Belaaruus maaliif Yukireenirra Raashiyaa caalsifatte?

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan hoogganaan Waagnar Yevigenii Pirigozhin jedhaman erga fincila dhaabaniin booda gara Belaaruus imaluu himteetti.
Beelaaruusis ajajaa michuu duraanii Putiin kana simachuu gaafa Kibxataa beeksiseetti.
Belaaruus loltoonni Raashiyaa karaa daangaa isheetiin akka Yukireen weeraraniifi meeshaan waraanaa nikularaa Raashiyaa daangaa ishee keessa akka dhaabbatuuf hayyamteettif.
Belaaruus eessatti argamti? Ofii biyya akkamiiti?
Belaaruus karra galaanaa maleettii Awurooppaa bahaa keessatti argamtuufi Raashiyaafi Yukireeniin daangeeffamtuudha.
Hanga bara 1991tti riippablikii Sooviyeeti Yuniiyeenii duraanii turte.
Belaaruus ummata miiliyoona sagalii kan qabdu yoo taatu, biyyoota Awurooppaa hiyyeeyyii keessaa tokkodha.
Dinagdeewwan biyyattii hedduun mootummaan bulfamu.

Biyyattiin kuni duraan akka ''abbaa irree xumuraa'' Awurooppaa keessatti argamutti ibsamti turte. Mootummaan ishiis siiviloota ukkaamsuu fi pireesii daangeessuun qeeqama.
Hoogganaan Beelaaruus Aleeksaandar Luukaashenkoo erga bara 1994 kaasee aangoorra jiru.
Haata'u malee, sababii filannichi waliin dhahameera jedhaniifu biyyoonni akka UK, Gamtaa Awuuroppaa fi Ameerikaan Luukaashenkoo akka pirezidantiitti beekkamtii hin kennaniif.
Filannoon dhumaa kan bara 2020 gaggeffamees ji'ootaaf mormii kaasuun tarkaanfii gara jabina humnoota nageenyaan dhaabsifame.
Mootummaan Raashiyaa Aab Luukaashenkoo deeggaruun humnoota nageenyaa isheetiif gargaarsa taasisuun liqaa atattamaa dolaara biiliyoona 1.5 kenniteef.
''Lukaashenkoon riqiichisa warra lixaa waliin qabuun ummata isaa irraa adda of baaseera,'' jedhan Belaarussitti Ambaasaaddarri duraanii UK Dr Niigeel Goold Deevis.
Dr Niigeel ammatti miseensa Insititiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaati. ''Kanatu caalaa akka Raashiyaa irratti hirkatu isaan taasisa'' jedhan.
Belaaruus attamiin dhimma Waagnar irratti Raashiyaa gargaarte?

Madda suuraa, Reuters
Aab Luukaashenkon hoogganaa Waagnarii fi Pirezidanti Vilaadmiir Puutiin jidduutti jaarsummaa deemuun galateeffataman.
Akka Kiremiliinitti, Pirigoozhiin booddeetti deebifamuun loltoonni isaa gara Mooskootti imalaa turan bittinaa'aniiru.
Michuun duraanii Putiin kuni erga Luukaashenkoo waliin waliigalee booda gara Belaaruusiitti imaluuf waliigale.
Haata'u malee, hoggannaan paartii mormituu Belaaruus biyya baqaa jiran, Tikhaanoviskaayaan, Pirigoozhiin akka gara Belaaruusiitti imalu hayyamuun ''biyyattii keessatti tasgabbii dhabiinsa gara biraa'' uuma jedhan.
Raashiyaan Yukireen weeraruuf attamiin Belaaruusitti fayyadamte?

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2021 keessa, Belaaruus waliigaltee nagaa loltoonni Raashiyaa akka achitti buufataniif hayyamu Raashiyaa waliin mallatteessite.
''Lukaashenkoon duraan humnoota Raashiyaa keessummeessuuf sababii didaa turaniif, Putiin dhiibbaa irraan gahaniiru ta'a,'' jedhan miseensonni Inistitiyuutii Tajaajila Gamtaa Rooyaal, Emiilii Feeris.
Amajjiifi Guraandhala 2022 keessa, humnootiin Raashiyaa shaakala waraanaa waloo Belaaruus waliin gaggeessan.
Isaan boodas karaa daangaa sanaatiin loltoota hanga 30,000 ta'aniitu Yukireen weerare.
Innis magaalaa guddoo Yukireen Kiyiviif daandii gabaabaadha.

Weeraraan booda yoosuma Belaaruus sadarkaa ishee walabummaa fi biyya nikulaaraan alatti (non-nuclear) jijjiirratte.
Innis humnoota Raashiyaa buufata xiyyaara waraanaa isaaniitti fayyadamuun daangaa isaanii keessaa misaa'elota akka dhukaasaniifi daandiiwwan baaburaa fi kaan akka fayyadamaniif hayyamaniif.
Deebii kanaatiifis, UK, Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa fi Kaanaadaan Belaaruusiifi Raashiyaa irra qoqqobbii kaa'an.
Haata'u malee, Luukaashenkoon loltoonni isaanii Yukireen keessatti akka hin lolleef dhorkaniiru jedhu Oleeg Ignaatov, Dhaabbata Idil-addunyaa Kiraayisis Giruuppii irraa.
''Waraana keessatti hirmaachuu baqachuuf kan danda'ameef hunda gochaa jiru'' jedhu. ''Innis aangoo isaanii xiqqoo Luukaasheenkoon qabanidha.''
Meeshaa waraanaa nikularaa Raashiyaa kamiitu Belaaruus keessa jira?
Bitootessa keessa, Putiin Raashiyaan eenyummaa kanneen ''injifatamuu tarsiimoo nurra qaqqabsiisuu yaadan kamuu ittiin waraanuuf, misaa'eelota niikularaa tarsimowaa Belaaruus keessa kaa'uu dandeessi jedhanii ture.
Akkasumas misaa'eelonni Iskandar kan mataa nikulaaraa baachuu danda'an duraan geeffamuus himaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Meeshaaleen waraanaa nikularaa taaktikaa jedhaman mataa nikularaa xiqqoo kanneen adda waraanaa kiyyeeffannaa addaatiif fayyadan qabatu.
Belaaruus erga bara 1994 meeshaa waraanaa nikularaa balleessuuf waliigalte asi meeshaa kana qabaattee hin beektu.
Lukaasheenkoon haasaa TV mootummaa Raashiyaarratti taasisaniin, meeshaan waraanaa nikulaaraa Raashiyaa Belaaruus keessatti akka buufatu hayyamuu qofaa osoo hin taane, ''akka deebisan barbaadna'' jedhan.
Dr Goold Deeviis ammoo: ''Putiin meeshaalee waraanaa sanaan Yukireen waraanuuf gara Beraaluusiitti geessuu hin barbaadu, tarii filmaata dhoksaa kiyyeeffannaa warra lixaa barbaadaa jira ta'a,'' jedhan.












