Raashiyaan midhaan Yukireenii akka hin baane dhorkuun 'yakka waraanaati' jedhe EU

Raashiyaan buufataalee Yukireen irraa midhaan akka hin fe'amne uggurte

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan buufataalee Yukireen irraa midhaan akka hin fe'amne uggurte

Hoogganaan imaammata Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel Raashiyaan midhaan tooniin miiliyoonaan lakkaawwamu Yukireen gurgurtaa alaaf akka hin dhiyeessine dhorkuun ''yakka waraanaa ifaadha'' jedhan.

''Waan amanamu miti- Uummatni addunyaa beelaan rakkachaa yeroo jirutti, qamadiin tooniin miiliyoona hedduun lakkaawwamu Yukireen keessaa akka hinbaane dhorkamuu amanuun ni rakkisa'' jedhan Boorel.

''Raashiyaan dhorkaa sochii buufataalee doonii Yukireen irraa akka kaaftu gaafanna'' jedhan.

Ministiroonni Gamtaa Awurooppaa rakkoo midhaanii kana ilaalchisee mariyachuuf jiru.

Biyyootni Lixaa Raashiyaan buufataalee doonii gama 'Black Sea' jiru sochiin ala gochuu ishee dhaabdee kuusaan qamadii Yukireen gabaa addunyaaf akka dhiyaatu gaafachaa jiru.

Sababa waraana Yukireeniin dhiyeessiin midhaan dheedhii gabaa idila addunyaarratti akkaan gadi bu'ee, uummatni addunyaa miiliyoonaan lakkaawwamu fiixee beelaarra jirutti yaaddoo dabaleera. Guutuu addunyaattis gatii wantoota nyaatamanii qaalesseera.

Walgahiin Luuksenbeerg eegaluun dura Booreel ibsa kennaniin ''Kun ifatti yakka waraanaati, amallee kan yeroo dabaataaf itti fufu ta'u yaaduun nama dhiba'' jedhan.

Raashiyaan midhaan Yukireen gabaa idila addunyaaf dhiyeessitu ugguruu kan itti fuftu yoo ta'e yakka kanaaf ''gaafatamuu qabdi'' jedhan.

Gamtaan biyyoota Awurooppaa 27 of jalaa qabu kun gatiin midhaanii gidduugala Bahaa fi Afrikaa keessatti kan akkaan dabale sababa qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa irra kaaheen ta'uu isa Raashiyaan ibsitu ni balaaleffata.

Rakkoo kana kan uume qoqqobbii Gamtaa Awurooppaa akka hin taane cimsee ibsuun fedha. Qoqqobbiin keenyanyaata, xaa'oo irratti hin xiyyeeffanne.''

Maddi rakkoo kanaa uggura Raashiyaati jedhan.

Ministirri Haajaa Alaa Firaans ammoo Raashiyaan ''beela addunyaatti qoosuu dhaabuu qabdi'' jedhan.