Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Intalli pirezidantii Kaameeruun dubartii biraa waliin miira keessa galuun wal dhungachuun dubbii kaase
Intala Pirezidantii Kaameeruun Pool Biyaa kan taate Birendaa Biyaa dubartii biraa osoo dhungattuu suuraa agarsiisu miidiyaa hawaasummaasheerratti maxxansiteetti.
Dhungoon suuraa Birendaa irraa mul'atu miira saal-quunnamtii kan of keessa qabu yoo ta'u, amalli isheen agarsiiste kun biyya seera hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa dhorku qabdu keessatti miira walmakaa uumeera.
Dubartiin umrii waggaa 26 suuraa Instagram isheerratti maxxansite irratti moodelii biyya Biraaziil Laayoons Vaalankaa ofitti qabdee dhungatti.
''Waa'een kee yoo yaadu miiraanan guutama, addunyaan akka kana beektun fedha,'' jechuun immoojii (suuraa onnee) mallattoo jaalalaa agarsiisu waliin barreeffama miira jaalalaa ibsu maxxansite Birendaa Biyaa.
Abbaanshee, gameessi siyaasaa umrii waggaa 91 kan ta'an Pool Biyaa bara 1982 pirezidantii Kaameeruun ta'an. Ergasii aangoorra waan jiraniif Afrikaa keessaa namoota yeroo dheeraaf aangoorra turan keessaati.
Biyya Giddugala Afrikaa taate kana keessatti kanneen hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa keessa seenan hanga hidhaa waggaa shaniin adabamuu danda'u.
Weellistuu biyyasheen ala jiraattu kan taate Birendaa Biyaa, maqaa King Nasty jedhamuun beekamti.
Dubartiin kun wayita suuraa hiriyaashee dhungattu kana maxxansitu jaalalleeshee akka taate ifatti hin dubbanne.
Haata'u malee erga suuraan sun maxxanfamee yeroo muraasa booda waan namoota gidduutti falmii uume itti dabaluun barreessuu eegalte.
Fakkeenyaaf barreeffama Le Monde, kan gaazexaan Faransaay ''isheenis mul'atteetti'' jechuun gabaase, qooddeetti.
Akkasumas ergaa namoonni ishee deeggaruun (dhimma hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa irratti) barreessan hedduu qooddeetti.
Kaameeruun keessatti jaallattoonni saala walfakkaataa dhimma kana irratti yaada kennaniiru.
Namoota saala walfakkaataa qabaatanii miira jaalalaa waliif qabaniif quuqamuun kan beekamtu Shakiro Birendaa Biya saaduun (jajuun) yaada kennite.
''Maxxansi ishee (Instagram irratti) Kaameeruun keessatti garee jaallattoota saala walfakkaataa LGBTQ+ ta'aniif ka'umsa murteessaadha,'' jette.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa hedduun ammoo maxxansa Birendaa Biyaa qeequun yaada kennaniiru.
Yaadonni kennaman hedduun jibbiinsa kan of keessaa qabu akkasumas yaadi kun akka hin babal'annee fi seeraan ala akka ta'e kan yaadachiisaniidha.
Duratti gareen mirga namoomaaf falman seera jabaa mootummaan Kaameeruun garee jaallattoota saala walfakkaataa irratti baase qeeqaa ture.
Pirezidanti Pool Biyaa dabalatee aanga'oonni mootummaa biyyattii dhimma kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne.