Dursaan Waagnar Yevgeenii Piriigoozhin fincila booda Puutiin wajjin wal-argan

Yevgeenii Pirigoozhin

Madda suuraa, PRESS SERVICE OF "CONCORD"

Torbee lama dura Raashiyaatti fincila kaasee kan ture Hoogganaan Garee Waagnar Yevgeenii Piriigoozhin pirezidaantii Raahiyaa Vilaadmir Puutiin wajjin wal-arguu mootummaan Raashiyaa beeksise.

Dubbii Himaa Kirimiliin, Dimiitirii Peeskov akka jedhanitti, namoota 35 Mooskotti walgahif waamaman keessaa Yevgeenii Piriigoozhin tokkoodha.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin waa'ee waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiruu fi fincila Gareen Waagnar gaggeessee irratti ibsi akka kennameef kaasa qondaalli kun.

Gareen Waagnra Yevgeenii Piriigooozhiniin durfamu torbee lama dura gaafa Waxabajjii 23, 2023 fincila sa'aatii 24 qofa ture mootummaa Raashiyaa irratti gaggeessee ture.

Loltoonni Waagnar Mooskoo qaqqabuuf 200km yeroo isaan hafutti dhiigni lammiilee Raashiyaa dhangala'uu hin qabu kan jedhuun garichi deemsa gara Mooskotti gaggeessu dhaabee boodatti deebi'e.

Gareen Waagnar akka dudduuba deebi'uuf wabiin kennameef ammoo himanni Yevgeenii Piriigoozhiniifi loltoosaarratti baname akka addaan cite. Inniifi loltoonni isaa gara Belaarus deemanii qubachuu akka danda'anis itti himame.

Erga fincila sanaatii garuu Yevgeenin bahee hin mul'anne ture.

Oduun har'a Raashiyaadhaa dhagahame garuu Pirezidaant Puutin wajjin wal-argan kan jedhuudha.

Waa'ee waraanaYukireen keessatti gaggeeffamuu ilaalchisee Yevgeenii Piriigoozhinfi Ministeera Ittisaa Raashiyaa gidduu waldhabdee cimaatu ture. Yevgeeni Piriigoozhin irra deddeebin ifatti dhiyeessii meeshaa waraanaa nuuf hin kennan, isaan ofittodha jechuun qondaltota waraanaa Raashiyaa himataa ture.

Dubbi Himaa Kirimiliin kan ta'an Dimitirii Peeskov akka jedhanitti, fincilli Garee Waagnar erga hafee guyyaa shan booda Kirimiliinitti dhiyaachun ibsa Pirezidant Puutiniif kennan keessaa tokkoo waa'ee waraanaati.

Waraana Yukiren keessatti gaggeeffamaa jiruun waa'ee gahee garee Waagnaris Yevgeenin ibsa kan kenneeera jedhame.

Dimiitirii Peeskov akka jedhanitti, Yevgeenii Piriigoozhin loltoonni isaa Puutin irraa mormii homaa akka hin qabne Puutinitti himeera.