Euro 2024 seenaa raajii galmeesse eenyuun kuffisee, eenyuun dabarsa?

Madda suuraa, Getty Inages
Dilbata har'aatii eegalee taphootni ramaddii sadaffaa fi isa dhumaa gareelee 16 marsaa itti aanutti ce'an adda baasan ni gaggeefamu.
Taphootni lamaan ramaddii tokkoo sa'aatii walfakkaatatti kan gaggeeffaman yeroo ta'u, guyyaa tokkotti ramaddii lama irraa taphoota afurtu gaggeeffama.
Tapoota ramaddii lama gaggeeffamaniin gareeleen sadii marsaa itti aanu biyyoota 16 hirmaachisutti ce'uu kan mirkaneeffatan yeroo ta'u, taphootni guyyoota lamaan dhufanii ammoo biyyoota 13 hafan addaa baasa.
Darbuu kan mirkaneeffatan, Jarman, Ispeeniifi Poorchugaali. Kanneen kufuu mirkaneeffatan ammoo Hangariifi Poolaandi.
Ramaddiin E kan Beeljiyeem fa'a keessa jirtu dorgommii Waancaa Awurooppaa keessatti seenaa haaraa galmeesseera. Hunduu qabxii walqixaa sadii qaba.
Warra jajjaboo keessaa eenyutu marsaa itti aanutti ce'uuf rakkata?
Ramaddii A
Ramaddii kan keessaa qopheessituun dorgommichaa Jarmaniin taphoota lamaan irraayyuu qabxii jaha argachuun dursitee darbuu mirkaneessiteetti.
Hangariin ammoo tapha lamaan irraayyuu qabxii osoo hin argatiin biyyatti galuu mirkaneessiteetti.
Iskootlaand qabxii tokkoofii idaa goolii 4n Hangarii injifattee garee gaarii ramaddiirraa sadaffaa ta'e xumure taatee darbuuf abdatteetti. Ammoo lakkoofsa goolii hedduun injifachuun idaa xiqqeessuun carraa bal'isaaf.
Dorgommii kanarratti gareen qabxii afur argatee marsaa itti aanutti soo hin ce'iin hafe hin jiru.
Ramaddii kana jalatti gahumsa gaarii agarsiisaa kan jirtu Siwiizarlaand qabxii afur kan qabdu yoo ta'u, darbuu kan mirkaneeffatte Jarmanirraa qabxii qooddachuunis ta'e mo'amuun ishee dabarsa.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ramaddii B
Ramaddii kana keessaas Ispeen qabxii jaha argachuun marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteetti.
Taphootni hafan garee lammaffaa ta'ee darbu adda baasuuf baayyee murteessaadha.
Xaaliyaan kan qabxii sadii qabdu Kirooshiyaatiin injifatamuu yoo baatte darbuushee ni mirkaneessiti. Kirooshiyaa, kan qabxii tokko qofa qabdu Xaaliyaaniin yoo injifatte Albeeniyaan Ispeeniin akka hin moone kadhachuu qabdi. yoo sun ta'e ni dabarti.
Shaampiyoonaan bara darbee Xaaliyaan Kirooshiyaatiin mo'amtee, Ispeen ammoo Albeeniyaa yoo mootee ykn qixxee yoo dhume dorgommichaa bahuusheeti.
Ramaddii C
Ramaddii kana keessaa gareen dursee darbuu mirkaneesse hin jiru. Dorgommicha injifachuuf tilmaama guddaa kan argatte Ingiliz tapha ramaddii isa dhumaa kan eegdu yoo ta'u injifatamtuyyuu garee sadarkaa sadaffaan xumure isa gaarii jedhamuun darbuuf hiree qabdi.
Ingiliz qabxii afur qabattee, qabxii lama kan qabdu Islooveenikaa morkatti. Deenmaark kan qabxii lama qabdummoo Sarbiyaa kan qabxii tokko qabdu waliin morkatti. Sarbiyaadhaan alatti hunduu yoo injifate marsaa itti aanutti darbuuf hiree qaba. Sarbiyaan garuu injifattee Islooveeniyaan Ingilaandiin akka hin moone eeguun irra jira.
Sarbiyaan yoo qixxee baate ykn injifatamte ni galti, Islooveeniyaafi Deenmaarkis akkasuma.

Madda suuraa, Getty Images
Ramaddii D
Ramaddiin kun jabaadha. Faransaay Neezerlaandis fi Oostiriyaan walqabataniiru. Poolaand tapha lamaan irraayyuu qabxii dhabuun galuushee mirkaneeffateetti.
Nezerlaandisiifi Faransaay qabxii qixxee, 4, qabu. Oostiriyaan ammoo sadii. Nezerlaands Oostiriyaatiin injifatamuu yoo baatte tokkoffa aykn lammaffaa baatee darbuun ishee mirkana.
Faransaayis Poolaandiin yoo mo'amuu baatte marsaa itti aanutti darbuunshee mirkana.
Oostiriyaan ammoo tokkoffaa ykn lammaffaa ta'uun darbuuf nezelaandisiin injifachuu qabdi. Qixxee bahuunis garee gaarii sadaffaa taatee akka dabartu hiree kennaaf.
Ramaddii E
Ramaddiin kun raajiidha. Beljiyem, Romaaniyaa, Yukireeniifi Isloovaakiyaan taphootni lamaan ramaddii erga gaggeeffamanii booda hunduu qabxii sadi sadii qabu.
Seenaa dorgommii Waancaa Awurooppaa keessatti taphoota ramaddii lama booda gareen hunduu qabxii sadii yoo qabaatu kun kan jalqabaati.
Gareen kuntapha dhumaasaa Roobii gaggeessa. Hunduu tapha dhumaasaanii yoo injifatan akka darban ni beeku. mo'icha malee wanti tokkoffaa ta'uun darbuuf wabii kennuuf hin jiru.
Beljiyeem Yukireenirraa, Romaaniyaan ammoo Isloovaakiyaarraa qabxii tokko tokko argannaan ni darbu.
Taphootni lameen qixxee dhumanii jennaan garaagartummaa gooliin adda bahu. Haala kanaan ammoo Beeljiyeemiifi Romaaniyaatu walitti aanee darba. Achii Isloovakiyaan carraa garee sadaffaa qabxii gaarii qabuu taati. Yukireen ammoo kan galtu ta'a.

Madda suuraa, Getty Images
Ramaddii F
Ramaddii kana keessaa Poorchugaal qabxii jaha argachuun darbuushee mirkaneeffatteetti.
Itti aansee qabxii sadii kan qabdu Turkiidha. Cheek Rippaablikiifi Joorjiyaan ammoo qabxii tokko tokko qabu.
Turk, Cheek waliin yoo taphattu qixxee ykn injifannoon ishee dabarsa. Cheek garuu Turkiin injifattee Joorjiyaan Porchugaaliin akka hin injifanne eegdi. Yoo Joorjiyaan injifatte garuu gooliitu adda baasa.
Yeroo duraaf dorgommii kanarratti kan hirmaatte Joorjiyaan Poorchugaaliin yoo injifatte Cheek Turkiin akka injifattu eeguutu darbuushee mirkaneessaaf.












