Austiraaliyaan ispermiin arjoomaan argame walmaknaan kuusaa keessaa akka dhabamsiifamu ajajje

Awustiraaliyaa bulchiinsa Queensland keessatti ispermiin baankiitti kuufame erga walmakee booda akka dhangalaafamu murtaa'e.

Qaamni ispermii qorrisiifamee baankiitti kuufame to'atu samuudi sanyii walhormaataa fudhatame eenyummaansaa erga walmakee booda akka dhabamsiifamu ajajeera.

Sanyiin haala kanaan yoo walitti makame, odeeffannoo qaccee sanyii fi galmee fayyaa hormaataa balleessuun, maatii fi arjamtoota ispermii jalaa daa'imman gara dabarsuutti geessa.

Kun ammoo deemee deemee osoo hariiroo maatii hin hubatin walhormaati akka gaggeeffamu sababa waan ta'uuf, ilmaan haraamuu akka dhalatan gochuu danda'a.

Awustiraaliyaa keessaa bulchiinsi Queensland indastiriiwwan laaboraatoorii keessatti hanqaaquu dubartii fi ispermii dhiiraa walitti makuun daa'ima uumuu- IVF jedhaman qabaachuun beekamti.

Indastiriiwwan kunneen seera mataasaaniin of bulchu, garuu dhiyeessitoota isaa keessaa akkaan guddaa kan ta'e tokko keessatti rakkoon mudachuun wayita dhagahamu mootummaan sakatta'iinsa fi hordoffii itti cimse.

Sanyii kormaa baankii keessaa dhangalaasanii qulqulleessuun kun akka biyyattiitti hanqinni spermii akka uumamu sababa ta'a.

Fedhiin ispermii dabaluun, to'annoon cimuu fi danqaan sababa weeraraa uumame wantoota dhiyeessii ispermiif rakkoo ta'aniidha.

Akka ragaa mootummaatti Awustiraaliyaa keessatti jaalalleewwan walfuudhanii waliin jiraatan ja'a keessaa tokko maatii godhachuuf ni rakkatu.

Kanaafuu namoonni hedduun ijoollee godhachuuf sanyii kormaa arjoomtonni kennan irratti hundaa'u.

Dhiheenya kana Queensland keessatti qorannoon taasifame ''qulqullinaa fi nageenyummaa'' akkasumas ''kunuunsa fayyadamtootaa, arjoomtotaa fi daa'imman ispermii arjoomtotaan garaatti uumamaniif taasifamu'' ilaalchisee ''rakkoon siistamaa'' akka jiru adda baaseera.

Qorannoon kan gaggeesse dhaabbata abbaagaar uummataa fayyaa Awustiraaliyaa yoo ta'u, kan irratti gaggeeffame ammoo dhaabbata kuusaa sanyii walhormaataa baajata doolaara biiliyoona hedduun socho'u.

Gabaasi bu'aa qorannoo kanaa ispermiiwwan arjoomaan argaman, samuudi hanqaaquu fi micireen uumame, Queenslaand keessa jiran keessaa, dhibbeentaan 42 akkamiin ''rakkoon eenyummaa fi hordofamuu dadhabuu'' akka mudate ibseera.

Manneen yaalaa qaccee sanyii kunneen hordofee hin dandeenye, akkasumas wayita eenyummaasaanii ibsanis dogoggorri uumameera.

Kun ammoo ulaagaa laaboraatooriin tokko guutuu qabu akkaan gadi buuseera.

Namoonni hedduun rakkoo mudate kanaaf IVF himataniiru. Dhaabbati guddaan kun lubbuu namaan taphate jechuun himatan.

Dhaabbatichi haala fayyaa arjoomtotaa sirriitti ibsuu dhabuu, hanqaaquuwwan sirriitti adda baasuu dhabuu fi ispermii waliin makuusaa kaasuun himannaa dhiheessaniiru.

Kun ammoo daa'imi tokko ispermii adda addaa walitti makamerraa akka dhalatu yookiin abbaa garaagaraa irraa akka dhalatu taasiseera jedhan maatiin.

Qaamni qorannoo gaggeessuun rakkoo kana adda baase kun [armaan olitti ibsameera] dhiheessitoonni sanyii walhormaataa hundinuu ulaagaa yeroo ammaa jiru hin guutan taanaan ispermii fi sanyii hormaataa kaan arjoomaan argaman balleessuu akka qaban yaada dhiheesse.