Dubartii Itoophiyaa waan yeroo boqonnaashee irratti dabarsitu gara biizinasii guddaatti jijjiirte

Haadha qabeenyaa Kabaanaa dizaayiniifi dubartoota kampaanicha keessa hojjetan

Madda suuraa, Kabaanaa

Kaabaanaan, dizaayiniifi hojii leezerii yeroo boqonnaa ofiitti jaalala waan sana hojjechuuf ‘hobby’ qabanirraa kan ka’een hojjechuun dhalatee namoota baayyeef carraa hojiifi abdii uumedha.

Samahaal Gu’uush Kaabaanaan hojii yeroo boqonnaashee ture. Amma hojjettoota 100 ol kan qabu yoo ta’u, bu’aawwan gogaafi kallee barbaachisoo omishuun gabaa biyya alaatiif erguun alatti, dubartoota ogeeyyii ta’an xiqqaa hin taaneef carraa kan uumeedha.

Finfinneetti kan guddatte Samahaal osoo waggaa torba dura dhaabbata Kaabaanaa jedhu bantee hojii leezerii hin jalqabiin dura, wayita Yunivarsiitii galtee Arkitekcharii barataa turtetti gogaa irraa faayaawwan harkaa hojjechaa turte.

Erga Yunivarsiitiirraa eebbifamteen booda dhaabbata Arkitekchariitti qacaramtee osoo jirtuu, cinaatti hiriyyootashee biroo waliin ta’uun biizinasiiwwan sadii jalqabdee akka barbaaddetti hin milkaa’iin hafeera. Haata’u malee, carraaqqii taasiftu addaan hin kutne.

Samahaal yeroo boqonnaa qabdu hojii borsaa gogaarraa hojjetamaniif oolchuudhaan dhaabbata Kaabaanaa leezer yeroo jalqabdetti, jireenya dubartii jalqabaa qacarte fooyya’ee arguun hojiishee yeroo guutuu irratti bobbaatu taasifachuuf murteessite.

“Yeroon jalqabu yeroo boqonnaa kiyya irratti dabarsuudhaaf ture, haata’u malee hojjetoota dhaabbataa qacaree miindaa kaffaluu yeroon jalqabu, isaan keessaa tokko ofiisheef qofa osoo hin taane obboleettiishee quxxisuuf baasii barumsaa kaffaluu jalqabde.

"Isheenis ‘hojjettuu dhaabbattuu ta’ee miindaan jalqabaa naaf kaffalame kanadha’ naan jetti ture,” jechuun akka itti jalqabde yaadatti.

Dubartii Samahaal jalqaba qacarte hojii kana ilaalchisuun ogummaafi beekumsi qabdu murtaa’aa ta’us, gogaa muruufi hodhuu barsiisuun jireenyishee yoo jijjiiramu, miirri ofitti amanuushees yeroo guddatu erga argiteen booda “kanaan booda hojiin kun kan koo qofa mitin jedhe; namoota shan yeroon qacarutti ammoo hojii koo idilee gadhiisuufan xalayaa galche,” jetti.

Wanti biraa hojiishee kanaaf sababa ta’eef dubartoota rakkoo gara garaa keessa jiran, keessumaa warra ijoollee qofaa isaanii guddisaniifi dubartoota godaansarraa deebiyan walabummaa dinagdee kan isaaniif argamsiisuufi amantaa jireenya ittiin mo’atan ta’uu isaa BBCf ibsiteetti.

Bifa kanaan invastii gochuun bu’aa argachuuf qofa osoo hin taane, jireenya namaa jijjiiruun akka itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuufi murannooshee ta’eetti fudhatte.

Akka marsariitiin kaampaanii kanaa agarsiisutti, hundeeffamee waggoota afur keessatti jijjiirama guddaa galmeessuun, maamiltootaaf faashina omishawwan gogaa Itoophiyaa qulqullina olaanaa irraa argatan uumuun alatti gabaa addunyaatti makamuu danda’eera.

Dubartiirraa dubartiif

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haannaa, Salaam, Barakat, Miiki’eelaa… kanneen jedhaman borsaawwan waaletii, borsaawwan harkaa guddaafi xiqqaa, akkasumas omishawwan biroo Kaabaanaan dizaayin omishee dhiyeessuuf maqaa kennamanidha.

Samahaal borsaawwan maqaa hojjetoota kampaanicha keessa hojjetamaniin akka moggaafaman gochuun hojjetoota omishicha duuba jiraniif kabaja kennuuf yaadamee kan taasifame akka ta’e ibsiti.

“Isaan kun jireenyasaanii keessatti goototadha; kanaaf ani wantan gochuu danda’u yoo xiqqaate maqaan isaanii maqaa omishawwan keenyaan akka waamaman taasisuudha,” jechuun dinqisiifannaa hojjetootasheef qabdu ibsiti.

Kana keessatti carraan hojii uumamu dubartoota rakkoo gara garaatiif saaxilamaniif dursa kan kennudha kan jettu Samahaal, hojjetoonni jalqaba qacarte warra ijoollee qofaasaanii guddisaa jiraniifi rakkoo hamaa keessa turan waan ta’aniif qormaata guddaa ture jetti.

“Hariiroon keenya waliigaltee hojiirratti qofa kan dhaabbatu hin turre. Waliin kiraa manaa barbaaduu, wantota bu’uuraa jireenyaaf isaan barbaachisu waliin guutuu barbaachisa ture. Qormaanni biroon ammoo ijoolleen isaanii eessa turu? kan jedhudha,” jetti Samahaal.

Kana ammoo warshicha keessatti bakka tursiisan yeroodhaaf qopheessuun leenjii akka argataniifi hojiisaanii akka jalqaban taasisuushee dubbatti.

“Borsaawwan kumaatamaan lakkaa’aman gara biyya alaatti ergina. Carraa hojiis uumneerra. Haata’u malee, milkaa’ina koo keessaa baayyee kanan itti boonu wantoota akka kanaa jireenya jijjiiran kana arguudha. Haala amma ijoolleen isaanii keessa jiran arguun gammachuu keessoo namaaf kenna,” jetti.

Yeroo ammaa kana hojjetoonni Kaabaanaa Dizaayin harka dhibba keessaa 80 ta’an dubartootadha. Industirii omishaa keessatti dubartoota hoggansaaf gahoomsuun anaaf baayyee barbaachisaa ture jechuun dubbatti Saahaal.

“Haadholiin naannoo keenyaa rakkoo qaban kan barbaadan gargaarsa osoo hin taane carraadha. Isaan keessaa tokko itti gaafatamtuu kutaa qulqullinni meeshaa itti to’atamaniiti.

"Harkashee qabee miti kanan as ishee geessise; ani carraa qofaan isheef mijeesseef. Kanaaf, waan hunda ta’e jettee hojjennaan milkeessuu dandeessa.”

Borsaa Kaabaanaan omishu

Madda suuraa, Kabaanaa

Biizinasii milkaa’aa ta’e gaggeessuuf maaltu barbaachisa?

Samahaal kampaanii omishaawwan gogaa Ameerikaa, Awurooppaafi biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti baayyee barbaadamaa ta’e omishu, mana maatiishee keessaa kutaa tokkottii keessatti ture kan jalqabde.

Biizinasii kana humna maallaqa gahaan osoo hin taane humna hojjechuufi galma iyyummaa mo’achuu jedhu qabattee jalqabde. ‘Waan hunda gochuu ni dandeessa’ jechuun kan maatiin ishee jajjabeessan Samahaal, hojiisheetti akka milkooftu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba ture.

“Abbaan kiyya iyyummaan diinadha jedha ture; jireenya kan jiraannu iyyummaa mo’anneeti. Maatiin kiyya barnoota Arkitekcherii waggaa shan baradheen itti fufuu dhiisuun koo isaan hin naafine; ykn ammoo ana hin dhaabsifne.

Innumaattuu wanta keessa keetti sitti dhaga’amu hodofi naan jedhu ture. Sun ammoo akkan addaan hin kunne na cimse,” jechuun dubbatti.

Kabaanaan yeroo miilla lamaan dhaabbachuu jalqabu omishawwan borsaa 200 gara alaatti erguuf ajaja fudhate.

Yeroo sanatti maashina tokkoon ala harkasheerraa maallaqa gahaa kan hin qabne Samahaal, warri gogaa dheedhiifi maashina dhiyeessuuf waraqata ittiin ajaja fudhatte agarsiisuun qofa liqaadhaan akka kennaaniif ture ija jabinaan kan isaan gaafatte.

Yeroo sanatti amantaan shamarran ol adeemoo hojii uummatan qaban gadi aanaa waan ta'eef baankiifi dhaabbileen liqeessan biroorraa amantaa dhabuun gufuuwwan turan keessaa tokko ture. Haata'u malee, kun Samahaal akka abdii kutattu hin taasifne.

"Ajaja fudhanne hojjennee yeroo xumurretti warri bitatan borsaawwan 100 hanqina qulqullinaatiin fudhachuu didan. Rakkoon qulqullinaa kun kan uumame ammoo yeroo horiin mana keessatti qalamutti gogaawwan billaatiin tuqaman waan jiraniif ture. Ani garuu maallaqa gahaa yeroo sanatti waanan hin qabneef yeroo sanatti naasisaa ture."

Samahaal kasaaraa rakkoo kanaan dhalate hambisuudhaaf borsaawwan warri isheerraa bitan didanii deebisan gara waaletiiwwan xixiqqaatti jijjiiruudhaan hojjettee dhiyeessuudhaaf yaada dhiyeessitee amansiisuu dandeesse.

"Bu'aa irraa argachuu baadhus waanan hojjedhe narraa fudhatan. Kun taateewwan yeroo rakkoon hojii keessatti na mudatan akkan abdii hin kutanne na barsiisan keessaa tokkodha. Maatii sooressaa keessaan dhufe miti; kanaaf, hojiirratti rakkoon na mudateera jedhee dhiisuu osoo hin taane ciniinnadhee itti fufuuti narra ture."

Deeggarsa qoor-qalbii maatiifi hiriyyootasheerraa argattu, akkasumas waldaalee keessatti miseensa taaterraa yaada furmaataa argattu haalawwan rakkisoo akkasii kana keessatti akka cimtu taasisuu keessatti gahee akka qabu dubbatti.

"Jabinn qoor-qalbii baayyee barbaachisaadha; Abbaan kiyya yeroo hunda galmi kaayyoo kootii maal akka ta'e akkan hubadhu gochuun na guddise. 'Abdii kutuun, kufuun filannoo miti; wanti milkeessuu barbaaddu tokko yoo jiraate kana keessa darbuu qabda' naan jedha ture. Kanaaf, akkaataan itti guddadhe wantan milkeessuu barbaade tokko akkan hin daganne kan na taasisu ture," jetti.

Weerarri Koronaavaayirasiifi waraanni Kaaba Itoophiyaatti ture omisha dhaabbatasheefi gabaarratti dhiibbaa guddaa uumuu yaadachuun akka sababoota abdii akka kutattu ishee taasisan keessaa tokko ta'eetti kaasti.

Yeroo weerara dhibee addunyaa sanaatti daldalli alaa addaan waan citeef ciyyeeffannaan gabaashee biyya keessa godhatte. Yeroo sanatti warra kaan waliin ta'uudhaan uccuuwwan afaaniifi funyaan ittiin haguuggataniifi meeshaaleen weeraricha ittisuuf gargaaran gara omishuutti deebite.

Hojjetoota Kabaanaa

Madda suuraa, Kabaanaa

Itti gaafatamummaa hawaasummaafi naannoo Kabaanaa

Samahaal Guhuush Inistitiyuutii Manaajimantii Siwiidin irraa leenjiifi barnoota Sagantaa Gaggeessummaa Bulchiinsa Walitti Fufinsa Qabu argatteetti. Bara 2020 ammoo kaadhimamtuu Sagantaa Gaggeessitoota Daraggoota Afrikaa Obaamaa turte.

Bara 2018 shamarree ol adeemtuu hojii uumtu jedhamuun UNDP irraa badhaasa argatteetti. Yeroo ammaa kana ammoo Bulchiisni Magaalaa Finfinnee Kabaanaa kampaanii 'Moodela' ta'edha jechuun ishee badhaaseera.

Samahaal muuxannoo biyyoota akka Siwiidin, Keeniyaafi biyyoota biroorraa argatteen, keessumaa hoj-maata balfa maqsuu irratti caalaa akka foyyaa'u gochuun hojii uumuu cinaatti kunuunsa naannootiif gaheeshee gumaachaa jirti.

"Jalqabumayyu bishaan warshaa gogaa keessaa gadhiifamu faalama naannoo kan qaqqabsiisu keemikaalli hamaan waan keessa jiru ta'uu isaa waan beeknuuf osoo hin gadhiifamiin dura dhiyeessitoota gogaa bishaan hakkamuun fayyadamaniifi naannoo hin faalle waliin hojjenna," jetti.

Dabalataanis adeemsi gogaa omishuu faalama naannoorraan gahuu danda'u ittisuudhaaf omishawwan warshaa keessattti kuufaman irra deebitee hojiirra oolchuudhaan kophee hafaafi meeshaawwan biyya alaatii galan kan bakka bu'an omishuun hojiirra oolchuu jalqabde.

Kabaanaan dhaabbata dubartoota godaansarraa deebiyaniif leenjii kennuun, akkasumas hojiiwwan biroo raawwachuun itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachaa jirudha. Gara fuula duraatti ammoo hojiisaa naannoowwan Finfinneen ala jiranitti baballisuudhaaf kan gargaaru karoora faawodeeshii hundeessuu akka qabdu dubbatti Samahaal.

Yeroo baayyee hojiin alas sochii qaamaa, deemsa miilaa, akkasumas dubartoota hirriyootashee ta'an hoji-gaggeessummaarra jiran waliin marii gaggeessuu kan jaallattu Samahaal, "milkaa'inni gammachuu keessaafi alaati. Wantan jaalladhu hojjechaa waanan jiruuf gammachuuti natti dhaga'ama," jechuun Kabaanaa keessa warra ishee waliin hojjeta waliin milkaa'ina caalurra ga'uudhaaf abbalaa jirti.