Siwiidin miseensa NATO ta'u kan mormaa turte Turkiin amma deeggaruun ibsame

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayiib Erdowaan Siwiidin miseensa NATO akka taatu deeggaruu Barreessaan Olaanaa dhaabbatichaa Jens Stoltenberg himan.
Erdowaan Siwiidiin Dhaabbata Wal ta’iinsa waraanaa Kaaba Atilaantikii akka taatu paarlaamaa biyyattiitti dhiheessanii akka raggaasifamu carraaqu jedhan.
Dhimma kana irratti Ministirri Muummee Siwiidiin Ulf Kristersson ‘’Baay’een gammade, Siwiidiniif guyyaa guddaadha,’’ jedhan.
Siwiidin miseensa NATO ta'uuf iyyata kan galchite akkuma Raashiyaan Yukireen weerarteen ture.
Haa ta'u garuu, Siwiidin akka miseensa NATO taatu Turkiin hin barbaaddu.
Biyyi tokko miseensa NATO ta'uuf miseensonni hunduu irratti walii galuu qabu.
Siwiidin hidhattoota warra Kurdii deeggarti jechuun Turkiin himataa turte.
Kanaafis miseensa NATO ta'uuf hidhattoota kana dabarsitee kennuu qabdi jechuun ulaagaa dhiyeessitee turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma kana irratti Pirezidantiin US Joo Baayidan gammachuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Biritiish Rishii Sunaak Siwiidiin dhaabbaticha seenuun ‘’hunda keenya nageenya keenya eegsisa’’ jechuun ibsani.
Barreessaan Olaanaa Nato dhimma kana kan ifa godhan gaafa Wiixataa hoggantoota Turkiifi Siwiidin waliin erga marii gaggeessan boodadha.
Dureen Nato murtee Turkii kana ‘’tarkaanfii seena qabeessa’’ jechuun ibsan.
Ammoo guyyaa Siwiidiin dhaabbata walta’iinsa waraanaa Kaaba Atilaantikii yoom akka taatu ibsuun akka rakkisu himan.
Sababiin isaas dhimmichi paarlaamaa Turkii irratti kan hundaa’u waan ta’ef jechuun ibsan.
Siwiidiin fi ollaan ishee Finlaand waggoota dheeraaf yeroo waraanaa garee tokkotti maxxanuu dhabuun seenaa qabu.
Eega Raashiyan Yukireen weerarte booda garuu baatii Caamsaa waggaa darbe dhaabbata NATO seenuuf gaafatani. Finlaand Ebla darbe miseensa taateetti.
Akka qondaala NATO’tti Turkifi Siwiidiin ‘’dhimma yaaddoo nageenyaa Turkiirratti’’ mari’atanii furmaata ka’aniiru.
Sababa kanaan, Siwiidiin heera ishee fooyyessitee, oppireeshinii farra-shororkeessummaa gootu PKK kan Turkiin ittiin himattu itti dabalteetti.
Akkasumas meeshaalee waraanaa gara Turkii al erguuf waliigalte.
Yeroo ammaa miseensummaa Siwiidiin kan raggaasisuu qaban Turkiifi Hangaariidha.
Hangaariin Turkiin yaadashee yoo jijjiirte rakkoo akka hin qabaanne ibsiteetti.
Kana dura garuu Siwiidin miseensa NATO ta'uuf Gamtaan Awurooppaa (EU) Turkii miseensa gochuuf marii jalqabuu qaba jechuun ibsitee turte.
Hoogganaan NATO Siwidiin NATO'tti yoo makamte nageenya miseensota gamtichaa eeguf bu'aa guddaa akka qabu ibsuun ni yaadatama.












