Ameerikaatti eelee saatiitti buddeena 350 tolchu kalaqee guyyaatti 8,000 ol rabsuu danda'eera-Saaraa K. Hordofaa

Madda suuraa, Saaraa Kabbadaa
Saaraa Kabbadaa Hordofaa waggoota 20 ol Ameerikaa kutaa Minesootaa keessa kan jiraattu yoo tahu, yoo xiqqaate guyyaatti buddena 8,000 maamiloota isheef rabsiti.
Saaraan Oromiaa, godina Arsii Leemmuu Bilbilootti dhalattee kan guddatte yoo ta'u, osoo gara Ameerikaatti hin darbiin dura baqattumaan Keeniyaa keessa waggoota saddet dabarsiteetti. Erga Ameerikaa galtee booda ammoo buddeena tolchitee gurguruun jiraachaa turte.
Ameerikaa keessatti bara 2008 irraa eegaluun buddeena harkaan tolchuun gurguraa turte. Guyyaatti dhaabbattee sa'a 16 ol buddeena tolchaa ooltus maamiloota ishee wal geesisuu akka hin dandeenye dubbatti.
Kana irraa ka'uun maaliif maashina sa'a gabaabaatti buddeena baay'ee tolchuu danda'u hin kalaqu jechuun gara yaaliitti akka galte BBCtti himte Saaraan.
''Ani ergan gara Ameerikaa dhufee waggoota dheeraaf harkumaanan buddeena tolchaan ture. Guyyaatti hanga sa'a 16tti tolchaa waanan turuuf baay'een dadhaba ture. Garuu sa'a 16 hojjedhees maamiloota koo wal geesisuu hin dandeenye,'' jette.
Saaraan fedha maamiloota ishee kana guutuufi hojii daldalaa ishee guddisuuf jecha gara waggoota shanii kan tahaniis maashina buddeena baay'ee yeroo gabaabaatti tolchu hojjechuuf yaaltee dhumarratti milkoofte.
Waggaa tokko dura maashina sa'a tokko keessatti buddeena 350 ol tolchu kalaquun dadhabbii jalaa bahuu qofa osoo hin taane, fedha maamiloota ishees guutuu dandeessetti.
Amma abidda irra dhaabbachuun sa'a 16 oliif buddeena tolchuun hafeera. Maashinni ofumaan kalaqxe kun ofumaan bukoo fuudhee bareechee akkuma nama harkaan tolchuutti itti naqa.
Ofuma isaan of qadaadee yeroo bilchaatu ammoo ofumaan qadada isaa bana. Amma nama tokko qofatu buddenicha irraa fuudhuuf isa barbaachisa akka Saaraa irraa odeeffannetti.
"Dadhabbiitu kalaqatti na geesse"

Madda suuraa, Saaraa Kabbadaa
"Ani ijoollummaa koo irraa eegalee buddeena tolchaan ture. Hojiin isaa ulfaataafi daddhabsiisaa akka tahe nan beeka.''
Ijoollummaa ishee irraa eegaluun mana maatii isheettis buddeena tolchuu akka barte kan himtu, Saaraan baqattummaan Keeniyaa yeroo turtes kanuma hojjedheen jiraachaa ture jette.
Bara 2000 Ameerikaa galuu kan himtu, Saaraan hanga maashina kana hojjettutti buddeena harkumaan tolchuun gurguraa turte.
Buddeenni Saaraa Minesootaa keessatti haalaan beekama.
Kanaaf, maamiloota hedduu qabdi. Dabalataan ammoo mana girooserii waan qabnuuf achittis nyaata gurgurra jetti.
"Maamiloota koo mufachiisuu waan hin barbaanneef dadhabbiima keessa sa'a dheeraan tolcha ture. Akkas taheeyyuu garuu maamiloota koo wal geesisuu hin dandeenye.''
Saaraan Ameerikaatti humna dabalataa qacartee hojjechiisuuf namni biyyaa dhufeefi buddeena tolchuu beeku hin argamu jette.
"Kana irraa ka'een maashina na gargaaru barbaacha diizayina isaa hojjedhe. Jalqaba yaada isaa ergan fidee nama naa hojjetu argachuu hin dandeenye.
Jalqaba yeroon yaalaa tures namni tokko akka diizaayinakootti maashina jalqabaa naaf hojjennaan waggaa tokkoof akka yaaliitti itti fayyadamaan ture.''
Saaraan maashina jalqaba dizzaayin goote dhugoomsitu bu'aa qabeesumaa isaatti guutummaatti waan hin amanneef waggaa tokkoof akkuma yaaliitti itti fayyadamaa akka turte himte.
Rakkoo guddaan ammoo namootni adiinis tahe gurraachi kaan buddeena tolchuufi nyaachuus hedduu waan hin beekneef, maashina Saaraan yaaddee diizaayinii isaa hojjette kana akka isheen jettetti lafa gochuu dadhabuu isaaniiti.
"Booda irra maamiloota koo quubsuu waan hin dandeenyeef diizaayinii maashina lammaffaa hojjedheen nama barbaadaa ture. Kanumarraan ka'ee, nama tokko argadheen waliin dubbadhee akkaataa ani yaadicha itti kenneen naaf hojjete.
Sababni isaa ammoo buddeena tolchuu waan hin beekneef akkaataa ani yaade sanaan hojjechuun isaanitti ulfaata ture. Maallaqas waan barbaaduuf waggoota shan booda dhaqeen hojjechiise."
Saaraan maashina sa'a tokko keessatti buddeena 350 tolchu bua'aaba'ii akkasiin booda milkeessuu dandeesse.
''Erga maashinni kun hojjetamee anis milkaa'eera. Oomishni keenya amma haalaan dabaleera, anis boqannaa guddaan argadhe. Biyya osoo galee [maashinichi] namoota dhaabbilee daldalaa qabaniif bu'aa guddaa qabaachuu danda'a.''
"Maashinni kun buddeena ofiisaatiif tolcha. Ofii isaatiif qadada isaa bana. Humna nama tokkoon qofa hojjeta. Bukoon addatti bukaa'ee qophaa'a.
Sana booda konteenerii isatti dhiyaatee qophaa'etu jira. Isatti naqna. Akkuma buddeena geengoo goonee tolchinu sanatti of irratti buusuun, ofumatti qadaadee buddeena tolcha. Yeroo bilchaatu ofumaan ofirraa bana. Sana booddee namni tokko bira dhaabbatee iraa fuudha.''
Saaraan maashinni kun akka buddeena ofumaan ofirraa baasuuf yaallee ture. Garuu gatiin haala sanaan ittiin hojjennu qaalii taanaan dhiisne. Fuulduratti ni hojjenna jennee yaadna jette.
Saaraan maashina ishee kanatti mirga abbaa kalaqummaa [patent Right] Ameerikaatti argachuu himte. Maashinni kun sadarkaa madaallii kalaqaafi qulqullinaa guutuun akka mirga kalaqummaa argate kan himtu Saaraan, namootni kaanis bitachuuf na gaafataa jiru jette.
Maashina kana hojjechiiftee xumuruuf hanga doolaara kuma 200 fi kuma 20 akka itti baaste himte.
Maashinni kun kompitera waliin walitti hidhannoo waan qabuuf, haala ho'a isaa to'achuufi hordofuun ni danda'ama.
Maashinni kun gaaziifi elektirikaan kan hojjetu yoo tahu, qulqullina hojiifi baasii qusachuuf garuu gaazii akka fayyadaman dubbatti Saaraan.
Saaraan eenyu?
Saaraan naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Leemmuu Bilbiloo keessatti dhalattee guddatte. Baqattummaan gara Keeniyaa deemuun waggoota saddetiif jiraatte. Kaampii Kaakumaa keessa waggoota afuriif, waggoota afur ammoo magaalaa Naayiroobii jiraachaa akka turte himte.
Sana booda bara 2000 gara Ameerikaa deemte. Amma Ameerikaa kutaa Minesootaa magaalaa Miniyaapolis keessa jiraatti.
Saaraan haadha ijoollee lamaa yoo taatu, erga gara Ameerikaa deemtees bara 2008 irraa eegaluun buddeena tolchuun gurguruu akka jalqabde dubbatti.
Maashinni amma hojjette kun amma waggaa tokkoo oliif hojiirra kan jiru yoo tahu, osoo gara Itoophiyaatti geeffamee illee dhaabbilee daldalaa kanneen akka hoteelaa hedduu akka gargaaruu danda'u himti.
Ameerikaa keessattis namootni buddeena tolchuun rabsan akka maashina kana bitachuuf ishee gaafataa jiran himte.















