Abbaan Gadaa duraanii Gujii Yuuba Aagaa Xenxenoo boqotan

Madda suuraa, ARARA TV
Abbaan Gadaa duraanii Gujii Yuuba Aagaa Xenxenoo ganna 78'tti guyyaa har'aa boqochuu maatiin BBC’tti himan.
Abbaan Gadaa duraanii kuni baatiiwwan muraasa darbaniif erga dhukkubsataa turan booda waaree booda Godina Gujii Magaalaa Shaakkisootti lubbuun isaanii darbe.
Maatiin isaanii BBC’n dubbise har’a 10:30 irratti lubbuun isaanii darbuu himan.
Yuubii Gadaa kuni hospitaalota hanga shanitti adeemuun yaalamaa turanis torban lama dura garuu manatti akka deebifaman taasifamuu maatiin dubbatu.
‘’Hin danda’amne, hin dandeenyu haalli isaanii cimaadha. Lubbuun nama jiraatu miti. Galadhaa mana isaaniitti haa boqotan,‘‘ jechuun himan.
Erga manatti galaniis dhukkubsataama turani. Garuu ‘’dhibeen irraa deemuu dide, ittuma cime har’a boqotan.’’ .
Baatii shan dura hospitaala seenuun erga yaalaman booda bahanii turan. Garuu hin turre, baatii tokko booda dhukkube jennaan hospitaala seenan.
Kanaanis baatiiwwan afran darbaniif maatiin dhukkubsataa akka turan BBC'tti dubbatan.
Waa’ee dhibee isaanii maatiin akkanaan himu: ''Dhiibbaa onnee, dhiigni itituu, fi nafi isaanii ajajamuu dhabnaan wiilchariidhaan [gargaartuu] sosso’aa turan‘‘ jedhan.
Gadda isaanii hordofee namoonni gadda isaanii ibsaa jiru.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gadda ibsanii Yuubi kuni ‘’Gadaan duudhaa isaa eegee dhalootatti akka darbuuf gahee guddaa’’ gumaachuu dubbatan.
Qondaalli paartii mormituu Jawaar Mohaammad gama isaaniin ‘’Jabaa namaa, hayyuu sabaa kan Gadaa deebisanii beeksisuu keessatti adda dureen qabsaa’aan,’’ jechuun ibsan
Yuuba Aagaa Xenxenoo eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
A.L.I bara 1937 Ardaa Bulee Horaa Ganda Woleenaa Bokossaa jedhanii yaaman keessatti dhalatanii achumatti guddatan.
Ijoollummaatti jabbilee fi loon tiksaa, akkasumas qotisa qotaa guddachuu seenaa isaanii kana dura BBC'tti himanii turan.
Mana barnootaa seenanii barachuuf garuu carraa hin arganne.
Wayita umriin isaanii barnootaaf ga'u akka carraa mishinaroonni warra Noorwayi gara naannoosaanii dhufan irraa barnoota amantii baratan.
''Amantii makkaana yasuusiin hordofaa ture, wangeela baradheen waldaa keessa hojjechaa ture. Hanga bulchuuttillee ga'eera. Isa booda bara dargii bulchaa gandaan ta'e.
''Bara ADWUI aangoo qabate ammoo dabballee ta'een hojjedhe. Utuun kanaan jiruu haalaa fi amala kiyya akkasumallee akkaataa tajaajila an uummataaf kennu ilaalanii abbaa Gadaa godhanii na filatan,'' jechuun haala itti Abbaa Gadaa ta'an dubbatan.
Yuuba Aagaa Xenxenoo ALI bara 2000 ture baallii kan dabarsan.
Sirna Gadaa barsiisuu qofa osoo hin taane ittiin jiraanna kan jedhan Yuuba Aagaa Xenxenoo, ilmeen kiyyallee kanumaan baraa guddatti jechuun dubbatan.
Yuuniversitiin Bulee Horaa bara waggaa jaha dura gumaacha isaanii ilaalee Doktora Kabajaa badhaasuun ni yaadatama.












