Dubartiin uffata barreeffama afaan Arabaa qabu uffatte hiriirtota dheekkaman jalaa baraaramte

Madda suuraa, SHALIK RIYADH/INSTAGRAM
Dubartiin lammii Paakistaan uffata barreeffama afaan Arabaatiin miidhagfame irratti maxxane uffatte, amantii arrabsite jechuun hiriirtonni dheekkaman himatan.
Namoonni dheekkaman kunneen barreeffamichi Qura'aana keessaa fudhatame jechuun dogoggoraan ishee himatan.
Namoonni dhibbaan lakkaa'aman erga walitti qabamanii booda poolisiin dubartii kana lubbuushii du'a jalaa baraare.
Sana booda hawaasa dhiifama gaafatte.
Uffatichi barreeffama afaan Arabaatiin"Halwa" jedhu kan ofirraa qabu yoo ta'u, hiiknisaa'' miidhagduu'' jechuudha.
Paakistaan keessatti amantii arrabsuun du'aan nama adabsiisa.
Namoonni kaan isaanii otoo dhaddacha mana murtiitti hin dhiyaatiin ajjeefamu.
Poolsiin BBC akka himetti, namoonni reestoraantii dubartii kanaa magaalaa guddoo naannoo Puunjab kan taate Laahoritti argamu duratti walitti qabamuu hordofuun dhaamsi bilbilaa isaan qaqqabe.
Poolisoonni bakkicha wayita qaqqabanitti namoonni 300 ta'an reestoraanticha fulduratti walitti qabamaniiru.
Viidiyoon taatee sana agarsiisuu miidiyaa hawaasaarratti qoodame dubartii sodaattee, fiixee reestoraantii kanaatti harkaan fuulashii dhoksitee teessu agarsiisa.
Viidiyoo biraatti ammoo qondaalota poolisiitiin marfamtee jirtu agarsiisa.
Poolisoonni sun namoota bakkichatti walitti qabamuun tishartii ofirraa baasi jedhanii ittii iyyaani fi dubartii sana gidduu goruusaanii viidiyoon sun kan agarsiisu.
Viidiyoowwan biroorratti warri amantii arrabsan fannifamuu qabu wayita namoonni jedhan agarsiisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodame akka agarsiisutti, Aadde Shehirbanoon seensa mana nyaataa sanaa dhaabbattee, namoota taggabbeessuuf yaalaa turte.
"Dhugumatti namni shamiziirratti barreeffame beeku hin jru," jette. "Hojiin guddaan dubartii sana nageenya ishee mirkaneessuuf jecha naannoo sana keessaa baasuuf yaalan."
Aadde Shehirbanoon dubartiiin kun namoota walitti qabaman sana waliin "mari'achuu" akka feetullee dubbatte.
"Dubartii kana fuunee akka deemnu itti himne, gochi ishee akka ilaalamaa akka jiruu fi yakka raawwatame kamiifuu akka seera biyyattiitti itti gaafatamti jennee iti himne."
Viidiyoon sun Aadde Shehirbanoon harka ishee dubartii mataatti haguuggatee fi uffata gurraacha uffatte sanarra harka kaa’uun namoota walitti qabaman keessaa dhiibde wayita baastu agarsiisa.
Poolisoonni kaanis namoota harkaa walqabatanii karaa dubartii sana baasan mijeessan.
Aadde Shehrbano akka jedhanitti, deeggartoonni paartii finxaaleyyii Tehreek-e-Labaik Pakistan (TLP) namoota walitti qabaman sana keessa jiru.
Dubartoonni kunneen gara buufata poolisiitti kan seenan yoo ta'u, hayyoonni amantii hedduun barreeffamni uffata isheerratti barreeffame harkaan kan miidhagfame malee , keeyyata Qur'aana keessaa akka hin taane mirkaneessan.
Sana booda poolisiin hayyoonni kun viidiyoo firii qorannoosaanii i ibsu fi dubartiin kun qulqulluu ta'uu ishee ibsu akka waraabamu gaafate.
"Ani akeeka akkasii hin qabu ture, kun dogoggoraan mudate. Ammas waan ta'e hundaaf dhiifama nan gaafadha, lammata waanti akkasii akka hin raaawwatamne nan mirkaneessa," jechuun Musliima ta'uu ishee fi gonkumaa amanticha akka hin arrabsine dubbatte.
Angawoonni daldalaaf Laahor akka turte himan.
Dhimma amantaa irratti gorsaa Muummicha Ministeeraa kan turan Taahir Mahmuud Ashirafi, X irratti, dubartii sana osoo hin taane, dhiironni namoota walitti qabaman keessaa warra dhiifama gaafachuu qabu turan.
Aadde Shehirbano akka jedhanitti, aanga'oonni biyyattii taateewwan Dilbata darbee fakkaatu ‘’babal’isaa jiru'' jechuun qeeqan.












