Aanaa Siraarootti himatamtoonni 'dhuganii' loon hatan adabaman

Loon himatamtootaan hatamanii turan

Madda suuraa, WKAS

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti himatamtoonni loowwan saddeet hatanii, ‘dhugaatii dhugnee ture” jedhan hidhaan adabaman.

Taateen kun Aanaa Siraaroo ganda Kallaa Laallimaa keessatti Wiixata darbe Fulbaana 07, 2016 sa’aa 10 fi 11 gidduutti raawwatame.

Guyyichatti miidhamaan dhuunfaa Obbo Quufaa Hayaatoo Eda’oo horiisaanii saddeet iddoo addaa Paarkii Sinqillee jedhamutti bobbaasaniiru.

Gama biraatiin himatamtootni lamaan Hajjii Imaamaa Raaboo umrii waggaa 45 fi Shukurii Edishoo Nabii umrii waggaa 32 jedhaman fi jiraattota aanaa Shaallaa ta’an ammoo aanaa Siraarootti hoteela tokko keessatti nyaataafi dhugaatii erga fayyadamanii booda gara iddoo loon keessa ooluun beekamu kanatti qajeelan.

“Nuti guyyaa har’aa harka duwwaa hin gallu. Hoorii oofannu malee,” jechuunis iddoo addaa Paarkii Sinqillee jedhamu kanaa qabeenya miidhamaa dhuunfaa Obbo Quufaa Hayaatoo horii saddeet ooffatanii gara aanaa Shaallaa qajeelan.

Bakka Bu’aa Kutaa Adeemsa Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu Poolisii Aanaa Siraaroo kan ta’an Ittaa Aanaa Inispeektaraa Aliyyii Jiloo Galgaloo, “Horii aananii waatiyyoon mana jirtutu jira, qotiilee ittiin qotatantu keessa jira, sangaatu keessa jira, sa’a dorrobaatu keessa jira, waatileetu keessa jira. Waliigala horii saddeeti,” jechuun qabeenya himatamtoonni miidhamaa dhuunfaa jalaa hatan ibsan.

Miidhamaan dhuunfaas horiisaa ooffachuuf gara iddoo dura itti bobbaasetti yemmuu deemu horiisaa iddoo itti bobbaaseetti argachuu hin dandeenye.

Ijoollee iddichatti loon tiksan yemmuu gaafatus horiinsaa kallattii aanaa Shaallaatiin oofamuu isaanii itti himan.

Sana boodas abbaan qabeenyaa daandii ijoolleen eeran hordofuun kallattii aanaa Shaallaan imala. Loowwansaa himatamtootaan oofamaa jiran arguunis tumsa hawaasaan horiin akka deebi’ufi shakkamtootni akka to’ataman taasifama.

‘Yakkichi miira hawaasaa kan tuqedha’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himatamtootni to’annoo jala erga oolanii booda iddoo yakkichi itti raawwatame deemuun haala yakkichi itti raawwate qorachuu kan himan Itti Aanaa Inispeektaraa Aliyyii Jiloo “Yakki raawwatame miira hawaasaa kan tuqedha,” jedhan.

“Halkanuma san ragaa jiru funaannee gaafa Fulbaana 08, 2016 Abbaa Alangaa wajjin taanee shakkamtoota Mana Murtiitti dhiyeessine,” jedhan.

Himatamtoonni lamaan yakka hanna horiin Mana Murtiitti dhiyaatan kunneen gochicha raawwachuu isaanii guutummaatti amananii jiru.

Gochaa isaanii kanaafis sababa kan dhiyeessan yemmuu ta’u, sababni dhiyeessanis “dhugaatii dhugnee ture,” kan jedhuudha.

“Erga dhugnee booda harka duwwaa hingallu jennee waliin mari’annee iddoo horiin itti oolu kana deemne. Achumaanis horii kana ni oofanne,” jechuun jechasaanii kennan.

Kaayyoon himatamtoota kunneenis horii hatan dhoksuun abbaa qabeenyaa maallaqa gaafachuu akka ta’e Itti Aanaa Inspeektaraa Aliyyii Jiloo himaniiru.

“Yoo abbaa qabeenyaa argine maallaqa irraa fudhannee horii kana deebisuudha. Yoo irraa dhabne immoo dhuunfaa keenyaaf oolfannee itti fayyadamuufi” jechuunis jechasaanii kennan.

Manni Murtii Aanaa Siraaroos jecha ragaaleefi himatamtootaa erga dhaggeeffate booda murtee battalaa kennee jira.

Haaluma kanaanis himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa tokkon tokkon isaaniirratti hidhaan cimaa waggaa 2 fi ji’a 9 irratti muramee jira.

Himatamtootni dhugaatii alkoolii dhuguun yakkicha raawwachuu isaanii himanis, “namni ni dhuga garuu itti yaadeeti gocha yakkaa tokko kan raawwatu,” jedhu Itti Aanaan Insipekaraa Aliyyii Jiloo.

“Dhugnee machoofnee akkana taane kan jedhu amaluma shakkamaati. Qorataa yakkaa sobuufi Abbaa Alangaa dogongorsuuf, garaa laaffifachuuf jecha yaada akkasii dhiyeessan malee itti yaadaniituma yakka kana raawwatan,” jedhan poolisichi.

Namoota hoorii hattan

Madda suuraa, WKAS

Horii miliqsuun gochaa barameedha

Aanaan Siraaroo naannoo Sidaamaa fi Saba, Sablammootaa fi Uummattoota Kibbaa waliin akka wal-daangessu kan himan Itti Aanaan Insipekar Aliyyiin, “horii daddabarsuun nijira. Asii fuudhanii naannoo Sidaamaatti waljalaa miliqsuun nijira,” jedhan.

“Horii miliqsan erga dhoksanii booda ‘ani eeruu sifan kenna maallaqa hanga kana naaf kenni’ jedhanii ummatarraa birrii fudhatanii horiin sun karaa Abbootii Gadaatiin akka deebi’u taasisu,” jedhan.

Gochaa kana keessattis namootni umuriin gurguddaan maatii horatan akka hirmaatanis qondaalli poolisii kun himaniiru.