Sudaaniitti gareewwan riphee loltootaa lama waraanaa biyyaa waliin hiriiranii loluuf waliigalan

Madda suuraa, AFP
Sudaniitti gareen riphee loltootaa kan bulchiinsa Daarfuur keessa socha’an waraana walii waliinii biyyattiitti gaggeefamaa jiruurratti raayyaa ittisa biyyattii maddii hiriiranii loluudhaaf waliigaluun ibsame.
Gareewwan riphee loltootaa waraanaa biyyattii waliin hiriiruun RSFn loluuf walii galan kunneenis garee Sochii Bilisummaa Sudaan (SLM) fi Sochii Haqaafi Walqixxummaa (JEM0 kan jedhamaniidha.
Gareewwan finciltootaa lamaan kunneenis kan jedhan humni dafee dhaqabaa (RSF) kan waraanaa biyyaa waliin wal lolaafi duguggaa sanyii raawwachuun himatamu, bakkeewwan garaa garaatti injifannoo gonfachuu ibsaa jiruuttiidha.
Dursaan riphee loltootaa, Jibriil Ibraahima BBC Newsday’tti akka himaniitti, sababiin isaanii ‘‘namoota nagaa haleellaa RSF'n miidhamanii fi jiraa awwaalaa jiru'' jedhan tiksuufiidha.
Itti dabalunis murteen Waraanaa biyyaa maddii hiriiruudhaan loluuf taasifame kun salphaa hin turre jedhan.
Dursaan Sochii Walqixxummaafi Haqaa (JEM) kun akka jedhaniitti, waliigaltee kanarra gahuudhaaf baatii torba itti fudhateera.
Garee riphee loltoota JEM fi waraanaa biyyattii jiduu walitti dhufeenyi gaariin hin turre. Lola jidduusaanii turen obbolleessi Ibraahim yeroo dursaa garichaa ture waraana biyyatiin ajjeeffame.
JEM fi gareen riphee lolaa kana gara biraa SLM gara waraanaatti kan seenan bara 2003tti , mootummaan hawaasa gurraacha naannichaarratti loogii taasiisa jechuun Daarfuur keessatti qabsoo eegalan.
Mootummaan Sudaan ammo milishoota Arabaa qacaruun humna dafee dhaqabaa (RSF) bobbaasee ture.
Waraanaa milishoota Arabaa mootummaadhaan deeggaramaniifi riphee loltoota kanneen lamaan jidduutti waraana Daarfuriitti gaggeeffamees dugguuggaa sanyii jaarraa 21ffaatti jalqaba raawwatame jedhamee ture.
Waraanni Mahaammad Daagaaloo dhiheenya magaalaa biyyattii guddoo lammaffaa kan taatee Nyaalaa dabalatee magaaloota Daarfuriitti argaman hedduu to’ateera.
Torban darbe keessatti humni Deeggarsa Dafee Dhaqabaa [RSF] namoota Araba hin taanee dhibbaan lakkaa’aman lixa Daarfuuriitti ajjeessuu ilaalchisee gabaasaaleen bahanii ture.
Garichi garuu ajjeechaa kana keessaa harka akka hin qabneefi namoonni kan ajjeeffaman walitti bu’insa gosaatiin jedhe.
Gareewwan riphee loltootaa JEM fi SLM ibsa waraanaa biyyaatti makamu ittiin ibsaniin, ‘‘Waraanaa wal walii Sudaan irratti ejjannoo walabummaa jijjiruun adda kamiinuu duula waraana biyyaatti makamuudhaaf kuttannoo qabna’’ jedhan.
JEM fi SLM kanaan dura dandeetti waraanaa cimaa qabaachuu baatanilleen, wal waraansicha keessatti hirmaachunsaanii walitti bu’insicha keessatti taatee guddaadha.
Kana malees, Jibriil Ibraahim biyya Humna Dafee Dhaqabaaf (RSF) deeggarsa taasiifti jedhamtu dursaa Chaadi waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabu himama.
Jibriil walitti dhufeenya dursaa Chaad Jeneraal Mahaamad Deebaayi waliin qabuutti gargaaramun deeggarsa Chaadi humna RSF'f taasiftu akka dhaabdu gochu danda’a.
Dursaan garee JEM Jibiriil Ibraahim RSF yoo Sudaan to’ate biyyattiin ni bittiinoofti yaaddoo jedhu akka qaban dubbatu.
RSF teessoo isaa Lixa Sudaan gochuudhaan mootummaa hundeessuu ifa taasisuu danda’a tilmaamni jedhus jira.












