Hoggantootni waraanaa Sudaan ulaagaa tokko malee dhukaasa dhaabuuf waliigalan

Madda suuraa, Getty Images
Gaggeesitootni waraanaa Sudaan lamaan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaanii fi hogganaan Humna Dafee Dhaqqabaa Sudaan, Jeneraal Hamdaan Dagaaloo ''haal-duree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhaabuu'' hojiirra olchuuf waliigaluu IGAD hime.
Jibuutiitti kora gaggeessaa kan jiruu fi xiyyeeffannoo guddaa waraana Sudaan irratti kan godhate IGAD, Dilbata kaleessaa hoggantootni waraanaa lameen waliigaluu beeksise.
Hogganaan Humna Waraanaa Sudaan, Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan, erga Eebla darbee hogganaa Humna dafee Dhaqqabaa Sudaan [RSF] jedhamuu kan tahan jeneraal Hamdaan Dagaaloo waliin wal dhabuun wal waraanaa turan.
Manni Maree Ce'umsaa Sudaan yeroo hundaa'u Jeneraal Abdel fattaan hogganaa, morkataan isaanii ammaa Jeneraal Hamdan Dagaaloo ammoo itti aanaa isaanii tahuun muudamanii ture.
Jeneraal Abdel fattaa al-Burhaan qaamaan argamuun wal gahii IGAD irratti hirmaataniiru.
Jeneraal Hamdaan qaamaan argamuu baatanis, gaggeesitootni miseensota IGAD, Jeneraal Hamdaan waliin bilbilaan mari'achuu ibsa IGAD baase ni hima.
Gaggeesitootni lameenuu dhukaasa dhaabuun qaamaan fuulaa fuulatti akka mari'atan waliigalameera.
IGAD waraana lubbuu namoota kumaatamaa galaafachaa jiru kana marii siyaasaan xumura itti gochuuf akka hojjetu hime.
Hoggantootni lameen kun waliigaluun kan dhagahame Ameerikaan gareen lameenuu yakka waraanaa raawwataniiru jettee guyyoota muraasaan booda.
Ameerikaan Humni Dafee Dhaqabaa fi hidhattootni isaan waliin hidhata qaban yakka sanyii dhala namaa balleessuu raawwateera jette.
Uummatni miliyoonaan lakkaa'amu sababa waraana kanaan qe'ee isaanii gadhiisuun gara biyyoota ollaa fi naannoolee biraatti baqataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaggeesitootni lameen fuulaa fuulatti wal arganii mari'achuun waan barbaadamu tahus, ammas hojiirra oolmaan isaa fuulduratti kan ilaalamu taha.
Humni waraanaa Sudaan, UAE meeshaa waraanaa garee RSF'f kenniti jechuun himataa ture. UAE garuu himata kana ni haalte.
Kana dura gaggeesitootni lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahanis irra deddebiin hin milkaa'iin hafe.
Gama biraan Haleellaa konkolaattota deeggarsa namoomaa dhaqabsiisan irratti raawwateen namootni lama du'uun torba ammoo madaa'uu Waldaan Fannoo Diimaa -idil-adunyaa hime.
Waldaan Fannoo Diimaa Idil-adunyaa haleellaa Kaartumitti tahe jedhamee konkolaattota deeggarsa namoomaa dhaqabsiisaa turan irratti raawwateen gadduu himeera.
Haleellaan kun gaggeesitootni waraanaa lameen dhukaasa dhaabuu fi fuulaa fuulatti mari'achuuf waliigaluu isaanii ibsamee sa'aatii muraasa booda raawwate.
Koreen Waldaa Fannoo Diimaa Idil-adunyaa konkolaattotni haleelaman mallattoo dhaabbatichaa kan ofirraa qabanii fi namoota nagaa gara bakka naga qabeessaatti baasuuf imalaa osoo jiranii haleelamuu ibse.
Waraanni Sudaanii fi RSF nageenya isaanii wabii kennanii akka ture himus ibsi Humni Waraanaa Sudaan kenne garuu ICRC komate.
Jeneraalonni lameen waggoota lama dura waliin tahuun fonqolcha mootummaa raawwatanii pirezidaantii yerosii Omar al-Bashir aangoo irraa buusan.
Ergasii ammoo aangoo to'achuuf jecha osoo wal dhabanii ce'umsa gara dimokiraasitti yaadame gufachiisan.
Har'a biyyattiin waraanaan raafamtee gaggeessaan biyattii jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaaniyyuu magaala guddoo Kaartumii bahuun, Port Sudaan keessa buufatan.
Dippilomaatotnii fi hawaasni dil-adunyaa magaalaa guddoo biyyattii keessa turan waraanni jalqabee sooo hin bubuliin gadhiisanii bahan.
Imbaasilee biyyoota adda addaa irrattis haleellaan raawwatamaa ture.












