ammatti wanti beekamu hin jiru.
Filannoon Tigraay Fulbaana bara 2020 keessa gaggeesite seeraan ala jedhamun haqamunsaa ni yaadatama.
Gargaaraan pro. Seeraa Gabramasqal Haayiluus kunis yeroo namoonni siyaasaa Tigraay itti ''of xinxalaniidha'' jedhanii amanu.